Akkaataa du'a Diyaagoo Jootaa addunyaa kubbaa miilaa rifaasise

Kiristiyaanoo Ronaaldoo

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ronaaldoofi Diyaagoo Jootaan Garee Biyyaalessaa Porchugaal keessa waliin taphataniiru

Duuni jifataa Liivarpuul Diyaagoo Jootaa har'a dhagahamee dhimma ijoo dubbii addunyaa ta'eera.

Taphattoonni, kilaboonni, federeeshinoonniifi aangawoota biyyaa dabalatee gadda isaanii ibsaa jiru.

Garee kubbaa miilaa biyyaalessaa Porchugaal keessa kan waliin taphataa ture Kiristiyaanoo Ronaaldoo gadda isaa yoo ibsu akkana jedhe.

Duuni isaa waan hin eegamne ta'uu ibse.

''Garee biyyaalessaa keessa waliin turre, reefu bultii ijaarratte,'' jechuun gadda isaa ibseera.

Maatii, haadha warraafi ijoollee Diyaagoof ergaa dhaameen ''Akka yeroo hundaa isaan waliin taatu nan beeka. ..Si yaadna,'' jedheera.

Diyaagoo Jootaa jaalalleesaa waggaa dheeraaf waliin turanii fi ijoollee sadii waliin horan Ruut Kaardosoo waliin cidha erga godhatanii torban lamayyuu hin guunne.

Sirna gaa'elaa isaanii Waxabajjii 22 raawwatan irratti suuraa ka'an dhiheenya miidiyaa hawaasummaa isaarratti maxxansee ture taphataan kun.

Jootaan bara taphaa darbe kana Liivarpuul waancaa Piriimer Liigii akka mo'atu guddoo tumseera.

Eeguma Ronaaldoofi Jootaa akkasumas taphattoonni Porchugaal Ispeen mo'atanii Waancaa Neeshiins Liig ol kaasanii ji'ayyuu hin guunne.

Jifataan Liivarpuul Daarwin Nuunez Jootaa waliin bara dorgommii sadiif Liivarpuul keessatti waliin taphataniiru.

Ergaa Inistigiraama isaarratti katabeen ''Miidhama akkanaa jechi laaffisu hin jiru. Yeroo hundaa seeqa keetiin siin yaadadha, dirree keessas ta'e alatti michuu jabaa akka taate,'' jechuun ibse.

Maatiin isaas akka jajjabaatan dhaame.

Taphattoonni seena qabeessa Liivarpuul Jemii Kaaraagar fi Isteevan Jeeraard Diyaagooillee Jootaan du'uu isaatti gadda isaanii ibsaniiru.

Daarwiin Nuuneez kanneen gadda isaanii ibsan keessaati

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Daarwiin Nuuneez kanneen gadda isaanii ibsan keessaati

Utubaan Liivarpuul Haarve Eliyoot gama isaan ''Du'uukee hin amanu. Kuni hangam akka nu dhukkubsu jechaan ibsuun na dhiba.

''Taphataa cimaa yeroo dirree seentu jijjiirama fiddu turte. Nama amala qabu, cimtee hojjetu, garraamii, nama gargaarsa fedhuuf nama dursee dhaqqabu turte.

''Si waliin taphachuu kiyyaaf, yaadannoo si waliin qabaachuu kiyyaaf carraa qabeessadha, bara baraan nan yaadadha.

''Ati yoomuu miseensa garee kanaati, miseensa maatii Liivarpuul. Yoomuu si hin dagannu.

''Maatii kee yaadaan jira. Obboleessa siin jaaladha. Nabsee keessan haa maaru Diyaagoofi Andiree,'' jechuun xumurarratti ''You'll Never Walk Alone'' jedhee xumure.

'Akka hin balaliine gorfamee ture'

Balaa konkolaataa Ispeen keessa mudateeni taphataan kuni obboleessa isaa waliin lubbuu isaa kan dhabe.

Balaan kuni akka sa'aatii biyyattiitti halkan Kamisatti bari'u 6:30 irratti mudate.

Konkolaataan keessa turan, konkolaataa qaalii Laamborginii jedhamtu, gommaan ishii dhohee daandiirraa baate jedhame.

Eegasii konkolaatittii ibiddi qabate jechuun Humni nageenyaa Ispeen beeksiseera.

