Kooriyaan Kaabaa 'misaa'ela baalistikii dhugaan' Jaappaan doorsiste

Madda suuraa, AFP
Kooriyaan Kaabaa MM Jaappaan Shinzoo Abeen ''raatuu'' fi ''siyaasaan qancaraa'' jetteetti.
Sababii kanaas kan jettee kaastu yaalii meeshaalee waraanaa dhiyeenya kana taasiste maqaa dogongoraan waamuu isaaniiti.
Biyyattiin gaafa Kamisaa yaalii lama erga taasiftee booda, Aabba Abeen ''irra deddeebiin misaayela baalistikii yaalte'' jechuun balaaleffatan.
Kooriyaan Kaabaa garuu lakkii ani furguggee rokkeetaa isa guddaa yaalaan jira jechuun cichite.
Kaleessa (Sambata Duraa) ammoo, miidiyaan biyyattii ''Jaappaan yeroo dhiyootti misaayelli baalistikii maal akka tahe barti,'' jechuun gabaase.
Akka akeeka Mana Maree Nageenyaa UNtti, Kooriyaan Kaabaa misaa'ela baalistikii dhukaasuu dhorkamteetti.
Biyyattiin sagantaashee nukileeraa fi misaayelaa waliin walqabatee qoqqobbiin garagaraa irratti kaa'ameera.
Biyyattiin michuu Jaappaan kan taate Ameerikaa waliin haasawa gootuun, qoqqobbiin kun akka ka'u yaalteetti. Haatahu malee ji'ootaan dura gaggeessitoonni biyyoota lamaa erga walarganii booda haasofni milkii malee goolabameera.
Dubbiin ammaa kun waa'ee maaliiti?
Akka taajjabdoonni Kooriyaa Kibbaa keessaa jedhanitti, Kooriyaan Kaabaa ''misaayelota addaan hinbaane'' lama gara Galaana Jaappaanitti dhukaaste.

Madda suuraa, AFP
Kanuma hordofee MM Shinzoo: ''Kooriyaan Kaabaa yaalii misaayela baalistikaa irra deddeebiin gootu, diddaa biyya keenyaa qofa osoo hintaane, hawaasni idiladdunyaas kanatti dhimmammuu qaba,'' jedhan.
K. Kaabaa suuraalee wayita Aabba Kim furguggisuu kana ilaalan agarsiisu jedhame gadhiisteetti.
Miidiyaan biyyattii KCNA: ''Abeen raata'aa namaa addunyaa kanaafi seenaa dhala namaa keessatti jufunfula (gowwaa) isa bekamaa tahedha. Otoo gabaasicharraa suuraan jiruu, akkamiin misaayelaa fi sirna furguggee rokkeetaa adda baasuu dadhaba?''
Itti darunis: ''Abeen yeroo fagoo hin taane keessatti misaayelli baalistikaa inni dhugaa maal akka fakkaatu, funyaan isaa jalatti arga. Abeen nama raatuu fi siyaasaan qancaraa tahe malee, waan gara biraa tokkoyyuu miti. ''













