Intalli dubraa gaggeessaa Kooriyaa Kaabaa Kim yeroo duraaf mul'atte

Kim Jong-un stood hand-in-hand with the girl and posed for photos at a ballistic missile launch

Madda suuraa, KCNA VIA REUTERS

Bulchaan Kooriyaa Kaabaa Kim Jong-un intalasaa dubraa wajjin yeroo duraatif uummatatti as bahuun mul'atan. Kunis daa'imni kun jirti moo hinjirtu falmii jedhu kan mirkaneessudha.

Intalti maqaanshee Kim Chu-ae tahuu hinoolu jedhamtu kun, gaafa Jimaataa abbaashee wajjin wayita dhukaasa misaayelaa 'intercontinental ballistic' daawwatanitti wajjin mul'atte.

Yaalii misaayelaa kana Ameerikaan kan balaaleffatte oggaa tahu, abbaafi intalli yeroo yaaliin kun taasifamutti harka walqabatanii mul'atan.

Kim biyya addunyaarra akkaan iccitiin itti heddummaatu kan bulchu ennaa tahu, waa'een jiruu dhuunfaa isaas hangas mara hin beekamu.

Suuraaleen miidiyaa mootummaa biyyattii KCNA jedhamu gadhiise; yeroo abbaafi intalli harka walqabatanii haasawan, angawoota kaan wajjin duddubbatan, misaa'ela ennaa sakatta'aniifi yeroo furguggifamu daawwatan mul'isa.

Mr Kim with his wife and their daughter

Madda suuraa, Reuters

Wiirtuu Stimson jedhamutti xiinxalaan Kooriyaa Kaabaa Maayikil Madden, intalti Chu-ae jedhamtu kun umuriin ishee ganna 12 ykn 13 taha jedhee akka tilmaamu hima.

Akka inni jedhutti uummatatti as baasuun isaa, Kim ''Walitti dabruun aangoo marroo afraffaa hidda dhalootaa kootiin dhufa,'' jechuun ergaasaa dabarfachaa jiraachuu mul'isa.

Onkololeessa keessa ogeeyyiin Kooriyaa Kaabaa hordofan hedduun, viidiyoo guyyaa kabajaa Biyyaalessaa irratti Chu-ae arguu himan.

Haatahu malee kun tilmaama ture, aangawoonni Kooriyaa Kaabaas dhimma kanarratti waa hin dubbanne ture.

Yeroo jalqabaaf bulchaan kun intala dubraa Chu-ae jedhamtu akka qabu kan eerame 2013 keessa ture. Innis gaafa taphataan kubbaa kachoo duraanii Ameerikaa Deenis Rodmaan imala falmisiisaa tahe Kooriyaa Kaabaatti erga taasise booda ture.

Rodmaan gaafas akka jedhetti maatii Kim wajjin qarqara galaanaatti bashannanuun yeroo dabarsuu isaafi ''daa'ima isaanii Chu-ae hammachuu'' dubbate.

Ogeeyyiin Aabba Kim daa'imman sadii qabaachuu akka malu tilmaamu - dubra lamaafi mucaa dhiiraa tokko. Chu-ae angafa akka taate amanama.

Haa tahu malee bulchaan kun waa'ee maatiisaa garmalee icciitiin dhoksa. Haati warraa isaa Ri Sol-ju jedhamtullee jarri walfuudhanii yeroo dheeraan booda baramte.

Kim Jong-un fi intala isaa

Madda suuraa, KCNA VIA REUTERS