Kooriyaan Kaabaa biyya meeshaa Niwukileeraa hidhatte tahuu labsite

Madda suuraa, KCNA
Kooriyaan Kaabaa seera biyya niwukileeraa tahuu ishee labsu raggaaisuu ishee miidiyaan biyyattii KCNA gabaase.
Hogganaan biyyattii Kiim Jong -Un murtee darbe kun ''kan hin jijjiiramne'' fi gabbisa niwukileeraa kana dhabamsiisuuf haasaa kamiyyuu hin simadhu jedhan.
Seerichi biyyattiin haleellaa niwukilera ofirraa ittisuuf jecha dursitee fayyadamuu akka dandeesuus hima.
Qoqqobbii hedduu irratti darbeen dabalata Piyoongiyaangi bara 2006 hanga bara 2017tti Kooriyaan Kaabaa yaalii niwukilera si'a jaha taasifteetti.
Waliigaltee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii cabsuun humna niwukilera ishee haalaan guddisaa jirti.
Kunis biyyoota ollaa ishee doorsisuufi gidduugala Ameerikaallee haleellaa ishee keessa hamma galfattutti hojjechaa turte.
Kim bara 2019 yaalii niwukileeraa fageenya dheeraa deemu gaggeesse.
Doonaaldi Tiraampi kan yeroo sana pirezidaantii US turan waliin mariin gaggeessanis milkii malee hafe.
Mariin biyyoota lameen gidduutti yeroo sana jalqabes achumarratti dhaabbate.
Bulchiinsi Joo Baayiden Piyoongiyaangi waliin mari'achuuf fedhii qabaachuu himanis, Joo Baayiden Kiim waliin wal arguu isaanii irratti waan jedhe hin qabu.
Waayit Haawus weerara Koroonaavaayirasii irratti Piyoongiyaangi deeggaruuf gaafattus deebii qaamni kenneef hin jiru.
Ameerikaan bara darbe imaammata Kooriyaa Kaabaa irratti qabdu madaaluun ''guutumaatti niwukilera dhabamsiisuun'' galma isaanii dhumaa tahuu dabaluun himaniiru.
Joo Baayiden dippilomaasii fi ''haleellaa humna makateen'' akka itti deeman ibsaniiru.
Kim ammoo biyyi isaanii marii ''dippilomaasii fi morkiif'' qophii tahuu himaniiru.
Muddamni odola Kooriyaa irraa haalaan dabaleera. Sababi isaa ammoo Kooriyaan Kaabaa yaalii baalistik Misaa'elii hedduu bara kana waan gaggesiteef.
Kooriyaan Kibbaa fi US yaalii misaa'elotaa fi shaakala waraanaa waliinii bara darbe gaggeessuun deebii kennan.












