Kooriyaa Kaabaa: Waa'ee sagantaa misaa'elaa fi niwukilaraa biyya kanaa hagam beekna?

Bakka misaa'elli 'Hwasong-12' jedhamtu irraa furguggifamtu (Kooriyaa Kaabaa)

Madda suuraa, KCNA

Kooriyaan Kaabaa kan kanaan duraa caalaa meeshaalee waraanaa addunyaaf yaaddessoo ta'an saffisaan oomishuu cimsitee itti fuftee jirti. Kunis weerara US irraa ishee mudachuu malu ofirraa qolachuuf akka ta'e himti.

Piyoongyaang bara 2021 dheekkamsaan eegalteetti, sagalee addunyaa raasu, kan miidiyaan biyyattii ''meeshaa waraanaa isa addunyaarratti humna cimaa qabu'' ittiin jedhaniin bara kana eegalteetti.

Biyyattiin misaa'ela fageenya dheeraa imalu bakka bulchaan biyyaa Kim Jong-un argamanitti galanaarra dhukaastee turte.

Kunis Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan kakuu seenanii guyyoota muraasa booda raawwate.

Aab Kiim meeshaalee waraanaa niwukilaraa heddumminaan oomishuu fi humna waraanaa isaanii cimsuuf karoora akka qaban himaniiru, meeshaalee waraanaa oomishuuf jedhanis tarreessan.

Waa'ee sagantaa misaa'elaa fi niwukilaraa akkasumas humna waraanaa Kooriyaa Kaabaa waan beeknu akkanaan qixeessineerra.

Misaa'ela US ga'uu danda'u

Kooriyaan Kaabaa bara 2017 keessa yaalii misaa'ela furguggisuu hedduu kan sadarkaa teeknloojiinshee irra ga'e mul'isan gaggeessaa baate.

Misaa'elli 'Hwasong-12' jedhamu fageenya kiilomeetira 4,500 imaluu danda'a jedhama, fageenyi kun ammoo buufata waraana galaanarraa US kan Odola Paasifik, Guam irratti argamu haleeluuf kan dandeessisuudha.

Biyyattiin itti aansuun misaa'ela 'Hwasong-14' jedhamu kan hanga fageenya kiilomeetira 10,000 imaluu danda'u hojjette.

Piyoongyaang misaa'ela fageenyaa dheeraa furguggifamu kan haga magaalaa Niwu Yoorki imaluu danda'u oomishuun ishee kan irratti baramedha.

white space

Biyyattiin itti aansuun kan hojjette misaa'ela 'Hwasong-15' jedhamuudha, kunis fageenya hanga kiilomeetira 13,000 imaluu danda'a.

Misaa'elli kun ardii Ameerikaa hunda qaqqabuu danda'a jedhameera.

Asii ol samii keessatti ammoo kiilomeetira 4,500 imaluu danda'a, kunis Buufata Hawaa Idil-addunyaa (International Space Station) si'a kudhan caaluun ol fagaachuu danda'a jedhameera.

Kooriyaan Kaabaa misaa'ela fageenya dheeraa furguggifamu kan biraa haaraa hojjechuushee bara 2020, ji'a Onkoloolessaa keessa ibsitee turte, garuu maqaasaa hin ibsine.

Yeroo dhiyoo as misaa'eloonni gurguddoon Kooriyaa Kaabaa keessatti agarsiifamaa jiru, Onkoloolessa 2020

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Yeroo dhiyoo as misaa'eloonni gurguddoon Kooriyaa Kaabaa keessatti agarsiifamaa jiru, Onkoloolessa 2020

Misaa'elli guddichi bara darbe wayita agarsiifamu addunyaa raaje kun, kutaalee US hunda qaqqabuu danda'a.

Ji'oota muraasa booda Amajjii 2021 misaa'ela fageenya dheeraa galaanarra furguggifamu agarsiiste Kooriyaan Kaabaa.

Biyyattiin isa kanaan ''meeshaa waraanaa cimaa addunyaa'' ittiin jetteetti.

Misaa'elli galaanarra fageenya dheeraa furguggifamu kun wayita agarsiifamu

Madda suuraa, KCNA

Ibsa waa'ee suuraa, Misaa'elli galaanarra fageenya dheeraa furguggifamu kun wayita agarsiifamu

Agarsiisni misaa'ela haaraa kun dameen humna waraanaa Kooriyaa Kaabaa guddachaa jiraachuu kan agarsiisuu fi bulchiinsa Joo Baayidaniif akeekkachiisa kennuudha jedhu ogeeyyiin damee kanaa.

