Koronaavaayirasii: Itoophiyaatti maaskiin N95 fayyadamuun maaliif gaaffii keessa galee?

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaatti maaskiiwwan N95 jedhaman kan dhukkuba ittisuuf olan akka hintaanee Abbaan Taayitaa Qorichaa fi Nyaataa dhiheenya kana beeksiisee ture.
Abbaataayitichaatti Daayirekatarri Daayirektoreetii Hayyamaa fi Galmee kan ta'an Obbo Abdallaa Koosoo maaskiiwwan kunneen keessumaa vaayirasii kana kan hammeessan malee kan dhorkan akka hin taane BBC’tti himaniiru.
Maaskonni kunneen maaskii ‘of jaalattuu’ kan nama itti fayyadamu gargaaranii fi warreen kaan garuu dhukkubichaaf kan saaxilan jechuun ibsani.
Kanarraa ka’uun maaskiiwwan qaawwa/vaalvii hin qabne karaa waajjira isaaniitiin galmaa’uun erga gammaaggamamanii booda hojiirra akka oolan ibsu.
Akka yaada isaaniitti maaskiiwwan qaawwa qaban kunneen iddoowwan indastirii, qoricha biifuu, bakka albuudni itti ba’u akkasumas ispoortessitoota biratti faayidaarra oolu.
Golgaa fuulaa/maaskii N95
Ilaalchi dogoggoraa maaskiin N95 jedhamee irratti barraa’e dhukkubicha ittisa jedhu hawaasa bira jira. Maaskii gaarii tauusaas adda baasuuf kan vaalviin irratti maxxanedha jedhamee yaadama. Namoonni hedduunis vaayirasicharraa of-eeguuf yeroo itti fayyadaman ni mul’ata. Gosootni maaskii N95 garagaraa akka jiran garuu kan beekan muraasa.
Akka Obbo Abdallaatti, gosoota lamatu jiru.
· Qaawwa hargansuu kan ofirraa qaban: Kunneen tajaajila yaalii fayyaaf osoo hin taane indastiriiwwan fi hojiiwwan biro irratti warra bobba’ee biratti hojiirra oolu.
· Qaawwa hargansuu kan hin qabne: humnivaayirasiifi baakteeriyaa dhimbiibuu isaanii %95 ol kan ta’e, hanqinni waan jiruuf garuu ogeessonni fayyaa kan itti fayyadaman dha. Hammi isaaniis fuulaaf akka ta’anitti godhamee kan hojjetaman yoo ta’u, yeroo kaawwatanis ta’e yeroo ofirraa baasan of-eeggannoo guddaa kan barbaadanidha.
Maaskiiwwan qaawwa hargansuu qaban akkamiin raabsamani?
Maaskiiwwan kunneen kana duras biyya keessa seenaa akka turaniifi tajaajiloota biroof dhorkamaa akka hin turre daayirektarichi ibsu.
Weerarri kun eegaluurraan kan ka’e garuu beekamaas ta’e osoo hin beekin hawaasaaf raabsamaa turani. Kana caalaas vaayirasichi amalasaa jijjiiraa waan tureef WHO’n dambiiwwan gargaraa baasaa turuunsaa hojiirra akka oolan taasisuu dubbatu.
Vaayirasicha ittisuuf of-eeggannoowwan heddu taasifamaa turuu kan ibsan daayirektarichi, erga maaskii kaawwachuun labsiidhaan dirqama taasifamee asitti, hawaasni gosoota kam fayyadamuu akka qabu dambiin ba’uu dubbatu.

Ammas garuu, maaskiiwwan kunneen dhukkuba ittisuuf akka hin oolle barsiisuun alatti, faayidaa biroof waan oolaniif naanna’anii sassaabuufi akka biyya hin galle gochuun waan hin yaadamnedha jedhaniiru.
Maaskiiwwan gargaarsaan argamanillee kan hayyama qabaniifi vaayirasicha ittisuuf hojiirra kan oolan ta’uun erga mirkanaa’ee booda ta’uu daayirektarichi jala muruun kan himan.
Maaskii malee sochoo’uurra kan huccuu irraa hojjetaman kaawwachuun filatamaadha yoo jedhan, maaskiiwwan kunneen dhorkamaa kan jiran namoota kaawwatan qofa eeguun kan biroo akka saaxilan gatii barameefi jechuun ibsu.
Dhukkuba sombaa (TB) dabalatee, warreen daddarboo ta’aniif maaskii qaawwa hin qabne kaawwachuutu gorfama, isaaniin fayyadamuurra iskaarfii fi huccuuwwan birootti fayyadamuu wayya jedhu Obbo Abdallaan.
Maaskiiwwan sirriin isaan kami?
Akkaataa maaskiiwwan biyya keessatti itti omishamanirratti qaamolee hojii kanarratti hirmaataa jiraniif dambiiwwan barsiifamaa kan jiru ta’uu kan ibsan daayirektarichi, hawaasni:
· Maaskiiwwan qaawwa hargansuu hin qabne
· Mana keessatti omishamu taanaan, eenyu akka omisheefi beekamtii qabaachuu
· Tuttuqqaa irraa bilisa ta’uufi saamsamuu isaanii adda baasuun akkaataa fayyadamaa irrattis gorsoota
. Ministeera Fayyaa irraa darban akka hordofan ergaa dabarsaniir.

- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras













