Kim Jong-un fiilmii, jiinsii fi jechoota hin aadeffamnerra dhorkaa jabaa kaa'an

Alaabaa Kooriyaa Kaabaa

Kooriyaan Kaabaa tibbana seerota haaraa hedduu raggaasistee jirti. Akkaataa seerota kunneeniin bulchaan biyyattii Kim Jong-un fiilmii, jiinsii fi jechoota alaa irratti waraana labsaniiru.

Akeeki seerota haaraa kunneeniis dhiibbaa biyyoota alaa hambisuudha.

Namni fiilmiiwwan Hooliiwuud fi Booliiwuud osoo ilaaluu argame, uffata dhiibbaa biyyoota alaa qabu uffatee kan argamee fi jechoota alaa kanneen ammayyummaa ibsu jedhaman fayyadamee kan argame ni adabama.

Garuu kun maaliif ta'e?

Yoon Mi-so wayita umriinshee waggaa 11 turetti namni tokko osoo diraamaa Kooriyaa Kibbaa ilaaluu waan qabameef du'aan adabamuu yaadatti.

Yeroo ammaa Kooriyaa Kibbaa kan jiraattu Yoon, adabbii du'aa sana ollaan hundi ba'ee akka ilaalu taasifamee ture jetti.

Eegdonni Kooriyaa Kaabaa, fiilmii biyyoota alaa dhoksaadhaan galchanii ilaaluun bu'aansaa lubbuu tokkittii qaban dhabuu akka ta'e uummanni akka hubatu barbaadu.

Waa'een jireenya uummata Kooriyaa Kaabaa hagas mara hin ibsamne malee, hagumti ibsamellee baayyee nama surura.

Sochiin uummataa daangeffameera, intarneetiin hin jiru, feesbuukii fi tiwiitariin hin jiran, Tv ajandaa mootummaa dabarsu malee kaan ilaaluun dhorkaadha.

Amma ammoo bulchaan biyyattii Kim Jong-un seerota mirga hawaasa biyyattii yaabanii gadi qaban hedduu baasaniiru.

Namni fiilmiiwwan biyya Jappaan, Kooriyaa Kibbaa fi Ameerikaa manaa qabu yoo barame du'atu isaa eeggata.

Kanneen ijaan ilaalan ammoo hidhaa hanga waggaa 15'n adabamu.

Kana qofaa osoo hin taane Kim Jong-un dargaggoota akeekkachiisuun Liigii Biyyaalessaaf xalayaa barreessanii jiru.

Akkas jedhan: ''Dargaggoota ajaja keessaa ba'an, kanneen faallaa uummataa deemanitti adaba naaf godhaa!''

Haasaawwan dhiibbaa biyyoota alaa qaban, akkaataan rifeensa itti sirreeffatan kan biyyoota alaarraa dhaalaman akkasumas uffannaan moodela biyyoota alaa ta'an hundi ''biyya keenyaaf summii balaafamaadha,'' jedhan.

Kooriyaa Kaabaa keessaa maddeen qabaachuu kan himu barruun Kooriyaa Kibbaa the Daily NK jedhamu, dargaggoonni Kooriyaa Kaabaa sadi sababa rifeensa mataasaanii akka dargaggoota Kooriyaa Kibbaa garee K Pop jedhamanii beekamaniiin sirreeffataniifi kofoo jiinsii faashinii yeroo ta'e waan uffataniif qofa gidduu-gala leenjii akka galan tasifaman.

Kun hunduu kan agarsiisu Kim meeshaa waraanaa malee waraanatti seenanii jiraachuusaaniiti.

Kooriyaan Kaabaa biyya jireenyi akkaan itti ulfaataa dhufeedha kan jedhan xiinxaltoonni, sababa kanaaf Kim Jong-un odeeffannoon addunyaa biyyasaaniitti akka seenuu fi kan biyyasaaniis addunyaa akka qaqqabu hin fedhan jedhu.

Lammiileen Kooriyaa Kaabaa miiliyoonaan lakkaa'aman beelaan dararamaa jiraachuutu himama.

Fiilmiiwwan Kooriyaa Kibbaa jireenya badhaadhinaa fi fooyya'iinsa dhala namaa irratti hundaa'uun kan hojjetamaniidha.

Magaalaa bareeduu fi addunyaarratti qaalii taate Se'ul, magaalaa namoonni badhaadhinaan keessa jiraatan ta'uu agarsiisu.

Kooriyaan Kaabaa kan durumaanuu addunyaa kaaniin walitti hin turre, bara darbe wayita koronaavaayirasiin biyyashee weerare daangaashee cufachuun rakkooshee daran hammeesse.

Meeshaaleen garaagaraa Chaayinaarraa gara biyyattii seenaa turan guutummaatti gufate.

Garuu yeroo ammaa meeshaaleen tokko tokko galaa jiraachuutu himama.

Weerarri vaayirasichaa biyya durumaanuu sababa bajatashee heddumminaan gabbisa niwukilaaraatti dhangalaastuuf gitintiraa jirtu laamshesseera.

Bara kana Kim mataansaanii, ''haalli amma keessa jirru baayyee rakkisaadha. Tattaafannee keessaa ba'uu qabna,'' jedhanii turan.

Seerri haaraan kun maal jedha?

Seera haaraa Kooriyaan Kaabaa baaste kana jalqaba kan argate barruu Kooriyaa Kibbaa the Daily NK jedhamuudha.

"Hojjetaan tokko yoo qabame, hoogganaan kubbaaniyyaa inni keessaa hojjetuus ni adabama. Daa'imni tokko yoo waa balleesse maatiin ni adabamu. Hunduu akka yakkarraa wal-eeguuf yaadamee seera ba'e fakkaata,'' jedhan Qopheessaa Olaanaan barruu kanaa lii Saang Yong.

Kun kan ta'eef dhalooti haaraan waa'ee Kooriyaa Kibbaa gonkumaa akka hin abjoonne gochuufi jedhan qopheessaa olaanaan kun.

"Aadaa fi duudhaan sabababiraa gara biyyasaanii yoo seene, uummanni diddaa eegaluu danda'a jechuun warri biyya bulchan murtee kana dabarsaniiru.''

Choy Jong-un namoota bara darbe Kooriyaa Kaabaa keessaa miliqanii ba'an keessaa tokko.

"Garaan kee si quufee fiilmii Kooriyaa Kibbaa yoo ilaalte rakkoo hin qabu, bashannanaaf waan ta'eef. Garuu garaan si beela'ee jennaan rakkoo guddaadha. Uummanni beela'e dheekkamuu waan danda'uuf,'' jechuun BBC'tti dubbate.

Seerri kun garuu ni hojjetaa?

Seerota kanaan dura biyyattii keessatti ba'an irraa ka'uun wayita ilaalamu, namoonni waan fedhan guuttachuuf mala hin dhaban.

Fiilmiiiwwan Kooriyaa Kibbaa karaa Chaayinaa biyyattii galaa turan.

choy akka jedhutti waggoota hedduuf fiilmiiwwan Kooriyaa Kibbaa karaa Filaash Diskii Kooriyaa Kaabaa seenaa turan.

Meeshaalee xixiqqoo faayila gurguddaa baatanitti fayyadamuu fi paaswoordiidhaan qollofuunis biyyattii keessatti akkaan baratamaa dhufeera.

Jiraattuun Kooriyaa Kaabaa Mii-so jedhamtu akka jettutti ollaanshee fiilmiiwwan Kooriyaa Kibbaa ilaaluuf malli isaan hin malle hin jiru.

Guyyaa tokko namoonni fiilmii Kooriyaa Kibbaa ''Stairway to Heaven" jedham ilaaluuf baatirii konkolaataa ergifatanii jenereetara waliin walitti quunnamsiisuun osoo TV'dhaan ilaalanii akka argite dubbatti Mii-son.

Fiilmiin kun Kooriyaa Kibbaa keessatti fiilmiiwwan waggaa 20 dura akkaan jaal'atamaa turan keessaa tokko.

Choy gamasaatiin akka jedhutti jaalalli lammiileen Kooriyaa Kaabaa miidiyaalee biyyoota alaaf qaban bara kanarraa kaee akkaan dabalaa dhufe.

Haata'u malee mootummaan Piyoongyaang haala kana waan hubateef keessattuu naannolee yuuniversitiiwwan biyyattiitti tarkaanfii fudhachuu eegale.

Bara sana siidiiwwan 20,000 caalan kanneen dhoksaan ilaalamaa turan qabamuu yaadata Choy.

Kim Jeewum-Hiyook dargaggoo umrii waggaa 16 ta'ee osoo jiruu viidiyoo seeraan alaa qabatteetta jedhamuun hidhamee ture.

Sababa kanaan guyyoota afuruuf dararaa hamaan akka irra ga'e hima.

Bara darberraa eegalee manneen hidhaa Kooriyaa Kaabaa keessa jiran babal'ifamuu akka eegalan maddeen hedduun ni himu.

Kooriyaan Kaabaa biyyoonni addunyaa biroon maal keessa akka jiranii fi maal akka fakkaatan kan ittiin baran fiilmiiwwan Kooriyaa Kibbaa, Jappaan fi Ameerikaa daawwachuu qofaani.

Lammiileen biyyattii hedduun kanneen miliqanii ba'an, kanneen osoma biyya keessa jiranii haala addunyaan keessa jirtu arguun hubataniidha.

Haata'u malee sababii adabbii ajjeechaa yeroo ammaa biyyattii keessatti hammaateen biyyattii keessaa ba'uun sadarkaa hin danda'amnerra ga'eera.