Yaalii misaa'elii Kooriyaan Kaabaa taasistu maaliif biyyoota addunyaaf yaaddoo ta'e?

Madda suuraa, KCNA
Torban kana keessa Kooriyaan Kaabaa misaa'elii fagoorratti dhukaafamu yaalii milkaa'aa taasisuu beeksiftee turte.
Misaa'eliin fageenya dheeraatti dhukaafamu kun Jaappaan gara caalu rukutuu kan danda'udhas jedhameera.
Misaa'eliin fageenyatti dhukaafamuu danda'u kun haala Balistik Misaa'el irraa adda ta'een kallattii isaa jijirrachuun roga hin eegamne haleeluu kan dandeessisudha.
Kun ammoo Kooriyaan Kaabaa meeshaaleen waraanaa Nuukilaraa dhukaasuudhaaf malawwan hedduufi kan sadarkaan isaa cimaa ta'e hordofuu ishee agarsiisa.
Weerarri COVID-19, balaawwan uumamaafi rakkooleen dinagdee keessoo ijaarsa meeshaa waraanaa nukilaraaf dursa kennuurraa Kooriyaa Kaabaa hin dhorkine.
Yaaliin milkaa'aan dhiyeenya kana taasiste garuu gaaffiiwwan kaasiseera.
Kooriyaan Kaabaa yeroo kana misaa'elii dhukaasuun maaliif ishee barbaachise?
Hangam ammoo barbaachisaadha? Kanaaf dursa kennuun ishee maal nutti hima? Gaaffileen jedhan kanneen addunyaan kaasaa jiru keessatti argamu.
Piyoongiyaang
Kooriyaan Kaabaa erga bara 2019 kaasee humna nukilaraashee qulqullinaafi baayyinaan baballifachaa jirti.
Gaggeessaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un bara 2019 ji'a Guraandhala keessa Veetinaam Hanoy keessatti pirezidantii duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp waliin kora hin milkaa'iin hafe erga taasisaniin booda Kooriyaan Kaabaa ijaarsa ittisa nukilaraa itti fufuufi tarsiimoo ittisa biyyalessaa ofitti amanu hordofuuf murteessiteetti.
Haata'u malee, Kooriyaan Kaabaa hanqina midhaan nyaataafi rakkoo dinagdee hamaatiin osoo raafamtuu kana gochuuf maaliif filattee?
Gaaffii namoonni hedduun kaasanidha.
Haala keessaa isheetiin yoo ilaallu yaaliiwwan misaa'elii gabbisuu biyyattiin taasisaa jirtu ittisa biyyaalessaa ijaaruuf, of danda'uufi ijaarsa hamilee dhimmoota ilaallatan kan yaadota Kiim cimsanii mul'isan akka ta'anidha.
Kana yeroo qabatamaan ilaallu ammoo humni haaraa misaa'elawwan fageenya dheeraa qaqqaban dhukaasuuf yaaluun ishee mormitoonni Kooriyaa Kaabaa humnwwan haaraa kana dura dhaabbachuuf horatan caalaa walxaxaa taasisa.
Faallaa balistik Misaa'eliin ammoo Kiruuz misaa'el kara xiyyeeffannoo isaaniitti kan deeman suuta jedhaniitidha.
Kiruuz misaa'el Kooriyaan Kaabaa dhiyeenyatti yaalte turtuu balalii saatii lamaan fageenya kiiloomeetira 1,500 deema.
Baalistik misaa'eliin ammoo fageenya hanga kanaa deemuudhaaf daqiiqaawwan qofaa gaafata.
Kooriyaan Kaabaa kiruuz misaa'el irratti fedhii kan agarsiifteef, sababii mormitoonni ishee rakkisoo ta'aniin ta'uu dana'a.
Yaaliiwwan kunneenis kan agarsiisan biyyattiin rakkoowwan ishee mudatan wallaansoo qabaa kan jirtu taatus dandeettii nukilaraashee gudifachuudhaaf ammallee murattuu ta'uusheeti.
Kana waan ta'eef, Kooriyaa kaabaatti dhimmoota bu'uuraa xiyyeeffannoo duraan maluuf yoo taasifamuu baate ykn Ameerikaatiin hariiroon dippilomaasii milkaa'aan taasifamuu baannaan Piyoongiyaan humna ishee foyyeeffachuufi jabeeffachuu akka itti fuftudha.

Madda suuraa, Reuters
Kooriyaan Kaabaa yeroo kanatti yaalii misaa'elii taasisuu maaliif filatte?
Kanarratti yaadonni gara garaa kennamanis misaa'elii kanaan walbaruufi yaaliin kun imaammata bulchiisa Baayidan ykn yaadannoo wagga 20ffaa haleellaa Fulbaana 11 waliin walitti dhufeenya hangas hin qaban.
Dandeettii nukilara baachuu
Misaa'eloonni haaraa yaalaman miidiyaaleen Kooriyaa Kaabaa meeshaalee 'tarsiimaawoo' jedhan kunneen Kooriyaa Kibbaa, Jaappaniifi hawaasa idil-addunyaa birootiif yaaddessoo ta'aniiru.
Kanaan dura Kooriyaa Kaabaatti kiruuz misaa'el meeshaa waraanaa nukilaraaf keessatti gahee qabaataa hin turre.
Haata'u malee, gabbisni misaa'ela kanaa callisee akka tasaatti kan dhufe miti. Kiim bara darbe ji'a Amajjii keessa sirna akkasii gabbisaa akka turan beeksiseera.
Dabalataanis Kiim sini misaa'ela kun gara fuula duraatti dhiyeessa meeshaa waraanaa nukilaraatiif tajaajiluu akka danda'u eerara.
Waa'ee misaa'ela kanaa wanti beeknu maalidha?
Kiruuz misaa'eloonni tajaajila isaaniitiin balistik misaa'elootarraa addadha.
Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNSC) Kooriyaan Kaabaa misaa'eloota balistik akka hin yaalle dhorka.
Haata'u malee, toban kana keessa kann yaalte kiruuz misaa'el hin dhorku.
Sababiin isaa ammoo fe'isawwan balistik misaa'el guddaafi cimaa ta'an baachuu waan danda'uuf, fageenya dheeraa deemuu waan danda'uufi saffisaa waan ta'eef caalaa yaaddessoo ta'u jedhamanii waan yaadamaniifidha.
Haata'u malee, bakka dhumatti qaqqaban irratti dandeettii socho'uu murtaa'aa ta'e qofa kan qaban balistik misaa'eloota caalaa kiruuz misaa'eloonni yeroo lafarra bu'anitti gara roga gara garaattti faffaca'uufi yeroo imalanittis nanaanna'uudhaan rogawwan hin eegamiinirratti haleeluuf dandeessisu.
Sirnoonni raadaarii lafarra jiranis misaa'eloota kanneen kan argatu yeroo imala isaanii gara dhumaarra gahanittidha.
Kun ammoo isaan butuudhaaf yaaliin taasifamu carraan isaa gadi bu'aa ta'a jechuudha,
Kiruuz misaa'el Kooriyaa Kaabaatiif tekinooloojii haara miti. Kiruuz misaa'eloota farra doonii Sooviyeetirraa ta'an yaalteetti, foyyeessiteettis.
Misaa'eloonni dhiyeenya kana yaalaman ammoo kiruuz misaa'eloota duraan turanirraa hanga ga'uun addadha. Kiruuz misaa'eloonni kunneen Kooriyaan Kaabaa dame kanaan yaaluu bal'aa taasite keessaa qama tokkodha.
Daarektarri Ol-aanaa Ejensii Inaejii Atoomikii Idil-addunyaa dhiyeenya akka gamagamanitti Piyoongiyaang hojii gaazii Giraafaayit Yoongibioon Kompilaks keessatti deebitee jalqabdeetti.
Kun ammoo meeshaa waraanaa nukilaraaf kan oolu Puluutooniyeem omishuu jalqabuushee agarsiisa.
Yaaliin kiruuz misaa'el erga taasifameen booda goyyoota jiran yaalii balistik misaa'elootaa taasisuun ishee Kooriyaan Kaabaa misaa'ela walitti fufiinsa qabu gabbisuu, yaaluufi duulawwan gamagamuu irra deebiin jalqabuushee agarsiiseera.















