Koronaavaayiras: Kooriyaa Kaabaatti 'nama Covid-19 shakkame' jalqabaa argame

Kooriyaa Kaabaa

Madda suuraa, Reuters

Kooriyaan Kaabaa yeroo jalqabaaf namni koronaavayirasiin shakkame argame jechuun himte.

Miidiyaan biyyatti KCNA jedhamu akka gabaasetti namni waggaa sadii dura biyya ganuun Kooriyaa Kibbaa galee ture, torban darbe biyyatti deebi'ee mallattoon Covid-19 irratti mul'ateera.

Hogganaan Biyyatti Kiim Joong-uun anga'oota olaanoo waliin marii hatattamaa gaggeessuun, magalaan daangaarra jirtu Kayisoong akka cufamtu murteesseera.

Biyyi iccitii qabaachuun beekamtu Kooriyaan Kaabaa, kanaan dura namni Covid-19 qabame hin jiru jettus, xinxaltoonni garuu kun waan hin taanedha jedhu.

"Wanta hatattammaa magaalaa Kayisoongitti uumameen namni biyya ganee turee karaa seeraan alaan Waxabajjii 19 karaa seeraan erga daangaa ce'e booda vaayirasii hamaa kana qabaachuun shakkamera," jedha KCNA.

Walga'ii Sanbata taasisan irra Kiim Joong-uun vaayirasichaa to'achuuf "mala hatattamaa cimaa" ajajeera.

Dabalataaniis namni biyya ganee ture kun akkamiin daangaa eegumsa cimaa qabu kana darbuu akka danda'e irratti qorannoon eegaluu isaa kan ibse Kiim, kanneen yakka kana keessatti hirmaatan irratti 'adabbiin cimaa' akka fudhatamu ibsuun KCNA gabaaseera.

Yeroo kanatti Kooriyaan Kibbaa guyyoota darban keessatti namni karaa seeraan alaan daangaa darbe kamuu jiraachuu hin gabaasne.

Yeroo koronaavaayirasiin addunyaatti tatamsa'aa turetti, Kooriyaan Kaabaa ji'a ja'a dura daangaa ishee cufuun namootni kumaatamaan lakka'aman akka adda of baasan gootee turte.

Jalqaba ji'a kanaatti Kiim Joong-uun biyyattiin 'milkaa'ina ifaan' Covid-19 to'atteetti jechuun faarsaniiru.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa