Gaazaa keessa beelli akka jiru yeroo jalqabaaf mirkanaa'e - Gabaasa

Gaazaa keessatti yeroo jalqabaaf beelli akka jiru mirkanaa'uu dhaabbati dhimma wabii midhaanii hordofuufi UN deeggare beeksise.

Guduunfaa

  • Zeleniskiin wabii nageenyaa Ameerikaan Yukireeniif waadaa galte dinqisiifatan
  • Israa'eloonni kuma dhibbaan lakkaa'aman hiriira ba'uun waraana Gaazaa keessaa morman
  • Tiraamp dureewwan Awurooppaa waliin haasaa
  • Qondaalonni olaanon Tiraamp fi Zeleniskii dabaaluun mariif taa'an eenyu fa'i?
  • Tiraamp Raashiyaan nagaa akka buustu dhiibbaa gochuuf dandeettiisaa qaba- Zeleniskii
  • Oduufi xiinxala BBC'f marsariitii, Facebook, WhatsApp fi YouTube keenya mil'adhaa.
  • Toora tamsaasa kallattii kaanaan duraarraa odeeffannoo argachuuf
  • Odeeffannoo toora tamsaasa kallattii kanaan dura dabarsaa turreef toora kana hordofaa.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Garee kubbaa miilaa Keeniyaa dorgommii CHAN irratti badhaasa miiliyoonotaaf morkataa jiru

    Pirezidant Ruutoo fi taphattoota garee biyyaalessa

    Madda suuraa, State House Kenya

    Tibba kana Keeniyaan dorgommii shaampiyoonaa kubbaa miilaa biyyoota Afrikaa, CHAN, kan taphattootni liigii biyyasaanii keessatti qofa taphatan irratti hirmaatan keessummeessaa jirti.

    Dorgommii kanaratti gareen Harraambee Staars(garee Keeniyaa) kan taphataa beekamaa lammii Afrikaa Kibbaa Beenii Maakaartiin leenji'u badhaasni itti roobaa jira.

    Pireezidantiin biyyattii Wiiliyaam Ruutoo gareen Harraambee Istaars tapha gaggeessan tokko yoo injifatan dhuunfaa dhuunfaatti shilingii miliyoona tokko, yoo qixxee bahan ammoo walakkaa miiliyoonaa akka badhaafaman waadaa galan.

    Addumaatti ammoo tapha ramaddii isa dhumaa biyyattiin Zaambiyaa waliin taphatte injifattee gara marsaa itti aanutti yoo dabarte tokkoon tokkoon isaaniif shilingii miliyoona 2.5 waadaa galanii ture.

    Keeniyaan tapha sana goolii 1-0n injifattee marsaa itti aanutti dabarte.

    Dorgommiin kun amma morkii nuusa xumuraarra gaheera.

    Waare booda kana Harraambee Istaars kan hanga ammaatti dhuunfaa dhuunfaan badhaasa shilingii miliyoona 5.5 argachuu mirkaneeffate, morkii nuusa xumuraan Madagaaskaar waliin falmaaa jira.

    Tapha kana yoo injifatanis badhaasa dabalataa miliyoona tokko tokkoofi mana ciisa lamaa argatu.

    Lammiileen biyyattii istaadiyoomii gidduugala Ispoortii Moyiitti argamanii gareesanii deeggaruu hin dandeenye. Manaa fi bakka bashannanaatti kara foddaa televezhiinii isaanii gareesaanii kana deeggaraa jiru.

    Keeniyaan yeroo duraaf dorgommii kanarratti hirmaattee, nuusa xumuraaf geesse.

  2. US viizaa miiliyoona 55 kenname yoo seera cabse taheef deebistee ilaaluuf

    Maarkoo Ruubiyoo

    Madda suuraa, Getty Images

    Ameerikaan namoota viizaa US argatan miliiyoona 55 seeraa fi ulaagaa biyyattii ittiin seenan cabsuufi dhiisuu deebitee ilaaluuf tahuu himte.

    Namoonni viizaa US argatan ''qorannoo itti fufaa keessa darbuu qabu,'' jechuun waajirri hajaa alaa biyyattii himuu AP'n gabaaseera.

    ''Yeroo eeyyamameen caalaa turuu, sochii yakkaa fi nageenya hawaasaaf waan sodaachisu akkausmas shakki shororkeessummaa irratti hirmaachuufi deeggaruun yoo jiraate,'' viizaan ni haqama.

    Pireezidant Donaald Tiraamp tarkaanfiiwwan farra godaantotaa danuu kan fudhatan yoo tahu isaan keessaa godaantota jumlaan biyyaa baasuu, viizaa barattootaa 6,000 ol haquufi biyyoota garas imaluurraa dhorkuu faa dabalata.

  3. Jiraattota Gaazaaf beelli jiraachuusaaf beekamtii kennuun gahaa miti

    Daa'ima Gaazaa keessatti jerikaanii baatee adeemu

    Madda suuraa, Reuters

    Qaamni UN nyaatni gahaan jiraachuu mirkaneesse yeroo jalqabaaf Gaazaa keessa beelli akka jiru ibseera.

    Maatiin Gaazaa keessa jiran rakkoo argaa jiran dubbatu.

    Riim Toofiq Kadiir nama ganna 41 yoo taatu, haadha ijoollee afurii Gaazaa keessa jiraattu dha. ''Beelli jiraachuusaaf beekamtii kennuun kan barfate tahus, ammallee murteessaa dha,'' jette.

    ''Musliimonni addunyaa maraa biiliyoona tokko tahan namoota Gaazaa keessatti beela'aa fi dhukkubsachaa jiraniif socho'uu qabu. Baatii shan keessatti waan pirootinii jedhamu hin nyaanne,'' jette.

    ''Kuushinaawwan hawaasaa nyaata keessatti hojjenne raabsinu cufamaniiru. Mucaan koo inni dhumaa kan waggaa afurii yoo tahu, kuduraafi muduraan maal akka fakkaataniifi dhandhama isaanii hin beeku,'' jette.

    Lammiilee Gaazaa baayyeef beekamtiin beelli jiraachuu homaa miti. Dhimmi murteessaan lubbuun namaa akka hin darbineef addunyaan tarkaanfii fudhatu dha,'' jette Riim.

  4. Amma nu gahe, Gaazaa keessa beelli akka jiru yeroo jalqabaaf mirkanaa'uu, dhaabbati UN beeksise

    Harmee boo'an

    Madda suuraa, Anadolu via Getty Images

    Gaazaa keessatti yeroo jalqabaaf beelli akka jiru mirkanaa'uu dhaabbati dhimma wabii midhaanii hordofuufi UN deeggare beeksise.

    Dhaabbanni Integrated Food Security Phase Classification (IPC) jedhamu haala Gaazaa keessa jiru ramaddii shanaffaarra gaheera jedhee.

    Kunis, hanqina nyaataa isa olaanaa akka jechuuti.

    Bakki beelli jira jedhamee labsamees bulchiinsa Gaazaa jechuunis magaalaa Gaazaafi naannawa magaalatittidha.

    Haalli kunis xumura Fulbaanatti Deeyir al Balaah akkasumas Kaan Yuunisitti babal'ata jedhamee eegama jedhe.

    Ummati 500,000 ol Gaazaa keessatti ''beela, gadadoofi duuni'' eeggataa jira jechuun beeksiseera.

    Yaadachiisaaf dhaabbati kuni beelli mudateera jedhee hin labsu.

    Haa ta'u malee, mootummoonni, dhaabbileefi eejansiiwwan akka beelli jiru labsan xiinxala dhiheessa.

  5. Akkam ooltan?

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo eegale.

    Oduuwwan biyya keessaafi alaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Facebook, WhatsApp akkasumas YouTube gubbaa nu hordofaa.

    Lafa nagaa oolaa!

  6. UK dabalatee biyyootni 27 Israa'el miidiyaaleen alaa Gaazaa akka seenan akka hayyamtu gaafatan

    Miidiyaalee Gaazaa

    Madda suuraa, EPA

    Yunaayitiid Kiingodam dabalatee biyyootni 27 Israa'el miidiyaaleen biyya alaa walaba ta'an Gaazaa seenuun akka gabaasaan atattamaan akka hayyamtu gaafatan.

    Faransaay, Jarman, Awustiraaliyaa fi Jaappaan biyyoota waamicha gamtaan walabummaa Miidiyaa dhiyeesserratti biyyoota mallatteessan keessaati.

