Tibbana agarsiisni diroonii guddaan Finfinneetti godhame, kan riikardii harkaa qabu garuu kami?

Agarsiisa diroonii Chaayinaafi Itoophiyaa

Madda suuraa, SM, Guinnes World Ricords

Jimaata darbe Ekispoo Teekinoolojii Itoophiyaa bara 2025 sababeeffachuun agarsiisni diroonii biyyattii keessatti amma dura mul'atee hin beekne agarsiifameera.

Agarsiisa kanarratti dirooniiwwan 1,500 ta'an samii Finfinneerratti fakkii Itoophiyaa, Ministira Muummee Abiyyiifi barreeffamoota adda addaa agarsiisan.

Sagantaan kun walta'iinsa tika biyyaalessaafi Inistitiyuutii hubannoo nam- tolchee Itoophiyaan qophaa'ee jechuun miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.

Sagantaan kun dinqisiifannaas, qeeqas keessummeesseera.

Dhaabbileen adda addaa biyyattiin agarsiisa kanaaf birrii miiliyoona hedduu baasuun dhaabbilee biyya alaa hojii kanaaf qacaruu ibsan. Kaan ammoo haala qabatamaa biyyattiin agarsiisni kun barbaachisaa miti jechuun qeeqaniiru.

Ofii agarsiisni diroonii riikardii addunyaa qabate kami?

Galmeen Dinqisiisoon addunyaa (Guinnes World Ricords) gabaasa ji'oota dura gabaasa baaseen agarsiisa diroonii samii gubbaa godhameen riikardii qabachuu kan danda'e agarsiisa bara 2024 ji'a Fulbaanaa keessa taasifame.

Marsariitii dhaabbatichaa gubbaa akka gabaasa maxxanfametti dirooniiwwan 7,598 agarsiisota adda addaa samii magaalaa Sheenzheen kana magaalaa Chaayinaa keessatti mul'isaniiru.

Lakkoofsi dirooniiwwan agarsiisa kanarratti hirmaatanii isa dura dirooniiwwan rikardii qabatanii turaniitti dachaa ta'a.

Isa dura agarsiisni diroonii riikardii qabate dirooniiwwan 3, 191 hirmaachisee ture.

Bara 2020ttis achume Chaayinaatti dirooniiwwan 3,051 ta'an agarsiisa mul'isaniin riikardii jalqabaa galmeessan.

Ulaagaan galmen riikardii dinqisiisoo inni ijoon fakkiin dirooniiwwan kun walitti dhufuun uuman kun yoo xiqqaate sekoondii 20f mul'achaa turuu qaba. Riikardii isa Chaayinaan galmeessiteef fakkiin qeerransaa hojjetame sekondii 37f tureera.

Agarsiisni diroonii hangam qaaliidha?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Wanti drone light show jedhamuu kun dirooniiwwan xixiqqaa tarree galaniifi ifaa adda addaa dizaayinaan qophaaye ofitti godhaniin hojjetama.

Dirooniiwwan kunniin samiirratti agarsiisa yaadan mul'isuu dura fakkiifi wanti akka mul'isan yaadame lafarratti wixineensaa qophaa'a. Dirooniiwwan kunniin nama lafa jirutu waan gochuu qaban ajaja.

Gatiin agarsiisa diroonii kun qaalii ture, ammas gatiinsaa hamma baasuu qabuun yoo madaalamu qaaliidha.

Wanti ijoon gatii agarsiisa kanaa murteessu hamma dirooniiwwan barbaadamaniiti. Diroonii 1000 bobbaasuufi 500 bobbaasuun gatii walqitaa hin barbaadu. Kanaan cinaatti dizaayina akka agarsiisan barbaadamu, geejiba dirooniiwwan kanaa, gatii ogeeyyiifi galteewwan birootu murteessa.

Amma dura samii gubbaatti fakkiiwwan adda addaa agarsiisuun kan milkaahe richiitiiwwaniidha. Isaan ammoo qilleensa naannoo faaluu isaaniif qeeqamu. Hammuma teknoolojiin diroonii hammayyaawaa deemu, tarii bakka richitii fudhachuu malu yaadni jedhu ogeeyyii bira jira.