Waa'ee intala Kim Jong-un maal beekna?

Kim Jong-un intala isaa fi loltootan marfamee

Madda suuraa, KCNA via Reuters

Intalli gaggeessaa Kooriyaa Kaabaa Kim Jong-un torban tokko keessatti si'a lama uummatatti mul'achuun ishee aangoo abbaa ishee kan dhaalu ishee ta'uu agarsiisa kan jedhu shakkii uumee jira.

Miidiyaan biyyattii maqaa fi umurii ishee osoo hin ibsin "intala baay'ee jaalatamtuu" jechuun ibse.

Miidiyaan Kooriyaa Kaabaa KCNAn Dilbata darbe Kiimfi intali isaa loltoota, saayintistootafi namoota biroo ji'a kana keessa misaa'ela Hwasong-17 jehamu dhukaasuu keessatti hirmaatan dubbisuu isaanii gabaase.

Haa ta'u garuu waa'ee intala Kim Jong-un maal beekna?

Kim intala isaa waliin

Madda suuraa, KCNA via Reuters

Waa'en ishee yeroo jalqabaaf bara 2013 dhagahame

Kim Jong-un biyya icciitin ishee hin beekamne Kooriyaa kaabaa gaggeessa, waa'en jireenya dhuunfaa isaas akkasuma.

Adoolessa bara 2022 Ri Sol-ju erga Kiim Jong-un waliin mul'attee booda haadha manaa isaa ta'uun beekame.

Ergasii booda miidiyaalen Kooriyaa Kibbaa Kim haadha manaa isaa waliin ijoollee sadi qabaachuu akka hin oolle gabaasan.

Fulbaana bara 2013 taphatan kubbaa Faccoo US duraanii Deenis Rodman "dippilomasii kubbaa faccoo" jechuun daawwanna Kooriyaa Kaabatti taasise Kim intala durbaa akka qabu hime.

"Waa'ee mucaa isaanii Ju-ae dhagaheen ture, [haadha warra Kim] waliinis wal argee haasa'eera," jechuun Deenis barruu the Gurdian tti jime.

Dubbiin Deenis Rodman dhugaa ykn soba ta'uu isaa Kooriyaa Kaabaa irrra osoo hin dhagahamin yeroo dheeraa ture.

Kim Jon-un intala isaa waliin loltoota nagaa yoo gaafatu

Madda suuraa, KCNA via Reuters

Yeroo jalqabaaf barana mul'atte

Gaafa Sadaasa 19 miidiyaan Kooriyaa Kaabaa KCNAn suurawwan Kim Jong-un fi intala isaa heddu gadi lakkisuun yeroo dheeraf waa'en ishee hasaasama kan ture Kim intala qabaachuun isaa ifatti barame.

"Intalli Kim Kong-un uummatatti mul'achuun ishee Kooriyaan Misaa'ela ardii qaxxaamuru dhukaasuu caalaa namoota waa'ee biyyattii xinxaalan qalbii hateera, jedha gaazexeessan BBC See'ul jiru Jiin Makeenzin.

Kana jechuun Kim Jong-un dhaaltee bakka isaa buuti jechuudha?

Kim Jong-un yeroo jalqaba intalli isaa mul'attu

Madda suuraa, KCNA via Reuters

Yeroo lammataa mul'achuu ishee

Intalli Kim yeroo jalqabaaf abba ishee waliin erga uummatatti mul'attee torbee tokko booda si'a lammaffaa kara foddaa TV tiin suuran ishee gadi lakkifame. Yeroo si'a lammaffaaf mul'atu kanas maqaan ishees ta'ee umuriin ishee maqaa hin dhahamne.

Kim Jong-un kan bakka bu'u isheedha kan jedhan akkuma jiran kaan ammoo ishee ta'uufi dhiisuu murteessuf yeroon isaa hin geenye kan jedhanis jiru.

Chun Su-jin lammii Kooriyaa Kibbaa waa'ee Kooriyaa Kaabaa irratti kitaaba kan barreessite yooo taatu Kim Jong-un dubartiitti aangoo kenna waanti jedhamu hin yaadamu jette.

"Koorniyaa bira aangotti fiduudhaf inni qophii miti. Akkasumaan abbaa nama jalatu of-fakeessuf jedhee mul'ata...," jetti.

Kim Jong-un obboleettii isaa wajjin

Madda suuraa, Getty Images

Kim Yo-jong: obboleettii Kim aangoo guddaa qabdu

Bara 2020 waa'een fayyummaa Kim yaaddoo keessa galuuyeroo odeeffama ture, obboleettii isaa kan taate Kim Yo-jong bakka isaa bu'uun Kooriyaa Kaabaa gaggeessiti kan jedhu tilmaama hedduuti.

Kunis ijoollee isaa keessaa umuriidhan namni gaheessa ta'e hanga dhufutti jechuudha.

Kim Yo-jong yeroo muraasaf aangoo mootummaa olaanaa qabattee turte. Sababa qoqqobbiin Kooriyaa Kaabaa irra kaa'amee tureef yeroo dhiyoo ammoo osoo Kooriyaa Kibbaa arrabsituu dhagahamti.

KimJong-un obboleettiifi itala isaa waliin

Madda suuraa, Reuters

Garuu ammoo intalli Kim Jong-un yeroo jalqabaaf uummatatti mul'achuun ishee gaaffii heddu kaasuu hima gaazexeesan BBC See'ul irraa gabaasu Jiin Makeenzin.

"Amma maalif akka uummatatti mul'attu godhama? Aangoo fudhachuuf umuriin ishee hin geenye. Aangoo dabarsee isheetti kennuuf taanan Kim dhuguma rakkoo fayyaa qaba jechuudaa? kan jedhu gaaffii namootati," jedha Jiin.