Balaa Nikuleera Kooriyaa Kaabaa: Kiim Joong-un 'waraana kadhataa jira'

Hoogganaa Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong-un

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa haaraa Kim Joong-un Wiixata maxxanfame

Ogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong-un shaakkallii boombii nikuleeraa baayyee cimaa fi ammayyaa dhiheenya kana taasifteen 'waraana kadhaata jira' kan jedhan Motummoota Gamtoomanitti ergamaa Ameerikaati.

Niikii Heelii walgahii attatamaa Mana Maree Nageenyaa Niiwu Yoork irratti akka dubattanitti, Ameerikaan waraana hin barbaaddu turte garuu 'obsi daangaa qaba' jette.

Ameerikaanis addabbiiwwan cimsuudhaaf dhihootti fala Motummoota Gamtoomanitti haarawaa ni dhiyeessiti.

Michuun Koriyaa Kaabaa, Chaayinaan dubbichi mareedhaan akka ilaalamuuf waamicha kan taasiftee yoo ta'u, Swiizarlaand ammoo jaarsummaaf qophaa'oo ta'u ishee himte jirti.

Utuma kanaan jiruu, humni waraanaa galaana Kooriyaan Kibbaa guyyaa kibxataa shaakalli waraana raawwachuun Koriyaan Kaabaa yoo nu xuqxe 'tarkaanfii hatattamaa fudhachuun galaanatti ishee daballa' jechuun Dhaabbanni oduu Yonhap gabaasee jira.

Niikii Haalii (Mirga) ergamaa Ingiliz Maatiw Raayikirooft waliin ennaa hasawan

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Niikii Haalii (Mirga) ergamaa Ingiliz Maatiw Raayikirooft waliin hasawan

Kunis kan dhufe erga loltoonni Koriyaa Kibbaa bakka shaakkallii nukileeraa Koriyaa Kaabaa irratti irratti akeekanii booda.

Gabaasawwanis Kooriyaan Kaabaa yaalii misaa'eela haaraaf qophaa'aa jirti jedhaniiru.

Guyyaa Dilbataa, boombii humna kiloo toonii 50 hanga 120 tilmaamamu qabu lafa jalatti dhukaasuun yaalii gotee jirti. Kilootoonii 50 jechuun boombii bara 1945 tti Hirooshimaa barbadeesse dachaa sadii kan caaluudha.

Suuraan dhihoo kanaa, hoogganaan Kooriyaa Kaabaa Kim Joong-un (gidduu) boombii ennaa sakkatta'an agarsiisa

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraan dhihoo kanaa, hoogganaan Kooriyaa Kaabaa Kim Joong-un (gidduu) boombii ennaa sakkatta'an agarsiisa
line

Oduu walqabatadhaanis:

  • Chansilariin Jarmanii Angeelaa Markeel dhiibba EUn(Gamtaan Awuroopaa) cimaan Koriyaa Kaabaa irratti akka fudhaatu nan yaala jechuun marii bilbilaan taasisaniin Prezidaanti Traampi wajjin waligalaniiru.
  • Jaapann ammo yoo waraanni kan jalqabamu ta'e lammiwwaan ishee Koriyaa Kibbaa daawwataa fi keessa jiraata jiran 60,000 ta'an attatamaan baasuuf akka karoora qabdu, xinxalli Niikii biyya Ashiyaa gabaaseera.

'Yeroon kan marii'achuuti'

Addee Heelii, uggura cimaa ta'e biyyatti kana irratti ka'uu qofatu akka karaa diploomaasii rakkoon kun dhumachuu danda'u godha jechuun dubbateetti.

'Waraanni takkumaa iyyu waan Ameerikaan barbaadu miti' jete jirti. 'Nuti amma kana hinbarbaannu, haa ta'u malee biyyi keenya obsa hindhumne hinqabdu.'

Motummoota Gamtoomanitti ergamaa Chaayina kan ta'an Liiyu Jiiyii, gartuun hundi gara marii fi waligalteetti deebi'uu qabaa jedhaniiru.

'Dhimmi Peenisuulaa karaa nagaatiin furmu qaba,' jedheera. 'Chaayinaan gonkumaa Peensuula irratti alaalaan ykn jequmsi akka raawwatamu hin hayyamtuu jedhaniiru.'

Prezidaantiin Swiz Dooriis Luutihaadiin galmee al-loogummaa fi dippilomaasii gaarii biyya ishee fi biyya Swiideen kaasuudhaan Bernee keessatti hasa'aniiru.

'Akka natti fakkaatutti yeroon kun kan yeroo mariiti' jettee jirti. 'Nutis akka jaarsummaatti gahee keenya tajaajilawwan gaariif keennuuf qophaa'oodha'jette jirtis. Torbawwan dhufanis haala Ameerikaa fi Chaayinaan balaa kana ittiin furuuf yaala irratti kan hundaa'u natti fakkaata.'