Balaan kuni erga michuu isaa bara dheeraa Ruut Kaardosoo waliin dhihoo bultii ijaarratan booda dhaqqabe.

Jootaan Ispeenitti yaala baqaqsaanii waldhaanuu salphaa argachuu booda xiyyaaraan akka hin imalle hakiimotni gorsanii turan jedhameera.

Inni immoo hanga magaalaa dhalootasaa Poortotti konkolaataan imalee achii ammoo Dooniidhaan yabalee Wiixata Liiverpuul gahee leenjii eegaluuf ture.

Haa ta'u malee, akka inni yaade hin taane.

Bakka balaan dhaqqabe

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Bakka balaan konkolaataa dhaqqabe

Taphattoonni Garee Biyyaalessaa Porchugaal kaanis gadda isaanii ibsaniiru.

Utubaan Yunaayitid fi Porchugaal Biruunoo Fernaandez barreeffama Inistaagiraama gubbaa katabeen akkana jedhe:

''Hiriyyaa, michuu morkiii kuma hedduu waliin taasifne. Akkamiin daftee akka duute hubachuun baay'uma rakkisa,'' jechuun maatii jajjabeesse. .

Ittisaa kan ta'e Diyaagoo Daalot immoo ''jechaan ibsuun rakkadha'' jedhe.

Gommaan akkamiin dhohe?

Aangawooni mootummaa Ispeen, magaalaa Zaamoraa jiran akkaataa balaan dhaqqabe ibsa kennaniiru.

Akka ibsametti taanaan, konkolaataa biraa bira darbuuf yeroo yaalu gommaan konkolaataa isaa dhohe.

Sababa kanaan konkolaataan Laamborginii Jootaa karaarraa maqxee gubachuu jalqabde.

Ibsi kana dura Humni Nageenyaa Ispeen kennees kanumaan wal fakkaata.

Reeffi obbolaa lamaani Inistitiyutii Legaal Meedisiin jedhamuufi Zaamoraa argamurraa baheera.

Angawoonni ashaaraafi qorannoo Qaccee Sanyi (DNA) taasisuun kunis gara Maadiriid deemee kan xinxalamu ta'a.

Bakki balaan dhaqqabe baadiyyaa Ispeen keessadha.

'Kubbaa miilaaf guyyaa gaddaati'

Har'a kubbaa miilaaf guyyaa gaddaati jedhan Ministirri Muummee Porchugaal Luwis Montenegroo.

''Duuni Diyaagoo Jootaa, atileetii maqaa Porchugaal ol kaaseefi duuni obboleessa isaa kan hin eegamneefi onnee cabsu,'' jedhaniiru.

Barreeffama miidiyaa hawaasummaa gubbaa qoodaniin maatiif gadda ibsanii ''kubbaa miilaafi ispoortii biyyaalessaafi idil-addunyaaf guyyaa gaddaati,'' jechuun himan.

Pirimeer Liigiin akkasumas Federeeshinii Kubbaa Miilaa Porchugaal dabalatee dhiifama gaafataniiru.

Ministirri Muummee UK Kiir Istaarmar gama isaaniin gadda isaanii ibsan.

''Kuni oduu laphee cabsu,'' jechuun gadda isaanii maatiif jaalattoota kubbaa miilaaf jajjabina hawwani.

Konkolaataan Diyaagoo Jootaa keessa jiru akkanaan gubatte

Madda suuraa, Cesar Manso / AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Konkolaataan Diyaagoo Jootaa keessa jiru akkanaan gubatte

Diyaagoo Jootaan eenyu?

Diyaagoo Jootaa bara 2016 Atileetikoo Maadiriidiif mallatteessuu isaa dura tapha pirofeeshinaalaa tokko jedhee kan eegale kilaba Pacos de Ferreira jedhamutti.

''Kilabni kubbaa miillaa Poortoo gadda hamaa keessa jira,'' jedhe kilabichi.

Obboleessi Jootaa, Andiree Silvaa erga 2017 Poortoo gadhiisee booda kilaba dargaggoota Poorchugaal sadi keessa taphateera.

Isa booda bara 2021 Gondomaar gale.

Bara 2023 bilisaan kilaba Panafiel jedhamu seene. Ergasii baroota taphaa lamaan darban taphoota 59 irratti hirmaateera.

Morkattoonni Liivarpuul Maanchistar Yunaayitid fi Arsenaal dabalatee kaanis du'a taphataa kanaan gadda ibsaniiru.