Arbi Baabbilee maal irratti argamu?

Arba

Madda suuraa, Science Photo Library

Arbi dawoo Arbaa Baabbilee keessa jiran irraan miidhaan gahaa jira jedhu namoonni dawoo sana eeganiifi ogeeyyiin.

A.L.I bara 1962 mooti Hayilasillaaseen hundeeffame. Arba 300 hanga 500 ta'an dawoo arbaa kana keessa jiraatu jedhamee tilmaamama.

Gosti arba dawoo kana keessa jiraatu 'loxodonta africana orleans' kan jedhamu wayita ta'u Itoophiyaa qofa keessatti argama.

Rakkoo guddaan dawoo arbaa Baabbilee irra gahaa jiru adamoo seeraan alaati jedhu itti gaafatamaa eegdoota dawoo arbaa Baabbilee kan ta'ane Obbo Hasan Ahmad.

Dawoon kun Naannoo Oromiyaa fi Somaalee jidduutti kan argamu ta'uun isaa ammoo to'annoof rakkisaa akka ta'e himu.

"Uummanni kan naannoo 4 naannoo 5'nitu ajjeese jedha, kan naannoo 5 naannoo 4'tu ajjeese jedha" jechuun hordofuuf rakkachuu himu.

"Arbi tokko rasaasaan dhahamee yoo ajjeefamu warri kaan bakka sana irraa fagaatu, achi hin taa'ani," jedhu.

Dabalataan uummanni seeraan alaa dawoo arbaa kana keessa qubates rakkoo uumaa jira jedhu.

Kanneen dawoo kana keessa qubatan kan aanaa kamiifuu hin hogganamne, seeraan ala achi keessa qubatanii qotataa jiru, qabiyyee lafaas tokkollee itti hin qaban jedhu Obbo Hasan.

Eegdonni dawoo kanaa lakkoofsaan muraasa ta'an achi keessaa baasuuf humna akka hin qabne dubbatu.

"Yoo ni baasna jenne, qawwee dhibbaa oliin nutti bahu. Nuti lakkoofsi keenya xiqqashoodha, meeshaan nuti qabnus boodatti haftuudha, kanaaf nama tokkollee as keessaa baasuu hin dandeenye," jedhu.

Qabnee yoo seeraaf dhiyeessinees gama mana murtiin qaawwaatu jira, bilisaan gadi dhiisu jedhu.

Dawoo Arbaa kana keessa qubannaan babal'achuun wal qabatee manneen barnootaa, manneen amantaa ijaaramaa jiru. Lafa qonnaa fi cilee gubuuf jecha bosona mancaasuunis rakkoo guddaa uumaa jira.

Kunis aanolee dawoo arbaa Baabbilee daangessanii jiran irraa deeggarsa dhabuudha jedhu ogeessa kunuunsa arbaa kan ta'e Obbo Gazaahany Fiqaaduu.

"Dawoo arbaa Baabbilee kanaa aanaalee naannoo kana jiran akka kan ofiitti hin ilaalani. Arbi as jiru kan uummata naannoo kana jiraatuti," jedha.

Inumaa aanaaleen tokko tokko sanyii filatamaa kennaniifi qonnaan bultoonni gurmaa'anii akka dawoo kana keessa qotatan taasisaa jiru jedha.

Hawaasni naannichaas faayidaa silaa dawoo Arbaa kanarraa argatuu malu dhabuu irraa kan ka'e kunuunsa gahaa godhaafii akka hin jirre dubbata ogeessi kun.

"Namichi tokko Keenyaa irraa dhufee hawaasa waliin qindaa'ee arba adamsee Waacaalee irraan baasee gurguraataa akka jiru odeeffannoo qabna. Maqaan isaatuu 'Mohaammad Naayiroobii' jedhama," jedha obbo Gazzaahanyi.

Dawoon kun uummataan qabamee waan jiruuf arbi achi keessaa bahee midhaan namaa nyaataa, nama ajjeesa miidhaa adda addaa geesisa kan jedhu Gazzaahanyi hawaasni miidhaa isaa kana malee faayidaa isaa homaatu hin agarree komii jedhu qaba jedha.

Sababa dawoon kun hin eegamneef arbi bakka tokko waan hin teenyeef turiistiin dhufee ilaalee galii argamsiisuu hin dandeenyes jedha.

Abbaan Taayitaa eegumsa Bineensotaa Itoophiyaa dhaabbilee miti mootummaa akka 'Born Free' fi Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii waliin ta'uun xiyyeeffannaa kenneefi hojjetaa jira jedha Gazzaahanyi.

Obbo Hasan garuu ammayyuu yaaddoo qabu.

Yoo mootummaan hawaasa naannichaa waliin ta'ee sirriitti rakkoo jiru qulqulleessuu baate dhaloonni dhufu Arba Baabbilee suuraan yoo ta'e malee qaamaan dhufee arguu dhiisuu danda'a jedhu.

Dawoon Arbaa Baabbilee arba qofa osoo hin taane hoosistoota 31 ol, simbirroota gosa 191fi gosoota biqiltoota kan gariin isaanii Itoophiyaa qofa keessatti argaman of keessaa qaba.