Sirbitoonni Kooriyaa Kaabaa beekamoon dubartoota gudeedan hidhaaman

Juung Joon-Yaang

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Juung Joon-Yaang dubartoota waliin saalqunnamtii raawwate viidiyoon waraabee gadhiisuu amane

Sirbitoonni Kooriyaa Kaabaa beekamoo lama dubartoota dirqisiisuun gareedhaan gudeeduun yakka raawwachuun hidhaa waggaa shaniifi ja'aatiin adabaman.

Murtiichaan boodas tokkoonsaa haallichatti gaabbuu "Gadhummaa koo daangaa darbetti baayyeen ofitti gadda, Gaabbii hangana hin jedhamnetu natti dhaga'amas" jechuun ibseera.

Manni murtii Kooriyaa Kaabaa sirbitoota beekamoo K-toop Istaar jedhaman, dubartoota dhuganii machaa'uun of wallaalanii turan daboon waan gudeedaniif hidhaan itti murtaa'eera jedhe.

Juung Joon-yaang hidhaa waggaa shaniin, Chooy Joong-huun ammoo hidhaa waggaa ja'aan adabaman. Juung Joon-Yaang dubartoota waliin saalqunnamtii raawwate viidiyoon waraabee gadhiisuu isaas amaneera.

Kana malees, Juung yakka raawwatan sanallee viidiyootiin waraabuudhaan waan tamsaaseef himatameera.

Namoonni kunneen lamaan wallaansa miidhaa saalqunnamtiirratti saatii 80f erga koorsii fudhatanii booda akka ijoollee waliin hin hojjennes ni adabamu jedhameera.

Yakki kun yakkawwan saalqunnamtii waliin walqabataniifi miidhaa kanaan walfakkaatan waggoota dhiyoo keessa muuziqaa K-pop jedhamu Kooriyaa Kibbaa keessatti beekamu akka malee miidhaa jiran keessaa tokkodha.

Abbaan seeraa Kaang Se'oong-suun akka jedhanitti ga'eessi umuriin isaa ganna 30 ta'e dubartoota "machaa'anii ofirraa ittisuu hin dandeenye" gudeede. Kana malees, "qullaa isaaniifi osoo saalqunnamtii raawwatanii viidiyoo waraabbuun boodarra miidiyaa hawaasumaarratti garee tokkoof qoodeera."

"Namoonni gochi fokkisaan kun irra ga'e booda yeroo argan maaltu akka itti dhaga'amu tilmaamuun ulfaataadha."

Kana malees jedha Abbaan Seeraa kun, Juung dubartoota miidhaan irra ga'e kana waan akka meeshaa ittiin bohaaraniitti waan fudhate fakkaata.

Yaada dhumarratti kenneen, Juung namni agarsiisa kennaa addaa TV irratti gurra guddaa horateefi baayyee beekamu kun akkas jedhe: "Gadhummaa koo daangaa darbetti baayyeen ofitti gadda, Gaabbii hangana hin jedhamnetu natti dhaga'amas" jedheera.

"Kanaan booda ani jireenya gaabbii qofaa keessan jiraadha," jechuun itti dabalee ibseera.

Bitootesa keessa erga dubartoota dhuksaadhaan viidiyoo waraabee gadi dhiisuu isaa amanee booda hojii muuziqaa dhaabee ture.

Namni biraan dubartoota Juun waliin gudeede Chooy akkuma hiriyyaasaa innis umuriin isaa 30. Duraan miseensa baandii muuziqaa beekamaa F.T Hayilaand jedhamu yoo ta'u albeema Kooriyaa Kaabaa keessatti tokkofaa ta'e qabu.

Akka manni murtii jedhetti Chooy "Erga dubartoota dhuganii machaa'anii of wallaalan daboodhaan gudeedanii boodallee hin gaabbine."

'Shamarraa sagalee dhageesifataa jiru'

Ka'umsi himannaa shamarranii namoonni akka kanaa gurra qaban akka K-poop kun yakka fokkisaa keessatti hirmaachuun dabalaa dhufuu isaati biyyattii keessatti.

Yakka kana jalqaba bara kanaa erga qoratanii booda gocha dirqamaan gudeeduu akka kanaa "yakkawwan dhokatoo" jechuun ibse abbaan seeraa.

Yakki akkasii safuu biyyaa cabseefi mirga dhalama namaatti qoosame kun lammilee Kooriyaa Kibbaa dheekkamsiiseera.an.