Utubaan Arsenaal baayyee hin faarfamne, Toomaas Paartee, eenyu?

Taphataan sarara gidduu Arsenaal Toomaas Paartee lafee dugdaa kilabichaa ta'ee osoo jiruu garuu yeroo baayyee milkaa'ina kilabichaa keessatti hamma ifaaju hin faarfamu.
Taphataa gameessi lammii Gaanaa kun erga bara 2020 Arsenaal seenee fooyya'iinsa kilabichaa keessatti qooda olaanaa gumaacheera.
Wayita Arsenaaliif mallatteessu akkuma waadaa gale ''kilabicha bakka isaaf malutti deebisuu'' irratti wanti inni dubbate jecha qofaan hin hafne.
Waggoota dhihoo as Arsenaal waancaa injifachuu baatus sadarkaasaa baayyee fooyyesseera.
Taphataan umrii waggaa 32 kun turtii waggaa shanii booda Arsenaal waliin itti fufa jedhamee osoo eegamuu kilabichi bilisaan gadhiisuuf deema.
Arsenaalis ta'e leenjisaan kilabichaa Mikeel Arteettaan bakka isaa dursaa taphattoota Notiingihaam Foorast, Kiristiyaan Norgaard, fiduu akka barbaadan ibsaniiru.
Norgaard taphataa Toomaas Paartee bakka bu'uu danda'udha, garuu Arsenaalitti baruun akka taphataa kanaatti tajaajiluu danda'aa?
Waa'ee kontiraata haaraa Toomaas Paartee irratti haasaan ture bu'aa hin buusne. Bilisaan akka ba'u barameera.
Bara 2020 paawondii miiliyoona 45n Arsenaal kan seene Toomaas Paartee kontiraati isaa amma jiru Adoolessa keessa xumurama.
Arsenaal Paartee dhabuun isa miidhuu danda'a. Garuu bakkasaa taphattoota jiranitti fayyadamuun milkaa'inarraa deebuatti isa deebisa jechuun hin danda'amu.
Kilabichi wayita taphataan kun ga'umsa gaariirra jirutti gadhiise. Kilaboota taphataa kana fedhan keessaa Barseloonaan tokko akka ta'e odeeffamaa jira.
Toomaas Paartee eenyu?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Utubaa Arsenaal kan ta'e taphataa gameessi lammii Gaanaa Toomaas Paartee Lixa Gaanaa magaalaa Kkrooboo Odumaase jedhamtutti Waxabajjii 13 bara 1993 dhalate.
Kubbaa miillaa sadarkaa pirofeeshinaalaatti kan eegale bara 2013 kilaba biyya Ispeen Atileetikoo Maadiriid keessatti.
Isa booda Maayorkaa fi Almeeriyaaf ergisaan kenname, bara 2015 Atileetikootti deebi'e.
Bara 2018 Atileetikoo waliin waanxaa Yurooppaa Liigii fi Suppar Kaappii injifateera. Akkasumas bara 2016 kilabicha waliin tapha xumuraa waancaa Chaampiyoonsi Liigii irratti hirmaateera.
Bara 2020 ammoo paawondii miiliyoona 45n Arsenaal seene. Kanaanis taphataa lammii Gaanaa maallaqa guddaadhaan kilaba Awurooppaa seene ta'eera.
Taphataan gameessi Gaanaa kun yeroo sadi (bara 2017, 2019 fi 2021) biyyasaa bakka bu'uun tapha Waancaa Biyyoota Afrikaa irratti hirmaateera. Bara 2022 ammoo Waancaa Addunyaarratti hirmaate.
Bara 2018 wayita gareensaa tapha Waancaa Biyyoota Afrikaa keessatti garee cimaa barichaa jedhamuun filatamu maqaansaa guddoo leellifameera.
Bara 2018 fi 2019 ammoo taphataa cimaa Gaanaa jedhamuun badhaafameera.
Turtii Atileetikoo Maadiriid
Toomaas Paartee ijoollummaasaatti kilaba dargaggootaa- Odometah jedhamu keessatti guddate, achittis kubbaa miillaa eegale.
Yeroo muraasa kilaba Leganeez jedhamu keessa erga turee booda bara 2012 Atileetikoo Maadriidiif mallatteesse.
