Koronaavaayirasii: Tatamsa'inni COVID-19 biyyoota Afriikaa keessaa maal fakkaataa?

Koronaavaayirasiin addunyaarratti erga mul'achuu eegalee baatiiwwan muraasa darban keessatti qofa namoonni kuma 31 ta'an lubbusaanii dhabaniiru.
Akkasumas, kanneen kuma 665,ol ta'an ammoo vaayirasichaa qabamunsaani yoo mirakanaa'u, isaan 141,767 vaaayirasicharraa akka fayyana himamaa jira.
Haa ta'u malee tatamsa'inniifi miidhaan koronaavaayirasii kunis biyya Chaayinaatti aansee biyyoota Awurooppaa kan akka Xaaliyaaniifi Ispeen amma ammoo Ameerikaa keessatti gara malee cimaa jira.
Biyyoonni Afriikaa akka biyyoota dinagdeen cimanii gahumsa ittisa vaayirasii kanaa hinqabne keessatti haala adda addaatiin tatamsa'aa jira.
Walumaagalattis biyyoota Afriikaa 46 keessatti namoonni 4,282 COVID-19n kan qabaman yoo ta'u, 134 du'uun kanneen 302 vaayirasicha irraa fayyaa galmaa'eera.
Biyyoota ardii afrikaa kanneenis kallattii naannoo isaanii yoo adda baafne ilaallu kan asii gadii kana fakkaata:
Jiddugala Afriikaa
Haaluma kanaanis jiddugala Afriikaa kanneen akka Kameeruun Jidugala Rippablika Afriikaa, Chaad, Koongoo, DR Kongoo, Iquatoriyaal Ginii fi Gaabooniitti namoonni 214 vaayirasichaan kan qabama yoo ta'u, namoonni sagal du'uun jaha ammo bayyanataniiru.
Baha Afriikaa
Akka raga BBC'n walitti qabe kanaatti, biyyoota baha Afriikaa kan akka Itoophiyaa, Jabuutii, Eeritiraa, Keeniyaa, Madakaasikaar, Morishiyas, Ruwaandaa, Shiiselsi, Somaaliyaa, Sudaan, Taanzaaniyaafi Yugaandaatti waligalatti namoonni 324 vaayirasichaan kan qabaman yoo ta'u, afur du'anii jaha bayyanataniiru.
Afriikaa Kaabaa
Gama biyoota Afriikaa Kaabaatii yoo ilaalleesse, Aljeeriyaa, Masrii, Libiyaa, Morokkoo, Moritaaniyaa fi Tuniziyaatti kanneen vaayirasichaan qabaman 1,716 yoo ta'an, 98 du'uun 211 ammoo dhukkubarraa fayyaniiru.
Kibba Ardii Afriikaa
Gama biyyoota Kibba Ardii Afriikaa yoo deemnu ammo, Angoolaa, Esiwaatiin, Mozaambiik, Naambiyaa, Afriikaa Kibbaa, Zaambiyaa fi Zimbaabweetti walumaa galatti namoonni 1,230 vaayirasichaa qabamuun mirkanaa'eera. Namoonni 2 ammoo sababiidhuma Kanaan lubbuu kan dhaban yoo ta'u, 31 fayyaniiru.
Lixa Afriikaa
Biyyoota Lixa Afriikaa kan akka Beeniin, Burkinaa Faasoo, Cape Verdee, Kote Divaar, Gaambiyaa, Gaanaa, Giinii, Ginii Bisaawu, Laayibeeriyaa, Maalii, Niijar, Naayijeeriaa, Seenegaal, Togootti namooti 798 kan vaayirasichaa qabaman yoo ta'u, 21 lubbusaanii dhabaniiru.
Akkasumas biiyyoota naannoo kanaa keessatti namoonni 48 vaayirasicharraa fayyuunsaani himameera.

- Waa'ee koronaavaayirasii gaaffilee keessaniif deebii
- Kallattiin: lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamaniifi du'anii
- Biyyoota Eshiyaa danbaliin koronaa lammaffaan mudataa jira?
- Koronaavaayiras ofirraa ittisuuf harka ni dhiqattu, bilbila keessan hoo akkamiin qulqulleeffattu?
- Gaaffii koronaavaayirasii irratti dhihaatanif deebii kenname
- 'Yeroo Covid-19 hammaatetti intarneetiin Lixa Oromiyaatti cufame turuun isaa baay'ee nu yaachise'















