Taphataa kubba miilaa akka mootota Saawudiitti jiraatu, Roonaaldoo

Kiristiyaanoo Roonaaldoo Al Nasir waliin kontiraata haaraa mallatteesse

Madda suuraa, Daily Mail

Kiristaanoo Roonaaldoo kontiraata haaraa waggaa lamaaf turuu danda'u Al Naasir waliin mallatteesse.

Miindaa fi faayidaalee Roonaaldoon argatu garuu ajaa'iba. Akkuma umuriin isaa dabalaa deemuun kaffaltiin argatus akka dabalaa deemuu danda'u waliigalticha keessatti hammatameera.

The Sun gabaasa baaseen waliigaltee Roonaaldoon Al Naasir waliin mallatteesse, miindaa waggaa Paawondii miliyoona 178 akka argatu isa gargaara.

Roonaaldoon torbaniin miindaa paawondii miliyoona 3.4 argata. Taphattoonni cicimoon kileboota Ingilizii keessaa hedduun miindaa waggaa isaaniitu paawondii miliyoona 10 gadidha. Roonaaldoon miindaa ji'aan argatu ikan isaan waggaa tokkotti argatan ni caala.

Piriimer Liigii keessaa taphataan miindaa guddaa waggaattis tahe torbaniin argatu, taphataa Maanchister Siitii Erliingi Haalaandidha.

Haalaandi torbaniin walakkaa miliyoonaa ol waggaatti hanga paawondii miliyoona 27 argata.

Mohaammad Saalaa, taphataa cimaan Liiverpuul ammoo sadarkaa lammaffaa irra jira. Saalaan waggaatti gara paawondii miliyoona 20 ol argata.

Liyonel Mesiin osoo gara kileboota Sawud Arabiyaa deemeera tahee miindaa Roonaaldoon amma argatutti dachaa kan tahu dhiyaateefii ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Garuu maatii isaafi haala mijataa isaaf tolu ilaaluun kileba Deevid Beekam fa'aa kan tahe Inter Miyaamii filate.

Inter Miyaamii keessatti Mesiin waggaatti paawondii miliyoona 20 ol argata. Roonaaldoon paawondii miliyoona 178 argata.

Dabalataan kilaba Al Naasir keessaa %15 kan tahu kan Roonaaldoo akka tahu waliigalteerra gahaniiru.

Kun ammoo gara paawondii miliyoona 33 taha.

Roonaaldoon kontiraata kilebicha waliin qabu xumuree ture. Kileboonni akka Al Hilaal fa'aa gaafatanis Al Naasir waliin masaanuu waan tahaniif gara sana deemuu hin dandeenye.

Kanaaf kontiraata haaraa waan mallatteesseef qofa paawondii miliyoona 24.5 harkatti isaaf kennama.

Yoo waggaa lammaffaaf kan dabalataan turu tahe ammoo gatiima kontiraata mallatteessuuf qofa paawondii miliyoona 38 argata.

Roonaaldoon yoo galchii tokko lakkoofsise paawondii 80,000 argata. Waggaa lammaffaa irratti ammoo %20 galchii tokkoof irratti dabalamaafii.

Yoo kubba tokko mijeessee galchiif kenne ammoo paawondii 40,000 argata. Kunis waggaa lammaffaa kan turu yoo tahe %20'n dabalaafii.

Kaffaltii kun hunduu miindaa inni torbaniin argatuun ala kan kaffalamuufiidha.

Yoo Al Naasir waancaa sawudii Piroo Liig mo'ate ammoo Roonaaldoon paawondii miliyoona afur boonasii argata.

Dabalataan yoo kilebni isaa kun waancaa Shaampiyoonsi Liigii Eeshiyaaf darbee fi mo'ate Roonaaldoon paawondii miliyoona 6.5 tahu boonasii argata.

Akkasumas Al Naasir ispoonseroota kaampaanota haaraa Sawudii irraa dhufan irraa paawondii miliyoona 60 tahu Roonaaldoof kaffaluuf waliigaleera.

Dabalataan hojjettoonni 16 Roonaaldoof qacaramaniiru.

Hundi isaanii yeroo isaanii guutuu mana jireenyaa isaa keessa kan hojjetan yoo tahu, konkolachiftoota sadii, kanneen mana kunuunsan afur, ogeessota nyaata bilcheessaniif lama, mooraa keessaa biqiltoota kan kunuunsan sadii fi eegdota afurtu isaaf ramadameera.

Kanaafidha Maanchister Yuunaayitid keessatti waliin taphataa kan turan karra eegaan duraanii Yuunaayitid Deevid Hiyaa ''toluman taphadhaafii hin jetturee!'' jechuun bifa baacoon kan yaada kenne.

Kana qofa osoo hin taane Roonaaldoon jeettiiwwan mataa isaa qabaatus boba'aa isaanii kilebichatu guutaaf. Yoo kan biraan imaluu barbaades kilebichi baasii isaa ni cufaafii.

Roonaaldoon gara Sawud Arabiyaa deemee warraaqsa kubba miilaa guddaa fidus akka taphataa kubba miilaatti osoo hin taane akka ilma mootII Sawudiitti jiraate jechuun ni danda'ama.

Mootii kubba miilaa jireemya mootota Sawud Arabiyaa jiraataa jiru yoo jennehoo!

Roonaaldoon amma umuriin isaa waggaa 41 tahus, kontiraata waggaa lamaa mallatteessuun isaa hanga umuriin isaa waggaa 43 gahutti taphachuu danda'a jechuudha.

Waancaa Addunyaa bara 2026 irrattis garee biyyaalessaa Poorchugaal waliin isa arguu dandeenya. Barana waancaa Neeshinsi Liigii Poorchugaal wlaiin mo'ateera.

Poorchugaal taphattoota cicimoo hedduu qabaattus waancaa Addunyaa hin mo'anne. Roonaaldoon kan Mesiidhaan caalamu tokko waancaa Addunyaa mo'achuu dadhabuu isaati.

Tarii akkuma Mesiin gara xumuraatti milkeesse Roonaaldon obsa yeroo dheeraa booda waancaa Addunyaa kana milkeessaa laata?

Shaakala irratti sa'aatii dheera adbarsuun dorgomaa kan hin qabne Roonaaldoon hiriyyota isaa miti quxisuuwwan isaa yeroo jaarsa fakkaatanitti gahumsa qaamaa guutuu eeggachuun ammallee sadarkaa olaatti kubba taphachaa jira.