Jarman namoota saala dhiiraa fi dhalaa qabaniif seera haaraa baaste

Madda suuraa, EPA
Jarman keessatti namootni saala dhiiraa fi dhalaa waliin dhalatan seera haaraa baheen saala isaanii addatti himachuu danda'u.
Namootni uumamaan ykn akkaataa saayinsiidhaan dhiira ykn dhalaa jedhanii of waamuu hin dandeenyeefi saala lamaanuu qaban dokimantii isaanii irrattti diverse ykn adda adda jechuun of himuu danda'u.
Namootni haala kanaan galmaa'uuf ykn waamuu barbaadan ogeessota yaalaa irraa waraqaa ragaa qabaachuu qabu.
Qaama saalaa lama qabaachuun uumamaan ykn dhalootaan tahuu akka danda'u ogeessotni ni himu.
Namootni haala akkanaan dhalatan saala isaanii himachuuf yeroo hundaa yaaddoo fi dhiphina keessa akka jiraatantu himama.
Dokimantii ykn waraqaalee ragaa garaagaraa irrattis saala ilaalchisee filannoon ture dhalaa ykn dhiira kan jedhu malee namoota haala kanaan dhalatan kan hammatu biyyota hedduu keessatti hin qophoofne.
Oostiriyaanis akkasuma seericha hojiirra kan oolchite yoo tahu biyyootni akka Awustiraaliyaa, Niwuzeland, Maaltaa, Indiyaa fi Kanaadaa rakkoo saalaan mudatu furuuf seera wal fakkataa hojiirra oolchaniiru.
Ragaan Dhaabbata Mootummota Gamtomanii adunyaa irraa namootni 1.7% tahan saala lama waliin dhalatu.
irra caalaan isaanii ammoo warra rifeensa diimaa qabanidha jedha.
Kun ammoo xiyyeeffannaa dhimaa koorniyaatiin ala tahee ilaalamaa tureera.
Kanaafuu hedduu isaanii qoollifannaan hawwaasa irraa waan isaan mudatuuf akkasumas seera fuulduratti ilaalcha qajeelaa tahe waan hin arganneef tajaajila baqaqsanii yaaluudhaan gara saala barbaadaniitti sirreessuuf yaalii taasisu.
Bara 2013 keessa Jarman namootni saala akkasiin dhalatan filannoodhaan dhiira ykn dhalaa jedhanii akka of galmeessan seera tokko baastee ture.
Haa tahu malee manni murtii dhimmicha mormeera. Sababni isaa namni tokko dhalaa jedhamee erga galmaa'ee yommuu qorannoon mana yaalaatti gaggeefamu sanyiin saala lamaanii iyyuu akka keessa hin jirre mirkanaa'e.
Kanaaf Jarman rakkina kana hanbisuufi mirga isaanii kabachiisuuf seera haaraa waggaa haaraa kanatti raggaasisuun hojiirra akka oolu taasifte.













