Kooriyaa Kaabaa: Dubartiin Kiim Joong-Uun booda aangoof eegamtu kun eenyu?

Kim Yo-jong

Madda suuraa, Reuters

Waggoota muraasa darban keessatti Kiim Yoo-Joong aangoo Piyoongiyaang keessatti nama murteessoo ta’aniiru.

Isaanis obboleettii bulchaa Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong-Uuniti.

Kiim Yoo-joon qalbii idil addunyaa kan hawatan bara 2018’tti nama jalqabaa maatii Kiim keessaa Kooriyaa Kibbaa daawwatan isaan jalqabaa ta’uudhaani.

Isaan Olompikii Gannaa Kooriyaan lamaan garee tokko ta’uun dorgaman irratti bakka buutuu Kooriyaa Kaabaa turan.

Walitti dhufeenya dhihoo obboleessaa isaanii waliin qabu.

Yeroo Kiim Joong-Uun Ebla 2020 keessa sagantaalee hawaasaa irratti osoo hin hirmaatiin hafan bakkasaanii bu’uudhaan sochiilee siyaasaa keessatti hirmaachuunsaaniin ammoo dabalataan qalbii namoota hedduu hawwatan.

Kim Jong-un, Moon Jae-in and Kim Yo-jong

Madda suuraa, Getty Images

Kiim Joong-Uun ji’a Ebla keessaa osoo hin mul’atin hafuunsaanii fayyummaa isaabiirratti gaaffiin akka ka’u godhee ture.

Taateen sunis namoota bakka pireezidaantichaa bu’uu danda’an jedhamanii shakkaman keessaa isaan tokko taasiseera.

Itti gaafatummaan Aadde Kiim Onkololeessa bara 2017 keessa ol guddate. San dura waajjira dhimma piroopogaandaa fi sodaa irratti hojjatu keessa itti aantuu turan. Ammas hoggansa san irra jiru jedhamee amanamama.

Ameerikaan dhiittaa mirga namummaa Kooriyaa Kaabaa keessatti raawwatame jedhameen Aadde Kiim Yoo-joong irratti qoqqobbii keetteetti.

Kana jechuun lammiileen US isaan waliin hariiroo qabaachuu hin danda’an. Qabeenyisaanii US’tti argamu kamuu akka hin sochoone godhama.

Haala aangoo Kooriyaa Kaabaa beekuun waan ulfaatuuf hariiroo siyaasaa isaanii beekuun ni ulfaata.

Gaazexeessaan NK News Oliivar Hootaam BBC’tti akka himetti gargaarsa hedduu obboleessa isaaniirraa argatu jedha.

Waxabajjii keessaa zoonii waraanarraa bilisa ta’e daangaa Kooriyaa lamaanii jirutti waraana erga jechuun sodaachisaa turan. Kunis sababa Koriyaan Kibbaa waraqaa mootummaa Kooriyaa Kaabaa qeequu erguusaaniif deebiidha jedhan.

Dabalataanis waajjirra waloo biyyoota lamanii magaalaa daangaa Keesoongitti argamu ni “barbadeessa” jechuun akeekkachiisanii turan.

Gaafa Waxabajjii 16 dhukaasni jabaan magaalaa Keesoong irraa dhagahame. Boodarra qondaaltonni Kooriyaa Kibbaa kan mootummaansaanii doolaara miiliyoona 8 gumachaa’ee irra deebiidhaan ijaarame barbadaa’uusaa mirkaneessaniiru.

Seenaan hidda mootolee maatii kiim duuba jiru maali?

Namni Kiim Jaang-uunitti aangoo qabatu jiraachuuf hariiroon maatii jiraachuu murteessaadha.

Kiim Jaang-uun ijoollee ni qaban jedhamee amanamama ta’us garuu umuriisaanii siyaasaaf hin geenye.

Aadde Kiim hidda maatiisaanii waan ta’aniif wal harkaa fuudhinsi aangoo harkasaanii galuu jedhan miidiyaan biyyattii.

Hidhatni dhiigaa kunis akka isaan osoo hin filatamin sababa maatii taa’anii aangoorra akka bahan mul’isa, kun immoo hogganaan haaraan akka mormituu jabdutti akka isaan ilaalu taasisa. Maatii Kii waliinis walitti dhufeenya jabaa jedhamu akka hin qabnetu dubbatama.

Maatii bulchitootaa keessatti bakkisaaniif malu eessa?

Kiim Yoo-joong intala quxxisuu bulchaa duraanii Kiim Joong-iliiti. Isaanis Kiim Jaang-uunii fi Kiim-chool waliin haadha tokkorraa dhalatan.

Bara 1987 kan dhalatan yoo ta’u obboleessi isaanii Kiim Jaang-uun ganna afuriin caaluunin. Isaan lamaanuu yeroo walfakkaatutti Beernee, Iswiizarlaanditti kan jiraachaa fi barataa turan.

Qondaaltonni barnootaa Iswiizarlaand baay’ee eeggamaa akka turan himu. Yeroo tokko mallattoo qorraa jiddu galeessa waan mul’isaniif saffisaan gara hospitaalaa geeffaman jedhu.

Kim Jong-un and Kim Yo-jong

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kiim Jaang-uun fi kiim yo-jang

Maal hojjatu?

Bara 2014 irraa jalqabee hojiinsaanii guddaan eenyummaa obboleessanii eegsisuu fi waajjira piropogaandaa paartichaa keessatti hirmaachuudha.

Bara 2017 garee wixinee baasu keessatti miseensa ta’anii turan.

Yeroo walgahii Haanoyi Kooriyaa Kaabaa fi Ameerikaa jiddutti bara 2019 taasifamee walii galtee dadhabame sanitti garee san keessaa baafamaniiru jedhama. Booda bara 2020’tti gara garee sanitti deebifamaniiru.

Bara 2014 dura du’a abbaansaanii bara 2011 fi filannoo obboleessaanii bara 2014 qofarratti kan mul’atan.

Yeroo fayyaan abbaasaanii Kiim Joong-iil gaarii hin turre sanitti jalqabbii bara 2008 keessa aangoonsaaniif kennama jedhamee hawwamaa ture.

Yeroo haalli obboleessi isaanii gaarii hin taane hundatti isaantu aangoo qabatan jedhama.

Akkuma Ebla bara 2020, bara 2014 keessatti yeroo Kiim Jaang-uun hawaasatti osoo hin mul’atin badanii boodarra shimala deemsaaf isaan gargaaru qabatanii as bahan sanitti ni dubbatama.