Kooriyaan Kaabaa talaallii Covid miiliyoona sadii ta'u dhihaatef fudhachuu didde

Madda suuraa, Reuters
Kooriyaan Kaabaa talaallii koronaavaayirasii miiliyoona sadii kennameef ture hin barbaadu kaanitti dabarsaa jechuu ishee Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) hime.
Dubbii Himaan dhaabbatichaa akka himanitti talaallichi biyyoota weerarichaan miidhamaniif akka kennamu biyyattiin gaafachuushee himan. Yeroo ammaa hanqinni talaallii vaayirasichaa ni jira.
Sagantaa Covax jedhamuufi biyyoonni hiyyeeyyii talaallicha akka argatan socho'uun ture talaalliin Chaayinaatti oomishame Kooriyaaf kan kennamee ture.
Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) jedhetti Kooriyaan Kaabaa Hagayya 19 irraa eegaltee nama vaayirasichaan qabame hin galmeessine.
Namoonni 37,291 tahan hojjettoota fayyaa dabalatee dhibee qufaa fakkaatun qabaman hunduu qoratamanii hunduu vaayirasicharraa bilisa ta'aniiru jedheera dhaabbatichi.
Biyyi balbala cufachuun beekamtu Kooriyaan Kaabaa, yeroo weerarichi jalqabe ture tarkaanfii kan fudhachuu eegalte. Biyyoota jalqabaa yeroo weerara Covid daangaa cufatan keessaa tokkodha.
Biyyattiin talaallii Covid hin fudhu yoo jettu kuni yeroo jalqabaaf miti.
Baatii Adoleessa keessa talaallii AstiraaZenekaa itti ergame rakkoo maddee fiduu mala jechuun fudhachuu diduu dhaabbatni Kooriyaa Kibbaa taate biyyatti itti dhiheenyaan hordofu himeera.
Baatii Adoleessa keessa Ministeerri Dhimma Alaa Raashiyaa, Sergeey Laavrov, talaallii biyyi isaanii oomishte Sputnik jedhamu Kooriyaaf kennuuf akka barbaadan yeroo garaagaraatti dubbataniiru.
Haa ta'u malee, biyyattiin cimina ofirraa ittisuu talaallichaa irratti shakkii ibsuun hin fudhattu.
Miidiyaan mootummaa biyyattii irra deddeebiin namoonni Ameerikaafi Awuroppaatti talaallicha irratti yaada mormii akka qaban gabaasa.














