Kim Jong-un Kooriyaa Kaabaatti hir'inni nyaataa jiraachuu amane

Madda suuraa, Reuters
Hoogganaan Kooriyaa Kaabaa Kim Jong-un biyyasaa hir'inni nyaataa mudachuu ifatti amane.
Hooggantoota olaanoo biyyattii duratti haasaa taasiseen, Aabba Kim ''wabiin nyaataa uummataa muddama keessa galaa jira,'' jedhe.
Dameen qonnaa biyyattii oomisha karoorfate milkeessuu hin dandeenye jechuun, sababni kanaas lolaa hamaa bara dabre obomboleettii gosa 'typhoon' maddee turen tahuu hime.
Gabaasaaleen akka agarsiisanitti gatiin nyaataa haalaan ol kaheera - miidiyaan NK News akka jedhetti, muuziin kiiloo tokkichi doolaara 32 yookaan Birrii Itoophiyaa 1,400 oliin gurguramaa jira.
Kooriyaan Kaabaa weerara Covid-19 to'achuuf jecha daangaashee cufatteetti.
Kanarraa kan ka'e daldalli Chaayinaa wajjin qaban haalaan gadi bu'eera. Kooriyaan Kaabaa nyaata, xaa'oofi boba'aaf Chaayinaa irraa agratti.
Kana malees biyyattiin sababa sagantaa nikuleeraa isheetiin walqabatee qoqqobbii idil-addunyaa irra kaa'ameen daran miidhamaa jirti.
Hoogganaan irre-jabeessi paartii tokko qofaan biyyattii bulchu kun waa'ee haala nyaataa kana kan dubbate, wayita koreen jiddugalaa paartii biyya bulchuu - Paartii Hojjettootaa magaalaa guddoo Piyoongyaangitti walitti qabametti.
Walgahii kanarratti Aabba Kim, oomishni indastirii biyyaalessaa ruubiin guddateera - kunis kan bara dabre wajjin wayita walbira qabamudha jedheera.
Qondaaltonni kunniin waa'ee walitti dhufeenya US fi Kooriyaa Kibbaa akka mari'atan kan eegamu oggaa tahu, haga ammaatti odeeffannoon dabalataa bahe hinjiru.
Ebla keessa, Aabba Kim haala amma dura hin baramneen rakkoon isaan mudachuu amane. Kanaanis qondaaltonni ''uummata keenya haala xiqqoonis taatu rakkoo jalaa baasuuf, deemsa cimaafi ulfaataa 'Arduous March' jedhamu'' akka godhan waamicha dhiyeesse.
Jecha 'Arduous March' jedhamutti qondaaltonni biyyattii kan itti dhimma bahan, rakkina yeroo beelaa bara 1990'oota keessa ture wayita kaasanidha.
Beelli kun kan dhalate Gamtaan Soviyeet (Soviet Union) diigamuu hordofee qarqaarsi biyyattiif gootu dhabamnaan ture.
Bara beelaa sanatti lakkoofsi waliigalaa namoota obba'anii beekamuu baatus, haga namoota miiliyoona 3 tahantu dhume jedhamee tilmaamama.