Erga gara Atileetikoo deemee waggaa booda taphataa eeggataa ta'uuf dirqameera.
Bitootessa 10, 2013 tapha kilabni isaa Riyaal Sooseedaad waliin taphaterratti Paarteen gareen jalqaba hiriiranii taphatanitti makamee ture. Garuu dorgommii dirreesaaniitti goolii 0 fi 1n mo'aman sanarratti Atileetikoon osoo Paarteetti hin fayyadamin hafe.
Baruma kana Adoolessa keessa ergisaan Mayorkaaf kenname. Takkaadhumaan kilaba sadarkaa lammaffaatti gadi bu'e.
Adoolessa 14 taphasaa jalqabaa kilabnisaa dirreen ala Sabadell waliin taphachuun o fi 4n mo'aterratti yeroo jalqabaaf hiriire.
Paarteen goolii isaa pirofeeshinaalaa jalqabaa kan galche Fulbaana 15, 2013 tapha gareen isaa Hercules waliin taphachuun goolii lama walqixa ba'erratti boqonnaa booda jijjiiramee seenuun galche.
Adoolessa 27, 2014 Toomaas Paartee ergisaan kilaba Laaligaa kan ta'e Ameria seene.
Tapha gareen isaa Espanyol waliin goolii tokko walqixa ba'erratti taphasaa jalqabaa kilabichaaf taphate.

Madda suuraa, BBC Sport
Paarteen kilaboota jalqabaa Ispeen keessatti gooliisaa jalqabaa kan galche tapha Giraanaadaa waliin Ebla 11, 2015 taphachuun goolii 3 fi 0 dhaan mo'atan irratti ture.
Erga ergisarraa gara Atileetikoo Maadiriid deebi'ee Sadaasa 28, 2015 tapha goolii 1 fi 0 dhaan Espanyol mo'atanirratti hiriiree taphate.
Bara itti aanu Amajjii keessa goolii jalqabaa kilabasaa jalqabaaf galche. Tapha Levante waliin dirree isaaniirratti taphatanirratti gooliisaatiin mo'atanii ba'an.
Caamsaa 28 ammoo tapha dorgommii Chaampiyoonsi Liigii xumuraa Riyaal Maadriid waliin taphatan irratti hirmaate.
Tapha sanarratti Toomaas Paartee daqiiqaa 116ffaarratti Koke jijjiiree seene, taphicha kilabnisaa rukuttaa peenaalitiin mo'ame.
Guraandhala 2017 kontiraatasaa Atileetikoo Maadriid waliin qabu hanga bara 2022tti dheeresse.
Erga kontiraatasaa dheeressee booda Onkoloolessa 31 tapha dorgommii Chaampiyoonsi Liigii dirreesaaniirratti Qarabag waliin taphachuun goolii tokko walqixa ba'an irratti goolii isaa Awurooppaa kan jalqabaa galche.
Kanaanis taphataa jalqabaa Afrikaa kilaba Atileetikoo Maadiriidiif goolii Chaampiyoonsi Liigii lakkoofsise ta'eera.
Kilabichi raawwii isaa ajaayibaa ilaalcha keessa galchuun Guraandhala 1, 2018 kontiraata isaa hanga bara 2023 dheeresseef.
Caamsaa 16, 2028 wayita kilabnisaa tapha Yurooppaa Liigii xumuraa Marseille goolii 3 fi 0 dhaan mo'achuun waancaa nyaatu Toomaas Paartee hiriiree taphateera.
Fulbaana 1, 2019 tapha Atileetikoo Maadiriidii osoo goolii 2 fi 0 dhaan kilaba Eibar jedhamuun durfamuu duubarraa ka'ee goolii 3 fi 2n mo'aterratti Toomaas Paartee goolii mo'ichaa galchuun guddoo faarfame.
Atileetikoo Maadiriidiif tapha 100ffaasaa erga taphatee torbee afur booda tapha darbii Maadiriid goolii malee xumurame irratti taphataa cimaa ta'uun filatame.
Toomaas Paartee bara taphaa 2020-21 kilabicha gadhiisee ba'us jalqaba bara taphaa sanarratti hirmaannaansaa akkaan olaanaa ture.
