Kooriyaa Kaabaa: Ameerikaan biyyoonni addunyaa Kooriyaa Kaabaa waliin michummaa haa dhaaban jette

Madda suuraa, Reuters
Ameerikaan ''biyyoonni addunyaa hundi'' walitti dhufeenya dippiloomaasii fi daldalaa Kooriyaa Kaabaa waliin qaban akka dhaaban waamicha dhiheessite. Kunis erga Kooriyaan Kaabaa yaalii misaa'elaa kaleessa taasisteen booda.
Ergamtuun Ameerikaa, wayita Mana maree Nageenyaa UN'tti haasawa taasisan waan jedhan, Pirezidant Traamp gitasaanii Chaayinaaf dhiheessa boba'aa Kooriyaa Kaabaa akka dhaaban gaafataniiru.
Kana malees waliti bu'insa kan jalqabe Ameerikaa miti jechuun, bulchiinsi Kooriyaa Kaabaa osoo waraanni eegalee ''akka malee burkutaa'a'' jedhaniiru.
Akeekkachiisi kun kan dhagahame Piyoongyaang ji'oota lamaan booda misaa'ela erga dhukaastedha.
Akka jecha Kooriyaa Kaabaatti, misaa'elli Roobii dhukaafame kun, olka'insa km4,475 kan qabu ture. Kunis Buufata Hawaa Idiladdunyaarraa (ISS) harka kudhan kan fagaatu ture.

Madda suuraa, Getty Images
Jechi Kooriyaa Kaabaa kun hanga yoonaa kan hin mirkanoofne wayita ta'u, ogeeyyiinis humna biyyattiin teknooloojii kanaaf qabdurratti mamii qaban ibsaniiru.
Haa ta'u malee hoogganaan Kooriyaa Kaabaa Kim Jong-un dhukaasa kanaan ''mudaa takka kan hinqabnee'' fi ''waan dansa'' jedhaniiru.
UN'tti ambaasaaddarri Raashiyaa Vaasilii Nebenziyaa waan jedhan, Piyoongyaang yaalii misaa'elaa fi niwukileeraa gootu dhaabuu qabdi jedhan. Haaluma walfakkaatuun, Waashingitanis shaakallii waraanaa Kooriyaa Kibbaa waliin karoorfatte haquu qabdi jedhan.

Madda suuraa, Reuters
Misaa'elli Hwaasong -15 Kooriyaa Kaabaaf ''humna guddaa qabu'' wayita tahu, Roobii ganama dhukaafame.
Bishaan dhiheenya Jaappanitti kan qubate wayita ta'u, olka'insi isaas Kooriyaan Kaabaa misaa'eloota kanaan dura kan dhukaasterraa fagoodha.
Tilmaama daandii misaa'elli Kooriyaa Kaabaa irra dabre:













