Kooriyaan Kaabaa yaalii misaa'elii bara 2017 as isa guddaa jedhame Dilbata raawwatte

Kim Jong-un

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Hogganaa Kooriyaa Kaabaa Kiim Jong-un torbe darbe wayita warshaa dowwataniiti

Kooriyaan Kaabaa yaalii misaa'eelii erga bara 2017 asitii isa guddicha jedhamee furguggiste.

Kooriyaa Kibbaa akka gabaafteetti yaaliin kun kan gaggeefame guyyaa Dilbataa sa'aatii biyyaatti 07:52 (22:52 GMT) irratti qarqara galaana biyyattii karaa bahaatiini.

Yaalii Kooriyaan Kaabaa baatii kana keessa qofa yeroo torbaffaaf taasifte kanas Jaapaan, Kooriyaa Kibbaa fi Ameerikaan balaaleeffataniiru.

Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii Kooriyaan Kaabaa akka yaalii baalistikii fi meeshaale waraanaa nikulaaraa hin taasifne dhorkuun qoqqobbii irra kaa'eera.

Garuu ammoo biyyattiin irra deddeebiin dhorkaa kaa'ame cabsuun, yaaliiwwan kana itti fufteetti. Kiim Jong-un waraana biyyasaanii cimsuuf dhaadatu.

Manni Maree Nageenya Biyyaaleessa Kooriyaa Kibbaa, yaaliin Dilbataa kunis misaa'ela baalistikii fageenya jidduugalaa (IRBM) yoo ta'u, erga Sadaasa 2017 as miisaa'ela furguggiste isa guddaa ta'a jette.

Qondaaltonni Jaappaaniifi Kooriyaa Kibbaa miisaa'eliin furguggifame kun ol fageenya KM 2,000 (maayilsii 1,240) fi daqiiqaa 30f fageenya KM 800 (maayilsii 500) akka imalu tilmaaman. Innis galaana Jaapaan keessa qubate.

Ameerikaanis ibsa karaa Ajajaa Waraana US Indo-Pacific baafteen, Kooriyaan Kaabaa ''kana booda gochaawwan nageenya booreessan kana irraa akka of qusattu'' waamicha taasifteef.

Kooriyaan Kaabaa Amajjii keessa qofaa misaa'elii torba furgugsite

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Kooriyaan Kaabaa Amajjii keessa qofaa misaa'elii torba furgugsite

Baatiin Amajjii sagantaa misaa'eelii Kooriyaa Kaabaatiif baatii baayyee itti qo'omatan ture. Biyyattiinis miisaa'eloota fageenya gaggabaabaa torba gara galaanaatti furguggifte.

Pirezidaantiin Kooriyaa Kibbaa, Muun Jae-in, yaalii dhiheenyaa kunis kan muddama bara 2017, wayita Kooriyaan Kaabaa yaalii nikulaaraa hedduu fi miisaa'eeloota gurguddaa itti raawwataa turtee nu yaadachiisa jedhan. Bara sana muraasni isaanii Jaapaan irra darbu ture.

Bara 2018tti Mr Kiim yaalii meeshaalee waraana nikulaaraa ykn misaa'eloota baalastikii (ICBMs) fageenya dheeraa deeman irratti dhorkaa yeroo kaa'anii ture.

Bara 2019tti ammo hogganaan Kooriyaa Kaabaa kanaan booda dhorkaa kaa'ameef akka hin abboomamne hime.

Yaaliiwwan misaa'eelii Kooriyaan Kaabaa taasiftuuf deebii kannuuf Ameerikaan jalqaba Amajjiitti qoqqobbii dabalataa keessee jirti. Erga Joo Baayidan aangoo qabataniin booda mariin biyyoota lamaan jidduu dhaabbateera.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Kooriyaan Kaabaa maaliif miisaa'eel dhukaasuu itti fuftee laata?

Oddeessaalee dabalataa: