Filannoon Botiswaanaa maaliif arbaa fi daayimandii irratti hundaa'e?

Madda suuraa, Getty Images
Botiswaanaan Onkoloolessa 23 filannoo walii galaa gaggeessuuf jirti.
Filannoo kana ilaalchisuun BBCn sagantaa falmii magaalaa guddoo biyyattii Gaborone keessatti qopheessee ture.
Marii gaggeeffamerraa hubachuun akka danda'amutti filannoo baranaaf qabeenyi arbaa fi diyaamandii iddoo guddaa argataniiru.
Erga Botiswanan bara 1966 walabummaashee gonfattee as paartiin BDP filannoo hunda mo'achaa yoona ga'eera, kan ammaa garuu wantoonni jijjiiran jiraachuu malu.
Paartileen morkattootaa sadi paartii 'Umbrella for Democratic Change (UDC)' jalatti tokkoomuun morkii isaanii eegalaniiru.
Paartileen kunneen carraa hojii namoota 100,000f uumuuf waadaa seenaniiru.
Biyya uummanni ishee harki 20 hoji dhabdoota ta'an keessatti yaada akkanaa qabatanii dhiyaachuun isaaniif fudhatamummaa dabaleera.

Madda suuraa, Getty Images
Hoogganaa Itti Aanaan Paartii UDC Dumelang Saleshando sagantaa falmii BBCn qopheesse irratti wayita yaada kennan, ''dhimmi irratti xiyyeeffannu diinagdee lammiilee Botswaanaa of keessaa baasuun, kaan misoomsuu osoo hin taane, kan lammiilee biyya keenyaa hunda hammatuudha,'' jedhan.
''Damee ijaarsaa Chaayinaatu dhuunfate, damee daldalaa Eeshiyaatu qabate, dameen indastirii lammii Botiswaanaan qabame tokkollee hin jiru.''
Botiswaanaa fi daayimandii
Bara walabummaashee argatterraa eegaltee nageenyaan seenaa milkaa'aa kan qabdu Botiswanan qabeenyi diyaamandii isheerra abdii guddaa kaawwattee jirti.
Albuudota gati jabeeyyii oomishuudhaan addunyaarratti sadarkaa kan qabdu Botswanan qabeenya albuudaa ishee akka lafee dugdaa diinagdee isheetti ilaalti.
Botswanan qabeenya diyaamandiitiin Raashiyaatti aantee addunyaarraa sadarkaa lammaffaarratti argamti. Kanaadaa fi DR Koongoon itti aanu.
Bara darbe damee kanarraa galii doolaara Ameerikaa biiliyoona 3.5tu argame, diinagdee biyyattii dhibbeentaa 40 qabata jechuudha.
Qabeenyi kun misoomaawwan bu'uuraa kanneen akka daandii, manneen barnootaa fi hospitaala ijaaruuf ooleera, uummanni garuu faayidaa kanaan olii irraa barbaaduu eegaleera.
Bara kana damee kana keessatti malaammaltummaan raawwatamuusaa hawaasi erga dhagahee shakkii fi qeeqi heddummaateera.
Mootummaan Botswana Kaampaanii biyya Raashiyaa De Beers jedhamu waliin hariiroo uumee hojjechaa ture.
Akka karoora jiruutti walii galteen jiru kan haareffamuu qabu bara 2020 keessa waan ta'eef dhimma ijoo filannoo bara kanaa ta'eera.
Hariiroo kana fooyyessuuf maaltu hojjetamaa jira kan jedhu falmii BBCn qopheesse irratti gaaffii jalqaba gaafatame ture.
Ministirri Geejjibaa fi Quunnamtii Dorcas Makgato mootummaan hariiroo gaarii uumee xiyyeeffannaan ni hojjeta jedhan.
"Diyaamandiin keenya egeree keenya murteessa. Addunyaarratti diyaamandii oomishuun ni beekamna. Kanaafuu kunuunsaa fi jaalala barbaachisu hin goonuuf taanaan balaan nurratti uumameera jechuudha.''

Madda suuraa, Getty Images
Obbo Saleshandon garuu yaada kana mormaniiru.
"Uummanni dhibbeentaa 95 diyaamandiin maal akka ta'e argee hin beeku. Dhugaan jiru garuu albuuda diyaamandii keenya fayyadamuun lammiileen biyya alaa carraa hoji argatanii ittiin badhaadhaniiru. Nuti boolla qotuu qofa hojiin keenya. Boolla qottuu taanee hafne."
Arbaa fi filannoo Botswana
Botswanan dhimma arbaa filannoo ishee keessatti ajandaa guddaa gochuudhaan adunyaarratti biyya jalqabaa taateetti.
LAkkoofsa uummataa muraasaa fi arba hedduu qabaachuudhaan Afriikaa keessatti kan beekamtu Botswanan waldhibdee arbaa fi dhala namaa gidduutti uumamuun yeroo hedduu jeeqamti.
Bara bulchiinsa Pirezidaantii duraanii Ian Khama keessa Botswanan kunuunsa arbaatiin baay'ee beekamti turte.

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaansaanii tarkaanfii farra adamoo fudhachuudhaan addunyaarratti beekamtii argatee ture.
Haala mijataa arbaaf uumamerraa kan ka'e arbi hedduun biyyoota Afriikaa irraa gara Botswaanaan godaanu.
Baayi'ina Arbaa hanga 140,000 kan qabdu Botswanan dhiibbaan arbaatiin eegumsi naannooshee yaaddoo keessa galeera.
Lammiileen biyyattii arbi nama ajjeesaa, oomisha balleessa jechuun komii guddaa kaasaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo ammaa aangoorra kan jiran Pirezidaantiin Botswana Mokgweetsi Masisi akka aanga'oota isaan dura turanii xiyyeeffannaa itti hin kennine jedhamuun komiin irratti ka'a.
Inumaa lammiileen Biriiteen yoo barbaadan arba waliin akka jiraatan eeyyamaniiru. Adamoo arbaa dhorkamee tures kaasaniiru.
Murteen Pirezidaantichaa hawaasarraa komii kaaseera, obboleessi isaanii Tshekedi Khama sababa kanaan aangoo gadi dhiisanii paartii morkattoo UDC deggeruutti deebi'an.
Paartileen morkattootaa UDC jalatti tokkooman dhimma eegumsa arbaa irratti hojjechuuf akka jiran dubbataniiru.
Kunimmoo aangoon yeroo dheeraaf paartii tokko harka ture gara biraatti akka jijjiiramu akeekee jira.
Walumaa galatti dhimmi diyaamandii fi arbaa filannoo Botswaanaa keessatti ajandaa guddaa ta'ee itti fufeera.














