Koronaavaayiras: Furdinni garmalee carraa Covid-19 qabamuu ni dabala jedhan qorattoonni

Namoota BMI isaanii ol'aanaa ta'e

Madda suuraa, Getty Images

Furdinni garmalee dhukkubbi hamaa yookiin du'a sababa koronaavaayirasiin dhufuu danda'uuf nama saaxila jedhan qorattoonni.

Ragaan Fayyaa Hawaasaa Ingilaand akka mul'isutti akkuma furdinni dabalaa deemuun miidhaan namarra gahuus akkasuma dabalaa deema jedha.

Dr Aliisan Teedistoon Fayyaa Hawaasaa Ingilaanditti ogeessa nyaataa yoo ta'an ragaan ammaa durallee ta'u ifa jedhan. Furdinni garmalee carraa dhukkubbii hamaa yookiin du'a sababa Covid-19 dhufuuf nama saaxila akkasumas dhukkuboota hedduu lubbuu keenyaaf sodaachisaniifillee nama saaxila jedhan Dr Aliisan.

"Furdina hir'isuun fayyaa keenyaaf baay'ee faayida-qabeessadha, akkasumas carraa rakkoo fayyaa Covid-19 faana wal qabaturraa nu eega," jedhan Dr Aliisan.

UKn biyyoota Awurooppaatti namoonni furdinni garmalee qaban itti heddumaatan keessaa ishee tokko. Biyyattii keessatti gaheessonni lama sadaffaa ta'an furdinna garmalee qabu.

Furdinna garmalee qabaa?

NHS akka jedhutti namoonni 'body mass index (BMI)' yookiin furdinnisaanii iskuweerii dheerinnasaaniitiin hiramee 25 hanga 29.9 ta'an furdaadha jedhamu, kan BMI isaanii 30 hanga 39.9 ta'e immoo furdinna garmalee qabu jechuudha jedha.

Safartuun cooma garmalee inni biraammoo hamma mudhiiti - dhiiroonni cm94 fi achii ol akkasumas dubartoonni cm80 fi achii ol qaban carraa rakkinnoota furdinna garmalee waliin wal qabatee dhufuuf ni saaxilamu.

Namoonni furdinna fayya qabeessa akka qabaatan taasisuun carraasaanii Covid-19'f saaxilaman ni hir'isa jedhan. Keessumaayyuu namoota namoota furdina garmaleedhaan haalan miidhaman.

Piroofeesar Suuzaan Jeeb Yuunivarsiitii Oksifoord irraa akka jedhanitti namoonni ga'eeyyii, dhiironni, namoonni Eezhiyaa Kibbaa fi sanyii muraasni fi isaan naannoo hanqinni qulqullinnaa jiru jiraatan carraan Covid-19 qabamuusaanii ol'aanaa akka ta'ee ni beekna.

"Hundaa ol ragaan kun akka namoonni furdinna garmalee qaban Covid-19 saaxilamoo akka ta'an mul'isa," jedhan.

Akka gabaasa kanaatti namoonni yeroo weerara koronaavaayiras kanatti sochii qaamaa akka taasisan mul'isus guutuu biyyaa keessatti lakkoofsi namoota sochii qaamaa taasisan hin daballe jedha.

Gama biraatiin bittaan nyaataa fi alkoolii haalaan dabaleera. Booriis Joonsan furdinna garmalee to'achuuf tarkaanfiiwwan haaraa ni fudhatu jedhamee eegama.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa