Misaa'elli baalistikii Kooriyaa Kabaa walakkaa US gahuu danda'a-Jaappaan

Piyoongiyaangi misaa'ela haaraa fageenya guddaa deemu hojjechaa jirti

Madda suuraa, EPA

Kooriyaan Kaabaa misaa’ela balistikii ardiiwwan qaxxaamuruu danda’uu fi haga gidduugaleessa Ameerikaatti rukutuu danda’u dhukaaste, jedhan Ministerri Ittisaa Jaappaan.

Misaa’elli kun kiilomeetira 210 akka furguggifameen Lixa Hakaayidoon galaanatti dhidhime.

Ameerikaan yaalicha balaaleffachuun Kooriyaan Kibbaa ammoo tarkaanfii jabaa fudhachuu akka dandeessu akeekkachiisan.

Kamisa darbe kana Ministerri Dhimma Alaa Kooriyaa Kaabaa Son Huyi, waraanni US naannichatti yoo dabale tarkaanfii ''hamaa'' tahe fudhanna jechuun akeekkachiisan.

Guyyuma sana misaa’ela fageenya gabaabaa imaluu danda’us yaalaniiru.

Kunis Dilbata darbe Kaamboodiyaatti MM Kooriyaa Kibbaa Yoon, kan US Joo Baayidenii fi MM Jaappaan Fuumiyoo Kishiidaa waliin mari’achuu isaanii hordofeeti.

Jimaata dubbii himtuun Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa US, Adiriyaanee Waatsan pirezidaanti Baayiden dhimma kana akka quba qaban himuun qaamota dhimmichi isaan ilaallatu waliin mari’atu jedhan.

Ji’a lama darbe keessatti qofa Kooriyaan Kaabaa misaa’ela 50 ol yoo dhukaastu irra caalaan isaanii fageenya gabaabaa kan deemanidha.

 Yaaliin misaa’elaa fageenya dheeraa deemuu danda’u amma yaalame kun mataa nuukileeraa baachuun Ameerikaa qixxa lamaan buusuu akka danda’utti kan hojjetamedha. Kun yaaddoo uumee jira.

 Misaa’elli baalistikii fageenya dheeraa deemu IBM magaalaa guddoo Kooriyaa Kaabaa Piyoongiyaangi cinaatii dhukaafamuun ol ka’insa km6,100 irra gauun saffisa guddaan kiilomeetita 1,000 imale jedhe humni waraanaa Kooriyaa Kibbaa.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Misaa’elli kun gara samiitti dhukaafame. Ministerri Ittisaa Jaappaan Yasuukaazuu Hamadaa misaa’elichi US gahuuf humna barbaachisu qaba jedhan.

 "Saffisa balalii isaa yaada keessa galchuun yoo herregnu, miisaa’elli baalistikii ammaa kun dandeettii fageenya km 15,000 imaluu qaba. Ulfaatina mataa isaa nuukilera baachuu danda’uu waliin herregnee yoo ilaallu qixxa lamaan Ameerikaa fageenya inni imaluu danda’u keessa oolti jechuudha,’’ jedhan Obbo Kishiidaan.

Haalli Kooriyaan Kaabaa itti jirtu sochii waraanaa US naannoo odola Kooriyaatti gochaa jirtuuf deebii kennuuf tarkaanfii kana kan fudhachaa jirtu fakkaata.

Misaa’ela haaraa fageenya guddaa deemuu danda’u Hwasong -17 jedhamu misaa’ela baalistikii isa kana dura yaalame caalaa fagoo deemuu kan danda’u hojjetaa jirti.

Yaaliin misaa’elaa Hwasong hedduun milkaa’aa hin turre. Kooriyaan Kaabaa ammayyuu human isaa guutuun yaalii taasiftee hin milkaa’iin jirti.

Kooriyaa Kaabaa irratti qoqqobbii gurguddaan darbus bara 2006 haga 2017tti yaalii nukileeraa jaha gageessuun torbaffaa yaalaa jirti.