    Gamtaan kun addunyaa guutuutti mirgi gaazexessitootaa akka eegamu hojjeta.

    Ibsi biyyootni 27 irratti mallatteessan kun Gaazaa keessatti haleellaa gaazexessitootarratti raawwatamus balaaleffateera.

    Waraana Gaazaa erga eegalee waggaa lama guutuuf jedhu keessatti gaazexessitootni biyya alaa ulaa Gaazaa galuun akka hin gabaasne Israa'el dhorkaa kan keesse wayita waraanichi eegalu irraayi.

    Yeroo gariin ammoo humna ittisaa isheen dabaaluun gaazexessitootni Gaazaa akka seenan gooteetti.

    Erga waraanni kun eegalee gaazexessitootniifi hojjettootni miidiya 192 ta'an Gaazaa keessatti ajjeefamaniiru. Harki hedduun isaanii ammoo Filisxeemota. Akka CPJ( Committee to Protect Journalists) jedhutti waraana kamuurratti hojjettootni miidiyaa lakkoofsan hangan ta'an hin ajjeefamne.

  7. Naannoo Oromiyaatti Godinaaleen saddeet godaansa seeran alaatiif saaxilamoo ta'uun gabaafame

    Obbo Araarsoo Biqilaa

    Madda suuraa, Oromia Communication Bureau

    Hogganaan Biiroo Dhimma Hojjataafi Hawaasummaa Oromiyaa Obbo Araarsoo Biqilaa dargaggeessi faddaltotaan gowwoomfamuun godaansa seeran alaatiif saaxilamuu irraa ofqusachuu akka qabu dhaaman.

    Obbo Araarsoon yaada Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaaf kennaniin Naannoo Oromiyaatti Godinaaleen saddeet godaansa seeran alaatiif saaxilamoo ta'uu qorannoon kan adda baheefi kana hambisuuf dhaabbilee mootummaafi miti mootummaa waliin qindoominaan kan hojjatamaa jiru ta'uus ibsaniiru.

    Dabaluunis "dargaggoonni aadaa hojii tuffachuu keessaa bahanii carraa biyya keessa jirutti fayyadamuun dinagdeen of ijaaruun maatifii biyyasaaf wabii ta'uu akka qaban dhaamaniiru.''

    Ejansiifi Faddaaltota biyya keessaafi alaa walitti hidhamiinsa faayidaa uumuun godaansa seeran alaarratti bobba'uun lammilee rakkoolee wal xaxaaf saaxilaa jiran irratti tarkaanfin seeraa kan fudhatamu ta'uus ibsaniiru.

    Imala gaaga'aa dargaggootni Gaanfa Afrikaa karaa galaanaa godhaniin lubbuun dargaggoota hedduu yeroo yerootu darbaa jiraachuun ni gaabafama. Kana keessaa ammoo harki hedduun godaantota Itoophiyaati.

    Ammoo gama biraatiin ''lammiileen karaa seera qabeessa ta'een biyya alaa deemanii hojjachuu kan danda'aniifi kanaaf immoo leenjii hojiin duraa fudhachuun barbaachisaa ta'uu Obbo Araarsoon ibsaniiru.

  8. Piriimiyeer Liigiin Ingiliz tıbba jijjiirraa ganna kanaan maallaqni baase riikardii haaraa ta'e

    Filooriyaa Wiirtiz

    Madda suuraa, Getty Images

    Piriimiyeer Liigiin Ingiliz tıbba jijjiirraa ganna kanaan maallaqni baase riikardii haaraa ta'ee galmaa'e.

    Bara dorgommii darbe shaampiyoonshiippii injifatee liigichatti kan deebi'e Liids ganna kana taphataa saglaffaa paawundii miliyoona 18n mallatteesifachuu hordofee riikardii maallaqa jijjiirraa taphattootaa haaraan galmaahe.

    Liids jifataa AC Miilaan Nooh Okafoor mallatteesifateera.

    Akka ragaan FootballTransfers.com agarsiisutti hanga ammaatti kilaboonni liigichaa bittaa taphattootaaf paawundii biliyoona 2.37 baasaniiru.

    Kanaaf kan gumaache ammoo kilabootni jaha ta'an gatii riikardii kilaba isaanii ta'een taphattoota bitachuu isaaniiti.

    Kilabootni kunis Liiverpuul, Barnileey, Bireentifoord, Nootingihaam Foorestiifi Sandarlaand fa'i.

    Yeroon jijjiirraa taphattootaa ganna kanaa xumuramuuf ammallee guyyoonni 10 ni hafu. Kan jechuun ammoo gatiin jijjiirraa bara kanaa kanaa oliyyuu ta'uuf jira jechuudha.

  9. Raashiyaan yeroo dhiyoo keessa haleellaa isa hamaadha jedhame Yukireenirratti raawwatte

    Haleellaa Raashiyaa

    Madda suuraa, EPA

    Torbanoota darban keessaa haleellaa aanga'oonni Yukireen isa hamaadha jedhaniin Raashiyaan dirooniiwwan 574 fi misaayeloota 40 dhukaasun kutaalee Yukireen haleelteetti.

    Haleellaa dirooniin namni tokko akka du'e haleellaa misaayelaan ammoo namootni 15 miidhamuus beeksisaniiru.

    Haleellaan jabaan kun kan raawwatame wayita pirezidantiin US Doonaald Tiaraamp waraanicha dhaabsisuuf yaaliiwwan dippiloomasii adda addaa gaggeessaa jiranittidha.

    Ministirri Haajaa Alaa Yukireen Adrii Siyibihaa haleellaan kun waraanicha goolabuuf tattaaffiin godhamuuf hangam takka murteessaa akka ta'e agarsiisa jedhan.

    Pirezidant Zeleniskiin waraana kana goolabuurratti mariyachuuf gita isaa Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waliin biyya Awurooppaa walaba taatetti wal argua Sophie akka ture ibseera.

    Istanbulittis yok ta'e mal arguuf rakkoo akka hin qabne dubbatee ture.

    Humni qilleensaa Yukireen dirooniiwwan 614 gara Yukireenitti haleellaa raawwachuuf bobba'uu lakkaa'eera. Isaan keessaa 577 dhaabsisuu akka danda'es ibseera.

    Xiyyeeffannoon waraana Raashiyaa dhiyeenya kanaa gara Baha Yukireen kan daangaa lolaatti dhiyaatu kan ture ta'us haleellaan halkan Kamisatti baru kana raawwate Lixa biyyattiirrattii xiyyeeffate.

  10. Niiwukaasil jifataa Bireentifoordi Wiisaa fudhachuuf maallaqa dabalee dhiyaate

    Yuuwaan Wiisaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Niiwkaasil Yunaayitiid jifataa lammiii DR Koongoo Bireentifoordiif taphatu Yuuwaan Wiisaa mallatteessisuuf maallaqa dabalee dhiyaate.

    Amma dura Niiwkaasil jijjiirraa taphataa kanaaf paawundii miliyona 30 dhiyeessee Bireentifoord didee ture.

    Amma ammoo gareen jifataasaa maatii Ertiraarraa dhalatu Isaak waliin rakkoo keessa gale kun paawundii miliyoona 40 gahu dhiyeesseera.

    Maddeen BBCf yaada kennan maallaqni jijiirraa Wiisaaf ammas dhiyaate gatii Bireentifoord taphataa kanarraa barbaaduun gadiidha jedhan.

    Wiisaan akkuma Isaak gareesaa Bireentiford gadhiisuu barbaadus haalli dhimmichi itti qabame waan isa hin gammachiifneef fuula inistaagiraamiisaa irraa waan kilabasaa kana wajjin walqabatu mara haqee ture.

    Wiisaan Niiwkaasilitti godaanuu barbaadus kilbanisaa isa gadhiisuu hin feene.

  11. 'Hidhattoonni DR Koongoo namoota nagaa 140 ajjeesan'- Hiyumaan Raayits Waach

    Hidhattoota M23

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Baha DR Koongoo keessa kan socho'an hidhattoonni M23 jedhaman yoo xiqqaate namoota nagaa 140 ajjeesuu Dhaabbanni Hiyumaan Raayits Waach gabaase.

    Garichi ji'a tokko keessatti namoota nagaa hanga kana ajjeesuu ibse dhaabbanni mirga namaaf falmu kun.

    Hidhattoota M23 fi mootummaa DR Koongoo gidduutti nagaan akka bu'uuf USfi Kaataar tattaaffii godhanis guyyoota darban keessa walii galteen dhukaasa dhaabuu cabuun gareen lachuu wal-himataa jiru.

    Namoonni ijaan argan dhaabbilee mirga namoomaaf falmanitti akka himanitti, hidhattoonni M23 dubartootafi daa'imman dabalatee namoota nagaa 'jumlaan ajjeessaan'.

    Halleellaan kun kan irratti xiyyeeffate ammoo kanneen sabaan Huutuu ta'an irratti akka ta'eedha gabaasni kun kan ibsu.

    Hidhattoonni M23 mootummaa DR Koongoo irratti haleellaa bananiin baha biyyattii, bakkeewwan albuudan badhaadhoo ta'an to'achuu danda'aniiru.

  12. Netaaniyaahuun "nama siyaasaa dadhabaa" jechuun Ministiira Muummee Awustiraaliyaa qeeqe

    Beeniyaamiin Netaaniyaahuu

    Madda suuraa, Reuters

    Muummichi Ministiiraa Israa'eel Beeniyaamiin Netaaniyaahuu Awustiraaliyaan "Yihudoota achi jiran tiksuu hin dandeenye" jechuun komate.

    Inumaayyuu Ministiira Muummee Awustiraaliyaa kan ta'an Antoonii Albaanis arraba jabaan tuqe.

    Antoonii Albaanis nama akkamii akka ta'e: "nama siyaasaa dadhabaa ta'uusaatiin" seenan isa yaadata jechuun dubbate.

    Awustiraaliyaan Filisxeemiif beekamtii biyyummaa kennuu qofa osoo hin taane, namni siyaasaa leellistummaan beekamuufi kaabinee bulchiinsa Netaaniyaahuu ta'e Simootirich Bizaali'eel biyyattii akka hin seenne uggurtee ture.

    Kuni ammoo Netaaniyaahuu heddu aarse. Ministiirri Muummee Awustiraaliyaa Antoonii Albaniis "Israel ganeera", Hawaasa Yuhudootaa Awustiraaliyaa keessa jiranis "ganeera" jechuun ibse.

    Dubbii Netaaniyaahu kana booda Antoonii Albaaniis dhimma kana "dhimma dhuunfaa godhee hin fudhu" jechuun dubbatan.

    "Gaggeessitoota biyya biraa nan kabaja, bifa dippilomaasitiinan isaan waliin haasa'a," jechuun dubbatan.

  13. Balaliin xiyyaaraa Itoophiyaa biyya keessaa sababa haala qilleensaan danqame

    Daandiin Qilleensa Itoophiyaa ibsa baaseen sababa haala qilleensaa hamaa taheen balaliin biyya keessaa hedduu danqamuu hime.

    ''Haalli qilleensa biyya keenyaa har'aa hurriin kan guutame waan taheef balalii xiyyaaraa hedduun biyya keessaa gufachiiseera.''

    Naannoo buufataalee keenyaa muraasa keessatti haalli qilleensaa wal fakkaataan waan mudateef balalii gochuu hin dandeenye jedhe daandiin qilleensichaa.

    Haalli qilleensaa biyya keessaa akkuma sirrateen balalii keenya kan jalqabnu taha jedhe.

    Balalii idil-addunyaa ilaalchisee waan jedhe hin qabu. Waktiin kun Itoophiyaa kutaalee hedduu keessatti waktii roobaa waan taheef haalli akkasii ni mudata.

    Xiyyaara Itoophiyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyaara Itoophiyaa
  14. Baaleetti harmeen yakki gudeeddii gareedhaan irratti raawwatame dhibeef saaxilamuufi maatiinsaanii diigamuu himan

    Dubartii

    Madda suuraa, Getty Images

    Baaleetti harmeen yakki dirqisiisanii gudeeduu gareedhaan irratti raawwatame dhibeef saaxilamuufi maatiinsaanii diigamuu himan

    "Yakka baay'ee suukkanneessaafi gara jabinaan raawwatamedha" kan jedhan ammoo Abbaa Alangaadha.

    Miidhamtun dhuunfaa nageenyasaaniif jecha maqaansaanii hin eeramne Fulbaana 7, 2017 dhimma dhuunfaaf Godina Baalee aanaa Goobbaatii gara aanaa biraatti imala eegalan.

    Haa ta'u malee imalarra osoo jiranuu yakki maatiisaanii diigamaaf, isaaniis dhibeefi dhukkuba qaamaaf saaxile irratti raawwatame. Yakki kunis yakka gudeeddii gareedhaan raawwatamedha.

    Abbaa Alangaa Abdulwaahid Abduraahmaan Hogganaa Waajjira Abbaa Alangaa Godina Baalee yemmuu ta'an, "yakkichi tilmaamaan guyyaa keessaa sa'aatii 3-4 yeroo ta'utti raawwatame" jedhan.

  15. Netaaniyaahuun MM Awustiraaliyaa 'Israa'el ganan' jechuun himate

    Beenjaamiin Netaaniyaahuu

    Madda suuraa, Reuters

    Ministirri Mummee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuu ''Israa'el ganan'', hawaasa Yihudotaa Awustiraaliyaa jiranis ''gatan'' jechuun muddama biyyoota lameenii guyyootaan booda MM Awustiraaliyaa himatan.

    Nataaniyaahuun dubbii Kibxata taasisaniin seenaan Antoonii Albaaneesiin ''nama siyaasaa dadhabaatti yaadatama,'' jedhan.

    Awustiraaliyaan miseensa paartii Netaaniyaahuu ilaalcha durii tarkaanfachiisu biyya akka hin seenne gaafa Wiixataa qabdee dhorkite, Israa'elis gamasheen Filisxeemitti viizaa bakka bu'oota Awustiraaliyaa haqxe.

    Ministarri Godaansaa Awustiraaliyaa Toonii Bark Netaaniyahuun Kaanbeeraan Filisxeemiif beekamtii biyyummaa nan kenna jechuu hordofees dheekkamaniiru. Kanaan dura biyyooti kanneen akka UK, Firaans fi Kaanaadaan beekamtii kana kennaniiru.

    ''Jabinni hamma namoota ajjeessteefi beelessaa jirtuun hin madaalamu,'' jechuun Tooniin miidiyaa Awustiraaliyaa Australian Broadcasting Corporation'tti Roobii har'aa dubbatan

    Albaaniis dhimmoota kunneen ''akka waan dhimma dhuunfaatti hin fudhadhu'' jechuun gaazexeessitootatti himan.

    ''Hogganoota biyya biroo nan kabaja, haala dippiloomaasiidhaanin dubbisa,'' jedhan.

  16. Namni siyaasaa Finlaand gamoo Paarlaamaa keessatti du'an

    Emelii Peeltooneen

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Emilii

    Miseensi paarlaamaa Finlaand gamoo paarlaamaa mummee mgaalaa guddoo biyyattii Heelsinkii keessatti du'an.

    Miseensa paartii Soshaal Demookiraat kan than Emilii Peeltooneen namni ganna 30 lubbuu ofii akka baasan shakkaman, reeffi isaanii Kibxata ganama argamuu miidiyaan biyya keessaa gabaaseera.

    Duuti isaa tasaa Finlaand kan rifachiise yoo tahu namooti siyaasaa gama hundaan jiran gama hundaan jiran gadda ibsachaa jiru.

    ''Miseensa hawaasaa jaalatamaa ture, akkaan isa yaadna. Ijoollummaatti du'e,'' jechuun hogganaan paartisaa Tyitii Tuupparaaneen dubbatan

  17. Lammiin Chaayinaa meeshaa waraanaa US irraa Kooriyaa Kaabaatti gurguraa ture adabame

    Baaruuda

    Madda suuraa, Getty Images

    Lammiin Chaayinaa meeshaalee waraanaa seeraan ala Kooriyaa Kaabaatti gurguraa ture hidhaa waggaa saddeetiin adabamu waajjirri Haqaa US beeksise.

    Sheenguwaa Ween nama ganna 42 yoo tahu meeshaa waraanaa doolaara miiliyoona lama baasu bulchiinsa Ameerikaa Kaalifoorniyaa irraa qondaalota Kooriyaa Kaabaatti gurguraa akka ture ibsi dhaabichaa Wiixata bahe mul'isa.

    Jiraataan Onataariyoo Kaalifoorniyaa, Ween bara 2024 irraa qabee hidhaa kan ture yoo tahu Waxabajjii darbe balleessaa tahuu amane.

    Dhimmisaas Kooriyaan Kaabaa qoqqobbii daldala meeshaa waraana irra kaa'ame akka cabsitu kan agarsiise ture.

    Waajirri Haqaa Ameerikaa Ween ''baqataa seeraan ala'' bara 2012 viizaa barataan Ameerikaa seene dha jedheen. Viizaan isaa yeroon darbus as turuuf murteessee jedhe dhaabichi.

  18. Harkafuune! Tamsaasa keenya kallattii eegalle

    Odeessaalee addunyaa fi biyya keessaa jala jalaan ammaa qabee isin biraan geenya. Nu faana bu'aa!

    Xiinxalaafi odeessaalee biroof miidiyaalee hawaasaa keenya mil'adhaa.

    Facebook, WhatsApp fi YouTube gubbaa jirra.

    Nagaan oolaa!

  19. Tiraamp loltootni US gara Yukireen akka hin duulle himan

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, PA Media

    Ibsa waa'ee suuraa, Doonaald Tiraamp

    Tiraamp Pirezidantii Yukireen Zeleniskiifi aanga'oota biroo waliin erga mariyatanii booda biyyattiif wabii eeggannoo gochuuf UK, Jaramaniifi Faransaay loltuu erguuf fedha qabaatanis US garuu lultootnishee dachee Yukireenirra akka hin qubanne beeksisan.

    Tiraamp waayee US loltootashee Yukireenitti erguu yoo gaafataman ''ani isiniifin mirkaneessa, anatu pirezidantiidha'' jedhan.

    ''Namni ajjeefamuun akka dhaabatu gochuufin yaalaa jira'' jedhan.

    Tiraamp dabaluun biyyootni kaan loltoota erguuf fedha akka qaban beeksisan.

    Marii Wiixata kaleessaa aanga'oota biyoota addunyaa garaagaraa wliin taasisaniin namoota gaarii, waraanich xumuruu barbaadan'' jedhaniin.

    Qaama galaanaa malee wanti biraan gidduusaanii waan hin jirreef waraanichi itti dhiyoo jira jedhan.

    ''Kanaaf isaaniif waan addaati. Nageenya ilaalchisee humnoota isaanii dachee Yukireenitti erguu barbaadu'' jedhan.

    US loltoota erguu bira osoo hin gahiin Yukireeniif deeggarsa adda addaa akka gootu ibsuun ammoo biyyattiin qaama Nato ta'uun nageenyaaf mirkaneessituu mitii jedhan.

  20. Mootummaan Itoophiyaa daballiin vaatii %17.5tti akka ol guddatuuf yaada dhiyaate kufaa godhe

    Nam birrii Itoophiyaa lakkaa'u

    Madda suuraa, Getty Images

    Mootummaan Itoophiyaa daballiin vaatii gara dhibbeentaa 17.5tti akka ol guddatuuf yaada dhiyaate hojiirra akka hin oolchine barame.

    Bara kana mootummaan labsii gibiraa yeroo fooyyessu gibirri galii dabalataa (vaatii) dhibbeentaa 15 ta'ee akka itti fufu murteessuu Ministeerri Maallaqaa beeksise.

    Mootummaan federaaaa murtee kana kan dabarse vaatiin dhibbeentaa 15 amma irra jiru irraa gara 17.5tti yoo ol guddate dhiibbaa uummatarraa gaha jechuun yaadeti.

    Ministeerri Maallaqaa kana kan beeksise, daballiin vaatii dhibbeentaa 2.5 akka taasifamu yaadi dhiyaachuun miidiyaa hawaasaa irratti falmii kaasuu hordofeeti.

    Daballiin vaatii dhibbeentaa 17.5tti akka ol guddatuuf yaadi kan dhiyaate,gamaaggama sassaabiin gibiraa mootummaan taasisu omisha waliigalaa biyyattii wajjin wal-bira qabamee yeroo madaalu ilaaluf sanada marii dhiyaate irrattiidha.

    Sanada marichaa irratti akka dhiyaatetti, hangi vaatii Itoophiyaan sassaabdu kan biyyoota Afrikaa kaan waliin yoo wal-bira qabamu "gadaanaa" akka ta'ee ibsuun akka dhibbeentaa 2.5 dabaluun gara dhibbeentaa 17.5tti akka ol guddattu yaanni dhiyaate.

    Haa ta'u garuu mootummaan yaada daballii vaatii dhiyaate akka hojiirra hin oolchine beeksise.