Hindii keessatti adamsituun qaama hormaata bineensa 'bear' muree nyaate hidhame

Madda suuraa, Getty Images
Poolisiin IHindii adamsituu qeerransaa kan bineensa 'bear' jedhamu ajjeesee qaama hormaataa isaa irraa muree nyaate to'annoo jala oolche.
Maqaa Yarlen jedhamuun kan beekamu adamsituun kun waggoota hedduuf adamoorra ture.
Aanga'oonni hojii eegumsa bineensotaa hojjetan wayita reenfa bineensa gosa 'Sloth Bear' kan Indiyaa qofa keessatti beekamuu Paarkii Biyyaalessaa keessatti argan qorannoo eegalan.
Wayita reenfa bineensa kanaa qoratan qaamni hormaataa irraa muramaa ta'uusaa adda baasan.
Akka aadaa warra tikfattee bultoota gosa 'Pardhi-Behelia' jedhamaniitti qaamni hormaataa bineensa kanaa fedhii saalquunnamtii si'eessa jedhamee amanama.
Onkoloolessa 19 Kutaa biyyaa Gujaraat keessatti kan hidhame Yarlen hojii adamootiin Giddu galeessa Indiyaa keessatti nama beekamaadha.
Garuu bineensota adamsamuu hin qabne ajjeesuun daldala seeraan alaa keessatti hirmaachuu isaatiin yeroo hedduu himatamaa ture.
Bineensota bosonaa daawwatamanii madda galii tuurizimii ta'an keessattuu qeerransa ajjeesuudhaan baay'ee komatamaa ture.
Garuu eenyummaasaa jijjiiruudhaan seera jalaa miliqaa yoona ga'eera.
"Caasaa keenya diriirsinee ,itti marsinee dhumarratti to'anneerra. Yeroo dheeraaf adamsaa turre. Waggoota ja'a booda amma to'anne.'' jedhan qondaalli eegumsa bosonaa fi bineensota bosonaa Sirothia.
Kutaa biyyaa Madhya Pradesh gara kibbaa buufatanii kan jiran horsiisee bultoonni 'Pardhi-Behelia' bineensa adamsanii jiruu fi jireenya isaanii gaggeeffatu.

Madda suuraa, Courtesy: MP Wildlife STF
Adamoon Indiyaa keessatti seeraan ala.
Garuu namoonni amantii fi aadaaf jedhanii bosona keessatti waan raawwatan qabu.
Adamsitoonni ammoo kana keessa seenuun haajaa isaanii bakkaan ga'atu.
Kanaaf mootummaan biyyattii akkaataan namoonni bosona keessa jiraatan ba'anii iddoo biraa jiraatan irratti mala dhawaa jiraachuu hima.
Adamsituu Yarlen bineensa bear jedhamurraa qaama hormaataa fi hadhooftuu muree ajjeesuudhaan yeroo jalqabaaf bara 2013 keessa qabame.
Garuu wabiidhaan ba'ee ture, ergasiis inni hojiisaa itti fufe.














