Xaaliyaanitti bineensi abbaafi ilmarra miidhaa geessise duuti itti murtaa'e

Madda suuraa, Trentino province
Qondaalli naannoo kaaba Xaaliyaanitti argamu tokko bineensi 'bear' jedhamu erga abbaa fi ilma miidhee booda akka ajjeefamu murtee dabarse.
Dargaggeessi ganna 28 Tulluu Peller gubbaa abbaasaa waliin adeemaa wayita turanitti, bineensi 'bear' jedhamu kun karaatti itti dhufnaan naasuun kufe.
Abbaanis ilmi koo nyaatamuurra jedhee bineensichaafi ilma gidduu seenuun miillisaa cabe.
Taateen kunis lakkoofsi gosoota bineensota kanaa naannichatti hedduummaachuu agarsiisa.
Gareeleen bineensotaaf quuqaman, bineensa kana akka hin ajjeefne jechuun angawoota gaafatan.
Ajjeesuurra, hawaasa naannichaa barsiisuutu wayya jedhu gareeleen kun.
Kutaa biyyaa Tireentiinoo jedhamutti gosti bineensaa kanaa 82 haga 93 tahantu jira jedhama - kunis sagantaa warreen baduuf qophaa'an jalatti akka galmeeffaman godheera.
Ji'a dabre, viidiyoon wayita gurbaan ganna 12 Aleessaandiroo jedhan, bineensi kun oggaa duubaan hordofu agarsiisu haalaan ho'ee ture.
Taatee ammaa kanaan 'bear' kun kormaa haa tahuu yookaan dhaltuu daa'imman ishee ittisuuf jecha kana goote tahuunsaa haga yoonaa adda hinbaane.
Abbaaniifi ilmi miidhaan irra gahe kun gara hospitaalaatti geeffamaniiru. Dursaan kutaa biyyaa ofiin of bulchitu Tireentinoo ka tahan Maawuriiziyoo Fugaatii ''tarkaanfii atattamaa'' jarri lameen kun fudhatan dinqisiifataniiru.
Abbaan Faabiyoo Miseeroonii jedhaman kun akka gaazexaa L'Adige jedhamutti himanitti, bineensi kun daggala keechaa ''akkuma bakakkaatti'' nutti ol bahe jedhan.
''Ilma kootti utaale... yeroo sanatti ilama koo Kiristiyaan irraa loluuttin kahe. Luka koo ciniine, achiis harka koo lamaan na ciniine. Ajaa'iba taheetoo ni sokke malee, silaa lamaan keenyayyuu ajjeesuu danda'a ture.''
Bulchaan kutaa biyayttii Aabba Fugaatiin, lakkoofsi bineensota kanaa haalaa dabalaa waan dhufeef jecha, bineensi miidhaa geessise kun adda bahuun akka ajjeefamu ajaja mallatteesaniiru.

'Bear' kana mala qaccee sanyiin (DNA) adda baasuufis, huccuun jara lameenii qoratamaa jira.
Gareen mirga bineensotaa Animalisti Italiani jedhaman, ajaja kana hambisuuf akka carraaqan dubbataniiru.
Ji'a Eblaa keessa gosti bineensa kanaa maqaan M49 jedhamu mogga'eef, Xaaliyaan keessa 'bear' barbaadamu isa olaanaa ture.
Waggaa tokko guutuuf ega barbaadaa turanii booda deebisanii qaban.
Sababa amala hamaa qaba jedhamuf, M49 ajajni yoo argan dhukaasanii ajjeesuu itti bahee ture. Rogeeyyiinis kunoo ammallee seenaan sun irra deebiin dhufaa jira jedhu.
Dhaabni addunyaarra beekamu 'World Wide Fund for Nature' jedhamus, haalli miidhaa jara kanaa ifatti wanti beekame waan hin jirreef, angawoonni ajjeechaa bineensa kanaa akka dhaaban gaafateera.
Ejensiin kunuunsa bineensotaa ENPA's ajaja Aabba Fugaatii kana ''waan dabaa fi haqa qabeessa kan hintaanedha. Kana malees, haaloof waamicha akka dhiyesuuti,'' jedheeraan.












