Kooriyaan Kaabaa misaayilaa galaana keessaa dhukaafamu haaraa agarsiisaaf dhiyeessite

Madda suuraa, KCNA
Kooriyaan Kaabaa misaayila galaanaarraa dhukaafamuu danda’u gosa haaraa, ‘meeshaa waraanaa hunda caalaa hamaa’ agarsiisaaf dhiyeessite.
Agarsiisa waraana hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kim Joong-un qindeessuun miidiyaa biyyattiin gabaafame kanarratti misaayiloonni hedduun agarsiisaaf dhiyaataniiru.
Pirezedantiin Ameerikaa Joo Baayidan sirna kakuu raawwatanii muudamuusaaniif guyyoonni muraasni wayita hafettii argasiifni cimina waraana biyyattii agarsiisuuf qophaa’e dhiyaatera.
Kana malees, yaa’ii siyaasaa tokkorratti Mr Kiim‘’Ameerikaan diina keenya ishee guddoodha’’jechuusaanii hordofee agarsiisa waraanaa dhiyaatedha.
Suuraan miidiyaa biyyatiin mul’ise akka agarsiisutti, misaayilooonni gurguddoo, gurraachaafi adii afur namoota walitti qabamuun alaabaa mirmirsanitti agarsiifamaniiru.
Xiinxaltoonni akka himanitti, meeshaa waraanaa akkasii biyyattiin duraan agarsiiftee hin beektu.
Ogeessii Kooriyaa Kaabaa Ankit Paandaa, ‘’bara haaraatti misaayila Pukguksoong haaraa,’’ jechuun toora tiwitaraa gubbaatti barreessera.
Mr Kiim koffiyyaa rifeensa qabdu keewwatanii, seeqaa, harka raasaa agarsiisa waraanaa magaalaa guddoo biyyattii Piyoongyaang addababayii Kiim Sung II irratti argamaniiru.
Agarsiisa kanarratti loltoonni lafoo, taankoonniifi wandifiin gurguddaan dhiyaataniiru.
Tajaajilli oduu biyyattii ‘Korean Central News Agency’ jedhamutti qondaalli biyyattii akkas jedhee dubbbate; "Meeshaan waraanaa addunyaarratti hunda caala hamaa ta’e, msiaayiliin galaanaarraa dhukaafamuu danda’u addabaabayii kanatti dabaree dabareen seene, kunis cimina humni waraanaa kan mul’iseedha,’ ’jedhe.

Madda suuraa, KCNA
Biyyattiin misaaliya ardilee qaxxaamuru guddicha (ICBM) sagantaa agarsiisa Kamisa gaggeeffameeratti mul’isuuf kan kaayyeeffame hin turre.
Biyyattiin kana dura agarsiisa waraanaa gaggeessiteerratti mul’ifteetti waan ta’eef.
Meeshaan waraanaa kun baaruda boombii niwukiraa baachuu kan danda’uufi kutaalee Ameerikaa kamiyyu qaqqabuu danda’a jedhamee yaadama.
Miseensota paartii biyyattii bulchaa jirutti torban darbe Kiim wayita haasa’aan, meeshaalee waraanaa niwukilaaraa Kooriyaan Kaabaa qabdu babal’isuu akka barbaadan waadaa seenan.
Kana malees, dandeettii biyyattiin waraanaratti qabdu, misaayilota fageenya dheeraa furguggifamaniifi galaanaafi lafaarraa furguggifaman guddisuu akka barbaadan himan.
Kiim US diinaafi gufuu warraaqsa keenyaati jedhanii waaman.