Biyyattiin Bitootessa darbe keessa misaa'ela haaraa tooftaa ammayyaawaa fayyadamuun fageenya dheeraa imalu, "new-type tactical guided projectile" kan jedhamu agarsiiste.

Misaa'elli guddichi kun meeshaa haga ulfaatina kiilogiraama 2,268 baachuu danda'a, haala kanaan misaa'elli kun meeshaa waraanaa niwukilaraa guddicha (nuclear warhead) fe'ee deemuu danda'a.

Boombiiwwan dhohiinsa guddaa uuman (Thermonuclear bombs)

Kooriyaan Kaabaa bara 2017 shaakallii dhukaasa niwukilaraa isa haga ammaatti guddaa ta'e buufata Punggye-ri jedhamutti gaggeessitee turte.

Dhohiinsa meeshaa shaakalliif dhiyaatee kun kiilootoonii 100-370tti kan barbadeessuu danda'uudha.

Meeshaan niwukilaraa kun kan bara 1945 Hirooshimaa irratti dhohe harka ja'aan caala jedhameera.

Kooriyaan Kaabaa dhohiinsa meeshaa waraanaa niwukilaraa ''Thermonuclear bomb'' jedhamu wayita taasistu yeroo jalqabaaf akka tahe himte.

Graphic: North Korean Missiles
white space

Dameen tikaa humna waraanaa Ameerikaa Kooriyaan Kaabaa meeshaa waraanaa niwukilaraa biyyashee keessaa dhukaasuun milkaa'uu danda'uushee erga amananii booda biyyattiin meeshaa waraanaa akkanaa daddabaltee oomishuu ni dhiiste.

Sababni isaammoo dandeettiin humna waraanaa ishee mirkanaa'uufii waan amanteefi.

Ergasii buufata oomisha meeshaalee waraanaa niwukilaraa barbadeessuufillee waadaa seentee turte Piyoongyaang.

Loltoota kumaa-kitila

Kooriyaan Kaabaa loltoota qophee hedduu qabaachuun addunyaa sadarkaa afraffaarra jirti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kooriyaan Kaabaa loltoota qophee hedduu qabaachuun addunyaa sadarkaa afraffaarra jirti

Kooriyaan Kaabaa addunyaarratti biyya humna waraanaa qophaa'aa ta'e hedduu qabaachuun beekamtuudha.

Biyyattiin loltoota qophee ta'an miiliyoona tokkoo ol akkasumas kanneen eeggattoota ta'an miiliyoona shan ta'an qabdi.

Biyyattiin humna addaa yeroo kamittuu Kooriyaa Kibbaa cabsee seenee haleellaa geessisuu danda'u 200,000 ta'an qabdi.

NK-RoK: The military balance

Loltoota Ameerikaa Kooriyaa Kibbaa fi naannaw sana jiran

Ameerikaan erga bara waraana Kooriyaatii as loltootashee dachee Kooriyaa galaanaan marfamte keessatti bobbaaftee jirti.

Yeroo ammaa Kooriyaa Kibbaa keessaa loltoota 28,500 qabdi, Jappaan keessa ammoo 50,000 qabdi.

Xiyyaarri US 'B-1B Spirit bomber' jedhamu oddoola Kooriyaa irra wayita balali'u

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyaarri US 'B-1B Spirit bomber' jedhamu oddoola Kooriyaa irra wayita balali'u

Waashingtan meeshaa misaa'ela fageenya gabaabaa fi giddu galeessaa Kooriyaa Kaabaan furguggifamu qolatu ''THAAD missile defence system'' jedhamu Kooriyaa Kibbaa keessatti hundeessitee jirti.

Loltoonni US Jaappaan keessa jiran hedduunsaanii loltoota galaanarraati.

US oddoola garba Paasifikiin marfamtee argamtu Guam keessaas buufata waraanaa qabdi.

Bakki kun buufata humna waraanaa qilleensaa US isa dhaabbataadha jedhamee hubatama.

Kooriyaan Kaabaa gara buufataa kanaatti misaa'ela furguggisaa turteetti.