Jaappaanitti dhaabbanni seera dubartootaa laguurra jiran baajii akka godhatan baase keessa deebiyee ilaaluuf

Madda suuraa, WWD Japan
Biyya Jaappaanitti manni kuusaa meeshaa tokko seera hojjetoota dubartootaa wayita laguu ji'aarra jiran akka baajii addaa godhatan baasee ture "keessa deebiyee ilaaluuf" murteesse.
Baajiin (wanta eenyummaafi hojii agarsiisu morma irratti godhatan) kanaan dura mankuusaan dubartoota laguu ji'aarra yeroo jiran akka godhatan qopheesseef ture Onkoloolessa keessa yoo ta'u "Aadde Laguu" kan jedhu kan irratti barreeffamedha.
Kaayoon kana gochuuf barbaachise dubartoonni yeroo laguurra jiran gargaarsa akka arggataniifi ykn boqonnaa dheeraa akka qabaataniif yaadameeti. Yoo dubartoonni baajii akkasii kana uffatanii argaman gargaarsi isaaniif malu kun ni taasifamaaf jechuudha.

Odeeffannoo biroo kanatti dhiyaatan:

"Kaayyoon isaa odeeffannoo waa'ee laguu maamiltootaaf qooduuf yaadamee miti," jechuun dubbi himaan dhaabbatichaa BBC'tti himeera.
Baajii kana akka godhatan maaliif barbaachise?
Dhaabbanni damee Diyaamaaruu Osaakaa Umedaatti argamu kun kan bajii kana akka godhataniif barbaade dubartoota 500 ta'an kutaa mana mukaa keessa hojjetan ture.
Baajiin fedhiirratti hundaa'uudhaan godhatamu kun jalqaba barbaachisummaan isaa hojjetootuma irraa kan dhufedha. Dubartoonni kutaa haaraa dhaabbatichi banate keessa akka hojjetan ramdaman yeroo laguun jir'aa irra jirutti baajii laguurra jiraachuu agarsiisu godhachuu kan fedhaniifis gargaarsa malu argachuuf hawwii jedhuun ture.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Baajiin karaa fuula tokkoo, kutaa "milkaa'ina dubartootaaf' kan of kenne jedha. Karaa fuula biraan ammoo, "Aadde Laguu" jedha.
Akka dubbi himaan Diyaamaaruu Yookoo Higuuchii BBC'tti himetti yaadi bajii kana godhachuun barbaachiseef, odeeffannoo kana hojjetootaaf qooduun "naannoo hojii foyyaa'aa taasisuufidha" jedheera.
Hojjetoonniifi maamiltoonni kana kkamitti hubatu?
Mankuusi kun waa'ee baajii laguu ji'aa gadhachuu agarsiisu Sadaasa 21 irratti miidiyaatti himetti, miidiyaaleen gariin dogoggoraam gabaasan.
Garuu kaayyoon isaa akka mamiltoonni baraniif, akkasumas yoo dubartoonni kunneen yeroo laguurra jiran gargaarsa kan fedhan ta'eef namoonni isaan waliin hojjetanis akka baran gochuufidha.
Itti-gaafatamaan damee Diyaamaaruu tokko maqaan isaa akka hin eeramne barbaade miidiyaa biyya keessatti akka himetti erga murtee snaatii "yaaddoon hedduu" hawaasarraa "arrabsoofi salphisuun akka uumamu gochuu male" jedhanii kan yaadda'anis jiru.
Aadde Higuuchiin akka jedhanitti hojjetoonni hangi tokko , baajiin "barbaachisummaan isaa itti hin mul'anne" ykn baajicha godhachuudha " fedha hin qaban".
"Warri kaan garuu gaarummaatti ni amanu," jetti. "Yoo hojjettuun tokko laguu ji'aarra akka jirtu argite ykn beekte ba'aa guddaa baachuunillee ishee gargaaruu dandeessa, ykn boqonnaa guddaa akka fudhattu gochuu dandeessa. Gargaarsi akkasii kun ammoo kan waloodha."
Maamiltoonnillee deggersa agarsiisuuf bilbilan ni jiru jetti.
Amma maaltu ta'aa jira?
Diyaamaruun imaammata isaa kana haquuf hin jiru, garuu irra deebiyanii yaadaa jiru.
Aadde Higuchiin akka jettutti osoo ummata bal'aa hin beeksisiin akkaataa ittiin odeeffannoo waliif qooduun danda'amu irratti fala biraa barbaadna.
Akkuma biyyoota biroo, laguun ji'aa Jaappaan keessatti dhiirota yaa turuu dubartoonnillee wanta namoonni hedduu irratti hin haasofnedha. Dhimmi kun yeroo baayyee dhimma dubbachuun lagatamuufi akka saalfiitti ilaalamudha.
Garuu kun baayyee jijjiiramaa jira.
Miidiyaaleen tokko tokkos dhiironniifi dubartoonni, maatii dabalatee akka dhimmoota akka laguufi saalfii qaban ifatti haasa'an gochuun milkaa'inni argamneera.
Obkoloolessa keessa yeroo gibbirri omisharratti muramu kan meeshaalee laguudhaaf gargaaranii dabalate, dubartoota hedduu mufachiise. Kun ta'uun ammoo dhimmi kun akka dhimma marii hawaasa bal'aa akka ta'u godheera.
Namoonni akka ifatti dhimma laguufi saalfii jedhaman walitti dubbatan taasisuu keessatti miidiyaaleen hawaasummaas gumaacha guddaa qabu.















