Kim Joong - un: Hoogganaan Kooriyaa Kaabaa fardaan gaara safeeffatamu bahan

Madda suuraa, AFP
Ogganaan Kooriyaa Kaabaa Kim Joong - un gaara guddicha biyya isaan farda yaabbachuun ol bahuu isaanii miidiyaan mootummaa biyyattii himan.
Suuraaleen miidiyaa 'KCNA' jedamuun gad-lakkiifaman, Obbo Kim farda adii yaabbatanii gaara safeeffatamuufi cabbiin irraa mul'atu yoo bahan agarsiisa.
Kunis yeroo duraaf miti gaara meetira 2,750 dheeratu kana wayita bahan. Xiinxaltoonni akka jedhanitti, gaara bahuin isaanii wanta guddaa tokko ummataaf ifa gochuuf yaadu isaanii agarsiisas jedhameera.
Gaarri kunis hawaasa biyyattiin bakka addaatu kennamaaf. Innis bakka dhalootaa abbaa Kim Joong - un'ti.
Kana dura bara 2017tti, waggaa haaraatti ummatatti ergaa dabarsuun dura gaara kana yaabanii turani jedhama. Yeroosis Kooriyaa Kibbaa waliin nagaa buusuuf akka jedhan waan akeeku dubbatanii turani.

Madda suuraa, Reuters
Shakkiin amma jiruus tarii Obbo Kim Joong - un misaa'ela fagootti furguggifaman yaaluurraa of qusachuu isaanii waadaa seenu jedhame yaadameera jetteetti gaazexeessituun BBC Se'uul jirtu Laawuraa Biikar.
Hanga yoonaa bulchaan Kooriyaa Kaabaa gaara Paayektuu si'a sadii akka bahan gabaafameera. Waggaadhuma darbellee pirezidaantii Kooriyaa Kibbaa Muun Jaaye - in waliin gaara kana bahaniiru.

Madda suuraa, Reuters
Gaara Paayektuu irratti volkaanoon ammas ammas dhuka'u ni jira. Gaarri kuni bakka dhalootaa Daanguun, nama waggoota 4,000 dura bulchiinsa Kooriyaa hundeessaniitis.
Gaarri kuni Piyoongiyaang irraa kiloomeetira dhibba hedduun kan fagaate argamu yoo ta'u daangaa Kooriyaa Kaabaafi Chaayinaa gidduu argama.
Ji'a dura qondaaltonni Kooriyaa Kaabaa qondaaltota Yunaayitid Isteet waliin Siwiidinitti mari'atanii turani.
Jilli niwuukilara Kooriyaa Kaabaa hogganan Kim Miyoong - jil mariin kan milkaa'e hin turre jedhanii turan.
Yunaayitid Isteet garuu mariin gaarii ta'u ibsite.
Marii dura, Kooriyaan Kaabaa misaa'ela baalistikii haaraa furguggistee turte. Kunis, erga barri 2019 seene yeroo 11ffaaf ta'u isaati.













