Yongbyon: UN Kooriyaan Kaabaa gabbisa nukileeraa irra deebiin jalqabuu hinoolle jedhe

North Korea"s leader Kim Jong Un leads the first workshop of the commanders and political officers of the Korean People"s Army

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Kooriyaan Kaabaa erga to'attoonni IAEA biyyaa ari'amanii booda meeshaalee nikuleeraa gabbisuu itti fuftee jirti

Kooriyaan Kaabaa buufata gabbisa nikuleeraa Yongbyon irra deebiin hojii waan jalqabsiiste fakkaata jechuun ejensiin atoomikii UN gabaasa baase.

Keemikaalli meeshaalee waraanaa nikuleeraaf oolu Plutooniyem jedhamu, gamoo gabbisaa kana keessatti oomishamaa jiraachuu hinoolle jedhameera.

Ejensiin Anniisaa Atoomikii Idiladdunyaa (IAEA) Piyoongiyaang irraa bara 2009 kan gugsame oggaa tahu, suuraalee saatalaayitaa fayyadamuun qorannoosaa taasisa.

Dhaabbanni kun wiirtuun kun erga Adooleessaati as bishaan ittiin qabbaneessan gadhiisaa jira jedha - kun ammoo hojii eegaluu kan agarsiisudha.

Wiirtuun nikuleeraa Yongbyon, ri'aaktara meggaawaattii 5 maddisiisu kan qabu oggaa tahu, wiirtuun kun sagantaa nukileeraa Kooriyaa Kaabaaf isa ijoodha.

Akka IAEA'tti mallattoon amma mul'ate kun erga Pireezidantiin US duraanii Donaald Tiraamp ji'a Muddee 2018 keessa Kim Jong-un Singaapporitti erga walargan booda, sochii isa jalqabaati jedhameera.

Ogeeyyiin damee kanaa mootummaa biyyattii meeshaalee hangamii oomishuuf humna qaba kan jedhu hubachuuf, wiirtuu Yongbyon itti dhiyeenyaan yeroo dheeraaf hordofaa turan.

Ejenshichi ji'a Waxabajjii keessas laaboraatoriin raadiyookeemikaalaa wiirtuu kana keessa jiru hojii eegaluusaa akeekkachiisee ture.

Gabaasa ammaa kana keessatti laaboraatoriin kun ji'oota shanana haga Adooleessa 2021 jiranitti, hojii hojjechaa akka ture kaasa.

A satellite image of the Yongbyon nuclear complex

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa saatalaayitii wiirtuu Yongbyon Muddee 2019

IAEAn akka jedhetti sosochiin haaraan bakka gabbisaa fi laaboraatorii keessatti amma mula'te kun ''haalaan kan jeequ'' fi qajeelfama Mana Maree Nageenyaa UN ifatti kan cabsedha jedha.

Mnistirri dhimma alaa Kooriyaa Kibbaa ejensii oduu Yonhap'tti akka himetti, ''mootummaan [Kooriyaa] Ameerikaa wajjin tahuun, sosochii nikuleeraafi misa'elaa Kooriyaa Kaabaa dhiyeenyaan hordofaa jira.''

Kooriyaan Kaabaa erga to'attoonni Ejensiin Anniisaa Atoomikii Idiladdunyaa (IAEA) biyyaa ari'amanii booda meeshaalee waraanaa nikuleeraa gabbisuu kan itti fufte oggaa tahu, yaalii isa dhumaas 2017tti taasifte.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Gaaffilee hin taanae baqattoonni Kooriyaa Kaabaa gaafataman