Kooriyaan Kaabaa misaa'ela fageenya dheeraa haaraa yaalte

The Academy of National Defense Science conducts long-range cruise missile tests in North Korea, as pictured in this combination of undated photos supplied by North Korea's Korean Central News Agency (KCNA) on 13 September 2021

Madda suuraa, KCNA

Kooriyaan Kaabaa misaa’ela fageenya dheeraa furguggifamuufi kan Jaappaan rukutuu danda’u yaaluu ishee miidiyaan biyyattii gabaase.

Yaalii Sanbataa fi Dilbata irra gaggeeffaman kanaan misaa’eelotni hanga fageenya km1,500 akka dhuukafaman KCNA eereera.

Ta’us, yaaliin kun qajeelfama Kawunsilii Nageenya UN kan cabse miti, kanaan dura qajeelfamoota kana cabsuun Kooriyaa Kaabaarra qoqqobbiin ciccimoo akka kaa’aman taasise ture.

Yaaliin kun garuu hanqinni nyaataa fi rakkoon diinagdee utuu jiruu biyyattiin dandeettii meeshalee waraanaa ijaaruu akka qabdu agarsiisa.

Yaaliin miisaa’elaa kun, “mala ittisaa egumsa biyya keenyaa mirkaneessuu fi haleellaa humnoota diinaa kamuu ofirraa faccisuu kan dandeessisudha,” jechuun KCNA gabaaseera.

Waaranni US akka jedhutti, yaaliin kun Kooriyaan Kaabaa “xiyyeeffannoo ishee sagantaa waraanaa guddisuu fi biyyootii ollaa akkasumas hawaasa addunyaaf wantoota yaaddoo ta’uu irratti akka goote,” agarsiisa.

Dabalataanis US hojii waayilotaashee Kooriyaa Kibbaa fi Jaappaan gargaaruuf gootu “ciminaaan” akka itti fuftu himeera.

Waraanni Kooriyaa Kibbaa gama isaan, dhukaasota yaalii kana irratti gaggeeffaman abbootii taayitaa basaasaa US waliin ta’uun gadi fageenyaan qorachaa akka jiru himuu, miidiyaan Yonhap gabaaseera.

Anga’ootni olaanoo US, Kooriyaa Kibbaa fi Jaappaan, adeemsa Koriyaa Kaabaa hojii nuukileeraa dhaabsisuu irratti mari’achuuf torban kana wal argu jedhamee eegama.

Manni Maree Nageenyaa UN, Kooriyaan Kaabaa misaa’eela baalistik jedhaman irratti yaalii akka hin gaggeessineef ni dhorka.

Manni Marichaa gosti misaa’elaa kun kanneen misaa'ela 'cruise' jedhaman irraa hamoodha jedhee ilaala.

Sababiin isaa misaa’elootni kunneen isa kaan caala saffisaan balali’uu, boombii cimaa baachuu fi miidhaa guddaa geessisuu danda’u.

Misaa’eelli baalistik kun rokkeetiidhaan kan hojjetuu fi fageenyaan ol dhukaafamee sana booda gadi bu’uu kan danda’u yoo ta’u, misaa’elli 'cruise' ammoo motora jeettiin kan hojjetuufi gadi siqee kan balali’udha.

Bitootessa keessa qoqqobbii irra kaa’ame kabajuu dhisuun, Kooriyaan Kaabaa misaa’elota baalistikii kan yaalte wayita tahu, kunis US, Jaappaan fi Kooriyaan Kibbaa mormii cimaa akka kaasan taasiseera.