Dubartoonni Kooriyaa Kaabaa 'Chaayinaatti daldala qunnamtii saalaaf dirqamu': Gabaasa

Madda suuraa, Getty Images
Akka gabaasa garee mirga namoomaa magaalaa Landan keessa jiruutti, dubartoonni Kooriyaa Kaabaa kumaatamatti lakkaawaman gara Chaayinaa imaluun daldala hojii qunnamtii saalaa irratti bu'uureffate keessatti hirmaachuuf dirqamaati jiru.
Dubartoonni kunneen yeroo baayyee butamanii gurguramu, jiruun isaanii karaa irrattti quunnamtii saalaa raawwachuun maallaqa argachuu ta'a, isa booda ammoo dirqamaan nama Chaayinaatti heerumsiifamu jedha gabaasi 'Korea Future Initiative' baase.
Dubartoonni butaman kunneen waggaatti hanga doolaara Ameerkaa miiliyoona 100'tti gurguramu, kan bitanis dhaabbilee yakka raawwataniidha, jedha gabaasichi.
Chaayinaan lammiilee Kooriyaa Kaabaa qabdee gara biyyaatti waan deebistuuf wayita dubartoonni kunneen biyyashee keessatti argaman itti marsitee qabuun dararti.
''Dubartoonni qabamanii gara Kooriyaa Kaabaa ergaman tokkoon isaanii tajaajila quunnamtii saalaa daandiirratti kennuuf yuwaanii Chaayinaa 30tti, akka haadha warraatti ammoo yuwaanii Chaayinaa 1,000-50,000tti gurguramu, isa booda namni mirgasaanii eeguu hin jiru, namni fuudhe akka fedhetti mirgasaanii sarba'' jedhan barreessaan gabaasa kanaa Yoon Hee-soon .
Dubartoonnii fi shamarran xiyyeeffannaa keessa galan kanneen umuriin isaanii 12 fi 29 gidduu jiruudha, inumaa daa'imman kanaa gadi jiran fa'a jedha gabaasi kun.
Dubartoonni kunneen ni dirqisiifamu, ni gurguramu, akkasumas Chaayinaa keessatti bakkuma jiranitti marfamanii butamu yookiin ammoo Kooriyaa Kaabaa keessaa butamanii kallattiidhaan gara Chaayinaatti geeffamu.
Hedduun isaanii yeroo lamaa fi isaa ol gurguramu, waggaa tokko keessatti altokko quunnamtii saalaaf gurguramu.















