Dirooniin 'balleessanii-badan' Itoophiyaan baayyinaan omishaa jirtu maali?

Abiy

Madda suuraa, Abiy Ahmed Ali

Ministirri Muummee Itoophiyaa Dooktar Abiy Ahimad dirooniwwaan adda addaa wayita waraanaa, hoomaa diina irratti xiyyeeffachuun balleessanii-badan baay'inaan oomishaa jirti jedhan.

Dr. Abiy kana kan dubbtan Kamisa kaleessa, Fulbaana 04, 2025 wayita qondaaltota damee diinagdee waliin dhaabbata omisha diroonii "AEROABAY" jedhamu daawwatanitti ture.

Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa, Bulchiinsi Neetwoorkii Nageenyaf Odeeffannoo (INSA), fi Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa (NIS) diroonii "oomishuuf" akka jiranis Ministirri Muummee kan beeksisan.

Dhaabbata omisha diroonii "AEROABAY" jedhamu bulchiinsa Nageenya Neetworkii Odeeffannoo (INSA) jala jira jedhamee kan himamu yoo ta'u, diroonii gosa sadii oomishaa jira.

Dr. Abiyyi daawwannicha boodaa haasawa taasisaniin ''dirooniin oomishaa jirru kun naannoo muraasa qofa irratti daangeffame miti, dirooniwwaan hojii daldalaaf, hordoffiifi duulaaf oolaan hedduu oomishaa jirra," jedhan.

Kanneen keessaas dirooniwwaan "AeroAbay" tti oomishamaa jiran gosa diroonii balleessanii-baduu danda'u ta'uu eeraniiru.

MM ibsa isaanii keessatti; "Dirooniwwaan akkanaa (balleessanii-badan) baay'inaan oomishaa jiraa jechuun yoo dubbatan dhaga'ameera.

Akkasumas ''gosootni diroonii kunneen yeroo bobbaafaman "of balleessuu fi bakka itti qiyyaafatame balleessuu danda'u" jedhan.

Dirooniin kunneen wayita waraana "tuutaan (baay'inaan)" taasifamu dhimma itti ba'amuuf kan oolu ta'uu ibsan.

Muuxannoo ''biyyoota guddatan keessatti dhaga'ame'' kaasuun, dirooniiwwaan kunnen ''garee diinaa balleessuu'' akka danda'an dubbataniiru.

Itti dabaluudhaanis dirooniin kunneen payloads (meeshaa isaan baatee deemuun'' akka qabaatan dubbataniiru.

Dirooniin MM ni oomishama jedhan inni biraan hordoffiif (surveillance) ooludha.

Diroonoonni kunneen xixiqqaa ta'uu isaanii fi kan harkaan baataman kiisii keessa kawwamuu fi boorsaa keessatti baatamuu danda'an akka ta'an himan.

''Yunitiiwwan xixiqqoo'' dirooniiwwan kanatt hidhamaniin ''haala socjii naannoo hordofuu fi sakatta'uuf'' akka oolus dubbatan.

Kanaafu keessuumaa ''oppireeshiinii gaggeessuuf akkan barbaachisoodha'' jedhan.

Oomisha Dirooni

Madda suuraa, Abiy Ahmed Ali

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kana malees dirooniiwwaan "kaayyoo daldalaaf" akka oomishamaa jiru kan ibsan Ministirri Muummee kun, "kanaan dura konfiraansii Artificial Intelligence fi INSA'f "agarsiisa" hojjetaniiru," jechuun agarsiisa qilleensaa diroonii Caamsaa keessa gaggeeffame yaadachiisan.

"Ammas sagantaa agarsiisaa guddaa dhiyeennyatti qopheessaniiru. Agarsiisa kana kan qopheessan asitti oomishuudhani. Kun egaa kaayyoo daldalaaf kan qophaa'edha," jedhan.

Sirni agarsiisa kanaaf kan itti fayyadamaa jiru "yeroo tokkotti diroonii kuma sadii, kuma lama waliin qindeessun" akka ta'e eeran.

Akkasumas diroonota kanneen "biyya keessaatti" "oomishuu" bira darbee yeroo "gabaa itti barbaadaan akka ta'e " kaasaniiru.

Ministirri Muummee Dr. Abiy "waggoota muraasa dura Itiyoophiyaan diroonii bitachuuf qormaata guddaa akka qabdu'' hubachiisaniiru.

''Erga bitannee itti fayyadamuu dandeenyee booda amma, Itoophiyaan biyya sadarkaa adda addaatti diroonii oomishuu dandeessu taatee jirti'' jedhan.

Bulchiinsa Nageenya Neetwork Odeeffannoo (INSA) fi Tajaajila Basaasaa fi Nageenya Biyyaalessaa (NIS) dabalatee dirooniiwwaan hedduun "bakkeewwaan hedduutti" omishamaa jiraachuu Ministirri Muummee Abiy ibsaniiru.

"Yeroo balaan dhimma jiraachuu fi burmadummaa Itiyoophiyaa miidhu dhufu teknooloojiitti fayyadamuun badhaadhina jalqabne eeguuf itti fayyadamnu ta'a," jechuun akkaataa itti fayyadaman ibsan.

MM Dooktar Abiy Ahimad yeroo ''imalli dinagdee waliigalaa biyya tokkoo bifa qabate, itti fufiinsaan ilaalamuu kan qabu dhimma dandeettii waraanaati''jedhan.

"Biyyoonni akka Itiyoophiyaa, guddina diinagdee isaanii dandeettii waraanaatiin wal qixa ta'uu baatanillee..wal-duraa duubaan waliin guddachuu yoo baatan; sababa hanqina dandeettiitiin diinagdeen isaanii jalaa nyaatamuu mala".

Akkasumas "imala damee dinagdeetiin jalqabame dandeettii waraanaatiin deeggaruun" barbaachisaa ta'uu eeraniiru.

Diroonii Itoophiyaan oomishaa jirtu

Madda suuraa, Abiy Ahmed

Dr. Abiy "Bu'aan qonnaa irratti arganne, bu'aan albuuda irratti arganne, yoo dandeettii akkasiitiin hin deeggaramne; naannoo baandaawwanii fi hormi baay'een jiran keessatti dandeettiin murteessaadha. Dandeettii malee eeguun rakkisaadha."jedhan.

MM kana dura baatii Bitootessaa darbe keessa waayita warshaa oomisha diroonii 'Sky Win Aeronautics Industries' jedhamu eebbisan Itoophiyaan ga'uumsa diroonii biyya alaattii gurguru irra ga'uu ishee ibsuun ni yaadatama.

Baatii Caamsaa darbes agarsiisni diroonii guddaan Finfinneetti qophaa'ee ture.