Gandi Keeniyaa Kaabaa tokko gaalonni 100 takkaatti jalaa dhuman gaddatti jirti

Gaala bishaan summaa'e dhugee du'e
Ibsa waa'ee suuraa, Gaala bishaan summaa'e dhugee du'e

Keenyaa Kaabaa kutaa bulchiinsa Marsabiit kan daangaa Itoophiyaa irratti argamtu keessatti gaalonni horsiise bulaa 100 ta'an ganda tokko kessatti jalaa dhumanii gaddatti jiru.

Cirreessa Horii Ardaa Marsabiit kan ta'an Dr. Shaandaa Guyyoo addatti BBC Afaan Oromootti akka dubbatanitti, gaalonni kunneen Gammoojjii Calbii keessaatti bishaan faalame/summaa'e dhuganii dhuman.

"Gaalli eela bishaaniitti obaaf bobba'an 100 ni obba'an," jedhu Dr. Shaandaa Guyyoo.

Bakka gaalonni itti dhuman kana deemanii bishaan sanaa, dhiigaafi cumaa gaalota kana irraa fuudhanii qorannaaf gara Naayiroobii Keeniyaatti akka ergamee jiru dubbatanii, hanga bu'aan qorannoo sanaa baramutti ija jabinaan kana jedhamuu baatus garuu bishaan horiin dhugu kan suunkii itti ta'u ykn faalamuu akka danda'u tilmaamuu ni dandeenya jedhan, Dr. Shaandaan.

Gaalota bishaan eelaa faalame dhuganii kukkufan

"Akka tilmaama keenyatti faalama Naayitreetii (nitrate poisoning) ta'e jennee yaadna."

Waanti akkasii kun kanaan duras Ardaa Marsabiit keessatti ganna kudhaniin dura bakka Kargii jedhamutti mul'atee, re'oonni 1,000 bishaan dhuguu deemanii dhumuu yaadatu ogeessi kun.

Akka Dr. Shaandaan jedhanitti re'oonni sun kan dhuman summii naaytireet jedhamuun ture. Ardaa Marsabeet bakka amma gaalonni itti dhuman kana keessatti guyyaa darbes loon ja'a bishaanuma eela sana dhuganii akka dhuman dabalanii himaniiru.

Karra Gaalotaa
Ibsa waa'ee suuraa, Karra Gaalotaa

Gaalonni dhuman Birrii Miliyoona 2.8'tti tilmaamamu

Dr. Shaandaan gaalonni dhuman kunneen kan abbaa abbaa yommuu ta'u kan horsiise bulaa kudhaniiti jedhu.

Gaalonni dhuman kun hedduun isaanii kan reefuu dhalaniifi aannan qaban waan ta'eef, tokkoo tokkoon isaanii gabaa yeroo ammaa kanatti Shilingii Keeniyaa 100,000 hanga 120,000tti ni tilmamamu.

Kuna ammoo tilmaamaan Ksh miliyoona 10 ykn Birrii miliyoona 2.8'tti tilmaamama.

Gaalota dhuman kanaaf inshuraansiin akka hin jirre himanii, namoota jalaa dhume kunneen gargaaruuf akka aadaatti karaa Buusaa Gonofaafi gosaan waltumsuu qofatu jira jedhan Dr. Shaandaa Guyyoo.

Kaawuntii Marsabit keessa gosoonni 14 ol kan qubatan yommuu tahu, gosi Gabraa irra caalaan gaala horsiisuun beekama.