Tuuta Arbaa Keeniyaa godaansarra jiran karaan jalaa bade

Arba Keeniyaa karaan jalaa bade burjaaja'aa jira jedhame

Madda suuraa, Kenya's Wildlife Service (KWS)

Arbi Keeniyaa shan naannawa suluula qiinxamaa biyyattii keessatti godaanaa jiran karaan jalaa badu Tajaajilli Bineensota Keeniyaa (KWS) beeksise.

Sababa kanaanis, karaa irratti burjaaja'aa jiraachuutu dhagahame. Bineensota bosonaa keessaa Arbi tooftaa adda addaan kallattii baruun beekama.

Gareen Arbaa kuni Kibba bakka Laayikipiyaa jedhamuuti gara Maawu jedhamutti gadi godaanuu qabu turan.

Bakki ka'ani bira gahuu qaban 244km walirraa fagaata.

Haa ta'u malee, dogongoruun 300km gara Lixa biyyattiitti imalanii bosona Timborowaa jedhamu keessa argamuu isaanii Tajaajilli Bineensota Keeniyaa (KWS) beeksiseera.

Dhaabbatni Keeniyaa kuni dhimma kana hordofaa akka jiruufi ummannis akka of eeggatu dhaameera.

Oduuwwan biroon: