Zelensikiin hirmaannaa wabiiwwan nageenyaa USn 'murtee seena qabeessa' jedhe

Madda suuraa, Getty Images
Volodymiir Zelensikiin walgahii har'a "tumsa warra fedhii qaban" walgahii guyyaa boruu Waayit Haawusitti Doonaald Tiraamp waliin gaggeeffamu dura "baay'ee faayidaa qabuudha" jechuun dubbatan.
Zelensikiin gareen kun ''waliigaltee nagaa maal ta'uu akka qabu irratti ilaalcha waloo horachaa jira'' jedhan.
Akkasumas, erga ergamaan addaa Ameerikaa Istiivan Wiitkoof, US wabii nageenyaaf waadaa galuuf akka qophoofte akeekeen booda, Zelensikiin kun ''murtee seena qabeessaadha'' jechuun waaman.
"Wabiiwwan nageenyaa bu'aa hojii waloo keenyaatiin dhuguma baayyee qabatamaa ta'uufi lafa irratti, qilleensaa fi galaana irratti eegumsa kennuu qabu, akkasumas hirmaannaa Awurooppaatiin misoomuu qaba," jechuun barreessan.
Hogganaan Yukireen kun itti dabaluudhaan, marii dhimma mirga daangaa Kiremliin dhiheesse gidduutti, paartileen hundi daangaa biyyaa humnaan jijjiiramuu akka hin qabne waliigalaniiru.
Akkasumas, dhimmoonni ijoo ta'an "hirmaannaa Yukireen bifa biyyoota sadiitiin: Yukireen, USA, fi hogganaa Raashiyaatiin" akka furaman irra deebi'ee gaafatee jira.














