Koronaavaayirasii: Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong-un ‘irra - aanne’ jedhan

Kiim ammallee uggurri akkuma itti fufu miidiyaa gubbaa dubbatan

Madda suuraa, Getty Images

Hoogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong-un biyyisaanii weerara koronaavaayirasirratti ‘milka’iina’ gonfatte jedhanii leellisuusaanii midiyaan biyyatti KCNA gabaase.

Kiim akka jedhanitti, biyyisaanii weerara vaayirasii hamaa to’achuun tasgabbii qabdu itti fufsiisuu dandeessee jechuun dubbataniiru.

Kooriyaan Kaabaa daangaa biyyoota biroo wajjin qabdu ji’oota 6’n darban cufuun namoota kumaatamaan lakka’aaman addaatti fo’uun tursiifte.

Biyyattiin nama vaayirasichi qabe akka hin qabne ibsataa turte. Xiinxaltoonni garuu kuni waanuma hin taane jechaani turan.

Hoogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim garuu hojiiwwan labsii yeroo muddamaa ji’oota jahaan darbe weerara dhibichaa to’achuuf hojjataman xiinxaluu ibsan.

Kiim akka himanitti, hooggansi koree giddugaleessaa paartii koministii tooftaan weerara dhibicha ittiin to’ate milka’aadha jedhu.

Ammas garuu weerarri vaayirasichaa biyyoota ollaa keessatti waan mul’atuuf of hin dagannuu jedhani dubbatan.

Kooriyaan Kaabaa jalqaba bara kanarraa eegaltee daangaa cufatteetti.

Weerarri dhibichaa biyyatti keessatti hammaachuuf dhiisuun ragaan mirkaneeffame hin jiru.

Fedeereshiiniin Waldaa qaxxaamura diimaa idila-addunyaa naannoo daangaa biyyattirratti tola-ooltota wajjin to’annoo vaayirasichaarratti xiyyeeffachuun hojjataa ture.

Gabaasni dhugummaan isaanii qaama walabaarraa hin mirkaneeffamne akka himanitti taanaan namoonni vaayirasichaan qabaman biyyatti keessa jiraachuu agarsiisu.

Torban kana keessaa garuu, magaalaa guddoo biyyatti Piyoongiyaang keessatti namoonni jiruu idileesaanitti deebi’uu gabaastuun BBC magaalaa guddoo Kooriyaa Kibbaa Seyool jirtu himteetti.

Biyyattiin meeshaleen of eggannoo weerara dhibichaa to'achuuf oolanillee daangaa biyyashii akka hin seenne ugguruun eeerameera.

Dhugaan lafa jirtu kanuma fedheyyuu haa ta’u malee, Piyoonyaang weerara Covid-19 injifachuu labsatteetti.

Kunis biyyattii keesssatti tarkaanfiin cimaan Kiim Joong-un fudhate weerara dhibichaa ittisuuf fayyadeera dhaamsa jedhu qabaata.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa