Kooriyaan Kaabaa niwkilara yaalutti deebi'uuf dhaadatte

Kiim Joong- un

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Hoogganaan Kooriyaa Kaabaa biyyi isaanii meeshaa waraanaa haaraa akka oomishaa jirtu himan

Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kim Jong - un yeroo biyyi isaanii Yunaayitid Isteet waliin mari'achaa turte niwkilaraafi misaa'ela fageenya dheeraa imalu yaaluu dhiisuu waliigalanii turan dhiisaa akka jirtu himan.

Obbo Kiim biyyi isaanii meeshaa haaraa akka ifa gootullee ibsan. Garuu, meeshaa kana irratti odeeffannoo dabalataa hin kennine.

Dubbii guyyaa kaleessaa ayyaana Waggaa Haaraa bara 2020 sababeeffachuun sagantaa hoggantoota paartileef qophaa'e irratti ture kana kan haasa'an.

Dubbii isaaniinis Kooriyaan Kibbaa waliigaltee isaaniin hidhamuuf dirqama akka hin qabne himan. Akka sababaattis Ameerikaan Kooriyaa Kibbaa waliin shaakallii waraanaa taasisuu ishee eeran.

Haa ta'u malee, marii Yunaayitid Isteet waliin taasisaa jiran garuu adda kunna hin jenne. Mariin kuni ilaalcha Yunaayitid Isteet irratti hundaa'a jedhan.

Sababa Ameerikaan hanga Piyoongiyaang sagantaa niwkilara ishee guutummaa guututti dhiistutti qoqqobbii irra kaa'e hin kaasu waan jettef mariin biyyoota lamaanii rakkoo godhateera.

Jarri Kooriyaa Kaabaa bara 2019 keessa yaalii meeshaalee waraanaa xixiqqoo taasisaniiru. Kunis, Ameerikaan yaadashee akka laaffistu dhiibbaa irratti uumuuf akka akeekameetti hubatame.

Yeroo marii Yunaayitid waliin biyyattiin taasifte bu'uurri waliigaltee isaanii yaalii niwkilaraafi misaa'eli furguggifamee lafa Ameerikaa dhaqqabuu danda'u biyyattiin akka dhaabdu kan jedhu isa ijoodha.

Piyoongiyaang erga bara 2017 yaalii akkanaa hin taasifne. Yaalii akkanaa biyyattiin yeroo itti aananitti yoo taasifte garuu Pirezidant Tiraamp biyyi isaanii filannootti deemaa jirtu dhiphuu keessa seensisuu mala.

Kooriyaan Kaabaa bara 2019 misaa'elota xixiqqaa yaalteetti, suuraan yeroon itti ka'e hin beekamne kuni miidiyaa biyyattii KCNA irraa argame

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Kooriyaan Kaabaa bara 2019 misaa'elota xixiqqaa yaalteetti

Obbo Tiraamp maal deebisan?

Pirezidantiin Yunaayitid Isteet Donaald Tiraamp ''anaafi Kiim niwkilara dhaabuu irrati kontiraata mallatteessine qabna'' jechuun ripportarootatti himan.

''Nama wanta dubbate hin dabsine akka ta'ettin isa yaada,'' jechuun sagantaa ayyaana Waggaa Haaraa bara 2020'f gara Filooridaa imalaa yeroo turanitti kan dubbatan.

Ministirri Dhimma alaa Ameerikaa Maayik Poompewo gama isaaniin Kooriyaan Kaabaa lolarraa nagaa feeti jedhan.

Akkuma nuti waan dubbanne hin cabsine hogganaan Kooriyaa Kaabaas jecha isaanii hin cabsan jennee yaadna jechuun ibsan.