'Hattoonni Kooriyaa Kaabaa karoora waraanaa US - Kooriyaa Kibbaa cabsan

Hoogganaa Kooriyaa Kaabaa Kim Joong-un

Madda suuraa, AFP PHOTO/KCNA VIA KNS

Ibsa waa'ee suuraa, Dokimantiiwwan saamaman karoora Kim Joong-un ajjeesuu ofkeessaa qabu

Hattoonni kompiyuutaraa (hackers) Kooriyaa Kaabaa, odeeffannoo waraanaa hedduu Kooriyaa Kibbaarraa saamuun isaanii gabaafamaa jira. Odeeffannoo kanneen keessaa tokko, karoorri hoogganaa Kooriyaa Kaabaa Kim Joong-un ajjeesuu keessatti argama.

Rii Cheyol-hii, abbaan seeraa Kooriyaa Kaabaa keessaa, odeeffannoon kun kan bahe ministeera ittisa biyyaa biyyattiirraayi jedhan.

Dokimantoota hataman keessaa karoora yeroo waraanni ka'u, Ameerikaa fi Kooriyaan Kibbaa baafatan keessatti argama.

Kana malees, gabaasa ajajoota waraanaaf dhihaates of keessatti hammata.

Ministeerri ittisa biyyaa Kooriyaa Kibbaa dhimmicharratti haga yoonaa waa jechuu hin barbaanne.

Mistar Rii waan jedhan, dokimantiiwwan hangi isaanii gigaabaayita (GB) 235 ta'u kan Wiirtuu Odeeffannoo biyyattiirraa saamame.

Saamichi kun kan raawwate Fulbaana bara dabre keessa.

Kooriyaan Kaabaa garuu dhimma kana haaltetti.

Pireezidaantiin Ameerikaa fi qixni isaa Kooriyaa Kaabaa waa'ee saganataa niwukileeraa biyyattii, atakaaroo guddoo keessa jiru

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Pireezidaantiin Ameerikaa fi qixni isaa Kooriyaa Kaabaa, waa'ee saganataa niwukileeraa biyyattii, atakaaroo guddoo keessa jiru

Kooriyaan Kaabaa, Chaayinaa dabalatee, hattoota kompiyutaraa leenjii addaa qaban biyyoota alaatii akka qabdu amanama.

Kooriyaan Kaabaa, Kooriyaa Kibbaatu waa'ee kanaa 'kijiba oomishti' jetti.

Biyyoonni lamaan kunniin yaaliiwwan niwukileeraa Kooriyaa Kaabaa irratti jechoota asiifi achi darbachaa jiru. Ameerikaanis Kooriyaan Kaabaa oomishaa fi shaakallii akka dhaabdu dhiibbaa ennaa gootu, Piyoongyaang ammoo ittuman fufaa jechaa jirti.