Kooriyaa Kaabaa: Ajjeefamteetti kan jedhamte adaadaan gaggeessaa Kooriyaa Kaabaa Kiim TV irratti mul'atte

Ajjeefamteetti kan jedhame adaadaan Kiim TV irratti mul'atte

Madda suuraa, KCNA

Ibsa waa'ee suuraa, Ajjeefamteetti kan jedhame adaadaan Kiim TV irratti mul'atte

Gaggeessaan Kooriyaa Kaabaa gamsiisaadha jedhamu Kiim Joong Un ajjeefamteetti kan jedhamte adaadaan isaa TV irratti mul'achuun ishee addunyaarratti ijoo dubbii ta'eera.

Aadde Kiim Yoong Uyyiin haadha warraa Jaang Soong Teek kan bara 2013 keessa ajaja gaggeessaa Kooriyaa Kaabaatiin ajjeefameedha.

Dargaggeessi kun namticha erga ajjeesaniin booda haatii warraan namtichaa addabaabahiitti mul'atanii hin beekan. Tilmaamni namoota hedduu dubartiin kun akkuma abbaa warraasaanii haala sukanneessaan ajjeefamaniiru ykn hidhamaniiru kan jedhu ture.

Obbo Joong Soong Teek haalli ajjeefamuusaanii kan hin beekamne yoo ta'u, namoonni muraasni dhukaasa farra xiyyaaratiin ajjeefamee yoo jedhan kaanimmoo qalamanii ajjeefamanii kanneen jedhanis jiru.

Yeroo tokko ENNN Kooriyaa Kaabaarraa jalaa nama miliqe tokko wabeeffachuun akka gabaasetti, Joong firoottan isaani yeroo ajjeesan akka illaalan erga affeeramanii booda dhiigni firasaanii dhaqna isaaniirratti naqamuun of wallaalaniiru jedha.

Sana booda barreeffamanu ibsuuf kan baay'ee nama sukanneessuu jechuun gabaase ture.

Aadde Kiim Yoong Huuyee intala abbaa Kooriyaa Kaabaa namticha jedhamanii beekaman kan Kiim Eel Soon akka taatetu himama. Obboleetti hoogganaa Kooriyaa Kaabaa duraanii Kiim Joong Eeli.

Kana jechuun dubartiin kun adaadaa Kiim ta'uusaaniiti.

Abbaan warraasaanii Chaang Song Teek ammoo maatii fira dhiyoo turan garuu tasa haala hin eegamneen himannaa biyya ganuutiin himatamanii ajaja dargaggeessa dursaa Kooriyaa Kaabaa kanaan bara 2013 keessa addabaabaayiitti fannifamaniiru.

Guyyaa sanaraa kaasee ammoo haadha warraa isaa, kan adaadaa Kiim Joong Uun taate namni argeera jedhe hin jiru.

Dilbata darbe TV'n biyyattii dubartiin kun Kiim Joong Un waliin taa'anii yeroo harka reeban agarsiiseera. Kan argamanis kabaja waggaa haaraa isaanii agarsiisa tiyaatiraa Piyoongiyaang keessatti ture.

Dubartiin kun Kiim Joong Un fi haadha warraa isaa cinaa osoo teessuu argamteetti.

Obbo Chaang osoo hin ajjeefamiin dyra Kiim Joong Un cinaatii hin dhiban ture

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Chaang osoo hin ajjeefamiin dyra Kiim Joong Un cinaatii hin dhiban ture

Namoonni hedduun dubartiin kun lubbuun jiraachuu ishee ajaa'ibsiifataniiru. Lammileen Kooriyaa Kaabaa hedduun dubartiin kun akka ajjeefamte ykn akka biyyaa baqatteetti yookaan ammoo uguramtee jirti jedhanii yaadaa turan.

Xiinxaltoonni dubartiin kun TV biyyaalessaa irratti argamuun ishee tarii Kiim waliin nagaan bu'eera, dandeettiin dhiibbaa uumuu isaanii kanan dura ture deebiyee bakka tajaajila gorsaa kanaan dura irra turanitti deebiyuu malu jechaa jiru dubartii kanaan.

Kaneen biroo ammoo biyya sana keessatti TV irratti hin mul'adhu jechuun diduu gadda isaaniirra ta'uu danda'uu dubartiin kun? TV argamuu diduu ammoo ni danda'uu? Kan jedhullee kaasanii barreessaniiru.

Nama abbaa warraa ishee ajjeese cinaa taa'uun shiraafi gara jabina, akkasumas diraamaa siyaasa biyyattii agarsiisa jedhu namoonni kaan ammoo.

Dubartiin kun abbaa warraa ishee ajjeefame waliin ta'uudhaan gaggeessaan Kooriyaa Kaabaa yeroo ammaa kun akka gara aangootti dhufuf waggoota 10 dura ga'ee guddaa taphachaa turteetti.

Dargageessichi Kooriyaa Kaabaa gaggeessu kun bara 2011 keessa abbaa isaa bakka bu'uun yeroo gara aangootti dhufe abbaan warraa adaadaa isaa Mr Chaang duukaa deemanii ogummaa bulchiinsaa barsiisaniiru.

Abbaa warraa adaadaa Kiim Joong Un du'aan adabaman

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Abbaa warraa adaadaa Kiim Joong Un du'aan adabaman

Haata'u malee, hordoffiifi gorsa waggaa lamaatiin booda osoo waliin walga'iirra jiranii ture haala ajaa'iba ta'een Komaadoo addaatiin fudhataman. Mootummaan Kiim akka jedhutti garuu eessumni isaa kun aangoorraa isa kaasuuf shira xaxaa osoo jiruu irra ga'ame.

Osoo hedduu hin turiinis TV biyyaalessaa irratti 'saree sareen gadii' jedhamuun arrabsaman. Mana murtii waraanaatti dhiyaachuunis duuti itti murtaa'eera.

Kana ta'es garuu adaadaan Kiim fi haati warraa gorsaa isaa isa waliin TV irratti argamuun hedduu akka namoota jaa'ibetti jira.