Bara sana Atileetikoo Maadiriid milkaa'ina addaatiin dorgommii eegale. Paarteenis kilaba abdii waancaa mo'achuu qabu kana waliin milkaa'ina qooddachuuf kutannoo olaanaa agarsiisaa ture.
Kilabni isaa ganamaa kun akkuma inni abdate bara inni ba'e sana waancaa Laaligaa Ispeen nyaate.
Gara Arsenaal
Toomaas Paartee Onkoloolessa 5, 2020 paawondii miiliyoona 45n Arsenaal seenuun lakkoofsa 18 kan bara taphaa sana dura Nacho Monereal dhiisee ba'e uffate.
Paarteen wayita Arsenaaliif mallatteessu miira jaalalaa fi kutannoo addaa agarsiise.
Arsenaal bakka isaaf malu, kabaja isaa duraaniitti deebisuf kutannoodhaan akka hojjetu dubbate.
Wayita Arsenaal seenuuf murteessus wal'aansoo haaraa fi milkaa'ina haaraa barbaadee akka ta'e dubbate.
Jijjiirraa kanaan Arsenaal seenuutti kan gammade Paarteen kanaafis leenjisaa Arsenaal Mikeel Arteettaa fi daarektaroota teeknikaa hunda galateeffateera.
Toomaas Paartee Onkoloolessa 2020 wayita Arsenaal dirreesaan ala Maanchistar Siitii goolii 1 fi 0 dhaan mo'atu yeroo jalqabaaf Arsenaaliif hiriiree taphate.
Guyyaa shan booda tapha dorgommii Awurooppaa Liigii Arsenaal kilaba Awustiriyaa Rapi Wien jedhamu goolii 2 fi 1n injifaterratti yeroo duraaf jalqabarraa eegalee taphate.
Erga Arsenaal seenaa osoo hin turin gufuun isa mudate. Sadaasa 8, Aston Villa waliin tapha eegalanii erga walakkeessanii sarbaa isaarra miidhame, kanumaan tapha ji'a sanaa hunda osoo hin taphatin hafe.
Garuu ji'a booda, Mudde 6 tapha darbii kaaba Landanirratti deebi'e. Tapha sana Tootanhaam goolii 2 fi 0 dhaan Arsenaaliin mo'ate.
Toomaas Paartee Onkoloolessa 22, 2021 Aston Villa irratti goolii isaa jalqabaa Arsenaaliif galche.
Tapha sana Arsenaal goolii 3 fi 1n mo'ate.
Paarteen Guraandhala 2022 taphataa cimaa ji'ichaa Arsenaal ta'uun filatameera.
Bara taphaa 2022-23 taphoota Arsenaaliif taphate 33 irratti goolii sadi galchuun xumure.
Baarri taphaa 2023-24 Toomaas Paarteef gaarii hin turre. Miidhaa isa mudateen taphoota gara caalaa hin taphatin ba'e.
Paarteen bara taphaa 2024-25 ammoo milkaa'inaan eegale. Tapha lammataa Arsenaal irratti jalqabarraa hiriiree taphachuun gooliis galcheera. Tapha inni irratti goolii lakkoofsise sana Arsenaal goolii 2 fi 0 dhaan Aston Villa injifate.
Gooliin sun erga Gurraandhala 2023 goolii jalqabaa taphatichaati.
Sadaasa 23, 2024 ammoo saanduqa peenaalitii alarraa kubbaa rukutuun Notiingihaam Foorast irratti goolii galchuun baayyee faarfame.
Tapha kilaba Poorchugaal, Sporting CP waliin taphatan booda Mikeel Arteettaan yaada kenneen ga'umsa Toomaas Paarteey jajeera.
''Bara kana ga'umsi isaa sadarkaa gariirra jira. Kun waan guddaadha. Inni nuuf taphataa murteessaadha,'' jedhe.
Toomaas Paarteen Guraandhala 2, 2025 goolii qalbii daawwattootaa hawwatte Maanchistar Siitii irratti galchuun fudhatamummaa isaa akkaan ol kaaseera.
Tapha Paarteen irratti goolii galche Arsenaal dirree isaa Emireetis irratti goolii hedduu 5 fi 1n injifate.












