Torban dura gaa'ila kan godhate jifataan Liivarpuul Diyaagoo Jootaa balaa konkolaataan du'e

Diyaagoo Jootaa sirna gaa'elaa Waxabajjii 22 raawwatan irratti suuraa ka'an miidiyaa hawaasummaa isaarratti maxxanseera

Madda suuraa, Diogo Jota via X

Ibsa waa'ee suuraa, Diyaagoo Jootaa sirna gaa'elaa Waxabajjii 22 raawwatan irratti suuraa ka'an miidiyaa hawaasummaa isaarratti maxxanseera

Gabaasonni Ispeen irraa ba'aa jiran taphataan sarara fuulduraa Liivarpuul balaa konkolaataa isa mudateen umriisaa waggaa 28tti du'uu ibsan.

Obboleessi taphataa lammii Poorchugaal kanaa Andiree Silvaa jedhamus balaa kanaan du'eera.

Balaan konkolaataa kun Ispeen bulchiinsa Zamora jedhamtu keessatti mudate.

Taphataan umrii waggaa 26 kun kilaba Poorchugaal Penafiel jedhamuuf taphata.

Humni nageenyaa Ispeen- Guardia Civil jedhamu obboleewwan lameen konkolaataa Lamborghini ittiin imalaa turanirra balaan ga'uun lubbuunsaanii darbe.

Wayita konkolataa biraa taruuf jedhan gommaan konkolaataa isaanii dhohuun abidda mudateen balaan kun qaqqabe.

Diyaagoo Jootaa jaalalleesaa waggaa dheeraaf waliin turanii fi ijoollee sadi waliin qaban Rute Cardoso waliin cidha kan godhate ji'a darbe.

Sirna gaa'elaa isaanii guyyoota 12 dura Waxabajjii 22 raawwatan irratti suuraa ka'an dhiheenya miidiyaa hawaasummaa isaarratti maxxanseera taphataan kun.

Jootaan bara taphaa darbe kana Liivarpuul waancaa Piriimer Liigii akka mo'atu guddoo tumseera.

Waxabajji darbe wayita Poorchugaal Ispeeniin mo'achuun Waancaa Neeshinsi Liigii inifatus Jootaan injifannii biyyasaaf baayyee gumaache.

''Federeeshiniin kubbaa miillaa Poorchugaal fi akka waliigalaatti kubbaan miillaa Poorchugaal gadda hamaadhaan guutameera,'' jedhe Federeeshinichi.

''Diyaagoo Jootaa taphataa addaati, ga'umsi isaa waan addaati. Taphoota intarnaashinaalaa 50 ta'an irratti hirmaateera. Taphataa ajaayibaati. Garee isaa fi garee faallaanis taphataa kabajamuudha. Hawaasa keessattis jaalalaa fi kabaja guddaa qaba,'' jedha ibsi Federeeshinii Kubbaa Miillaa Poorchugaal.

''Taphattoota jajjaboo lama dhabneerra. Duuti Diyaagoo Jootaa fi Andiree Silvaa kubbaa miillaa Poorchugaaliif kisaaraa guddaadha. Duudhaa isaanii kabajuu fi itti fufsiisuuf waan dandeenyu hunda ni raawwanna.''

Federeeshinichi dorgommii biyyoota Awurooppaa kan dubartootaa Kamisa har'aa Poorchugaal fi Ispeen gidduutti adeemsifamu irratti yaadannoon taphattoota kunneeniif akka taasifamu jaarmiyaa kubbaa miillaa Awurooppaa hoogganu Uefa gaafateera.

Jootaan bara taphaa 2016-17 bakka obboleessi garee dargaggootaa keessa ta'uun taphataa ture Poortoo ergisaan seenuun tajaajileera.

''Du'a Diyaagoo Jootaa fi Andiree Silvaa irratti gadda cimaa nutti dhagame ibsina. Maatiif jajjabina hawwina,'' jedhe kilabichi.

Diyaagoo Jootaa

Diyaagoo Jootaa bara 2016 Atileetikoo Maadiriidiif mallatteessuu isaa dura tapha pirofeeshinaalaa tokko jedhee kan eegale kilaba Pacos de Ferreira jedhamutti.

''Kilabni kubbaa miillaa Poortoo gadda hamaa keessa jira,'' jedhe kilabichi.

Obboleessi Jootaa, Andiree Silvaa erga 2017 Poortoo gadhiisee booda kilaba dargaggoota Poorchugaal sadi keessa taphateera.

Isa booda bara 2021 Gondomar gale.

Bara 2023 bilisaan kilaba Panafiel jedhamu seene. Ergasii baroota taphaa lamaan darban taphoota 59 irratti hirmaateera.

Ministirri Muummee Poorchugaal Luwiis Montenegro ''taphataan mallattoo Poorchugaal ta'e Diyaagoo Jootaa fi obboleessi isaa du'uun taatee suukanneessaa fi kan hin eegamnedha,'' jedhan.

Maatii taphattoota kunneeniif jajjabina hawwan.

Waldaan Kubbaa miillaa biyyattii ''du'a taphattoota kunneen baayyee gadduu'' ibse.