Waa'ee intala Kim Jong Un bakkasaa bu'uu dandeessi jedhamtuu maal beekna?

Ibsa waa'ee viidiyoo, Intalli Kim Jong Un wayita abbaashee waliin Beejiing seentu daawwadhaa!

Bulchaan Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un Chaayinaatti kora dureewwan biyyootaa hirmaachisee fi aanga'oota waliin iwalitti isa fidurratti yeroo jalqabaaf hirmaachuunsaa mata duree oduu addunyaa ta'eera.

Garuu hunda caalaa kan qalbii lammiilee Kooriyaa hawwate intalli isaa xiqqoon uffannaa bareedaan faayamtee baabura meeshaa waraanaa hidhate keessaa isa waliin wayita isheen buutuudha.

Shamarreen kun Kim Ju Ae jedhamti, intala Kim Jong Un.

Akka dhaabbata basaasaa Kooriyaa Kibbaatti shamarreen kun abbaashee kan ta'e buclhaa Kooriyaa Kaabaa bakka bu'uu dandeessi.

Garuu waa'een shamarree kanaa bal'inaan hin beekamne. Lafarratti daa'ima xiqqoo kan fakkaattu intalli Kim Jong Un kun umriinshee hangami? Waa'ee shamarree kanaa hangam beekna?

Suuraan miidiyaan Kooriyaa Kaabaa KCNA Fulbaana 2, 2025 gadhiise wayita abbaanshee Kim jong Un Daarektara Olaanaa Paartii Koministii Chaayinaa harka fuudhu Kim Ju Ae cinaa dhaabbatti

Madda suuraa, KCNA

Ibsa waa'ee suuraa, Kim Ju Ae (karaa mirgaa fageenyarraa) yeroo jalqabaaf abbaashee waliin gara biyya alaa imalte

Kim Ju Ae bulchaa Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un fi haadha warraa isaa Ri Sol- Ju kan jedhamtuuf daa'ima lammaffaa akka taate waggootaaf ibsamaa ture.

Maatiin kun ijoollee sadi akka qabantu himama.

Haata'u malee lakkoofsa maatii kanaa fi umrii ijoollee isaanii sirriitti beekuun hin danda'mu.

Kim Jong Un waa'ee maatiisaa iccitii olaanaadhaan waan qabuuf.

Bulchaan Kooriyaa Kaabaa kun haadha warraasaayyuu erga wal fuudhanii takka turanii booda beeksise.

Ijoollee Kim Jong Un keessaa kan bulchiinsi biyyattii mirkaneessee fi maqaashee ibse Kim Ju Ae qofa.

Oduun shamarree kanaa jalqaba kan ba'e madduma hangas mara hin beekamnerraa ture.

Taphataa kubbaa kachoo Deenis Roodmaan jedhamutu bara 2013 gaazexaa The Guardian jedhamutti hime.

Biyya dhoksaan wayita daawwatutti ''daa'imasaa Ju Ae harkatti qabatee ture,'' jedhe.

Kim Ju Ae (suuraanshee kun bara 2023 kaafame) waggoota darbaniif agarsiisa waraanaa biyyattiirraa haftee hin beektu

Madda suuraa, KCNA

Ibsa waa'ee suuraa, Kim Ju Ae (suuraanshee kun bara 2023 kaafame) waggoota darbaniif agarsiisa waraanaa biyyattiirraa haftee hin beektu

Hanga bara 2022 ji'a Sadaasaatti waa'een Kim Ju Ae baayyee hin beekamu ture.

Yeroo sana abbaashee waliin sagantaa shaakala misaa'ela fageenya dheeraa furguggifamuu irratti argamte.

Misaa'elli baalistikii ardiilee hedduu qaqqabuu danda'u sun wayita dhukaafamu ija addunyaa hawwatee ture, shamarreen kunis kanumaan beekamte.

Bara itti aanu Guraandhala keessa suuraa addaa aanga'oonni olaanoo Kooriyaa Kaabaa ka'an waliin kan ishees mul'ate.

Intala kabajamtuu bulchaa Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un jedhamuun eeramte.

Ibsituun maqaa ''kabajamtuu'' jedhu kun Kooriyaa Kaabaa keessatti namoota gumaacha olaanaa taasisaniif kennama.

Abbaan ishee ''jaala kabajamaa'' jedhamee beekama. Kunis erga bulchaa egeree biyyattii ta'uunsaa mirkanaa'eeti.

Jalqaba waqtii gannaa kanatti rizoortii fi iddoo hawwata tuuristootaa Wonsan wayita eebbisiisan Kim Ju Ae abbaashee waliin argate

Madda suuraa, KCNA

Ibsa waa'ee suuraa, Jalqaba waqtii gannaa kanatti rizoortii fi iddoo hawwata tuuristootaa Wonsan wayita eebbisiisan Kim Ju Ae abbaashee waliin argate
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Miidiyaan AP jedhamu akka gabaasetti Tajaajilli Tika Biyyaalessaa Kooriyaa Kibbaa (NIS) waa'ee shamarree intala bulchaa Kooriyaa Kaabaa taate kanaa odeeffannoo dabalataa seera baastotaaf kennaniiru.

Akkasheen guluffii fardaa, bishaan daakuu jaallatu akkasumas manasaanii magaalaa Piyoongiyaang jirutti barachuushee ibsan.

Umriinshee naannoo waggaa 10 ta'uus ibsan.

Bara 2024 Amajjii keessa NIS shamarreen kun Kim Jong Un bakka bu'uu akka dandeessu ibsee ture.

Haata'u malee namoonni kaan bakka bu'uu danda'anis akka jiran eeraniiru.

Erga yeroo sanaatii shamarreen kun sagantaa hunda irrattiyyuu abbaashee faana mul'atti.

Wayita misaa'ela baalistikii ardiiwwan hedduu qaxxaamuru (ICBM) jalqabsiisan akkasumas wayita agarsiisa meeshaalee waraanaa waltajjii gidduu dhaabbatti.

Aanga'oonni waraanaa gameeyyiin akka duudhaa waraanaatti ishee dubbisaa turan.

Garuu Chaayinaatti mul'achuunshee shakkii kana daranuu jabeessa. Kooriyaa Kaabaan ala argamtee hin beektu, yeroo jalqabaaf biyyattiin ala kan mul'atte Beejiingitti.

Maatiin Kim bara 1948 irraa eegalanii Kooriyaa Kaabaa bulchaa jiru. Sanyii wareegamtootaa fi wayyuu irraa akka as dhufan lammiilee biyyattii barsiisu.

Isaan qofti biyyattii bulchuu akka qaban hubachiisu.

Kim Jong Un aangoo intalasaa kanatti dabarsuun biyyattii keessatti seenaa haaraa galmeessuuf deema shakkiin jedhu jira.

Kooriyaan Kaabaa hanga ammaa dubartiidhaan bultee hin beektu.