Maanchisteriif jecha maallaqa jireenya isaa jijjiiru kan dide Buruunoo Fernaandes eenyu?

Madda suuraa, Buruunoo Fernaandes
Dandeettii kubba miilaa qabuun hedduu jajama. Erga gara Pirimiir Liigii dhufee as akka isaatti taphataan carraa galchii hedduu uume hin jiru. Garuu ni aara, osoo mufatuu, dheekkamuu taphata.
Gareen isaa yeroo hedduu waan mo'amuuf gammachuu hin qabu. Inni ammoo mo'amuu taphataa hedduu jibbudha.
Akkasis tahee kilaba isaaf waan qabu hundaa kenna. Faayidaa paawondii miliyoonota hedduu mataa isaaf oolus dhiiseera. Taphataa Maanchister Yuunaayitid, Buruuno Miguwel Fernaandes.
Waa'ee taphataa kanaa wantoota yeroo hedduu hin dhagahamne maddeen adda addaa irraa isinitti himna.
Buruunoo Fernaades taphattoota Awurooppaa keessaa miidhamaan osoo tapha tokkollee isa hin darbiin taphataa waggoota dheeraaf walitti aansee taphate tahuun beekama.
Dadhabe ykn miidhame jedhee Ispoortiingis tahe Maan Yuunaayitid jalaa hafee hin beeku.
Huwaan Maataan yeroo Maanchister Yuunaayitid gadhiisee bahu lakkoofsi saddet lafa jira ture.
Fernaandes ammoo Ispoortiingi Liisban keessatti lakkoofsa saddet waan uffataa tureef gara Yuunaayitid dhufuuf yeroo murteessu lakkoofsa kana fudhachuu hedduu barbaade.
Sababoota adda addaa qaba. Kan jalqabaa gaafa guyyaa saddetii irra waan dhalateef lakkoofsi kun anaafi maatiikoofis hiika addaa waan qabuuf jedhe.
Abbaan isaa yeroo taphataa kubba miilaa turan lakkoofsa saddet kana uffataniiru. Kun ammoo yaadannoo guddaa akka isaaf tahuuf jecha lakkoofsicha jaalata.
Marsariitii Maan Yuunaayitid bara darbe akka gabaasetti Buruunoon lakkoofsi ''8'' lakkoofsa carraa gaariikoti jedhee amana.
Sarara ittisaa hamma galchii hedduu lakkoofsisuutti
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Buruunoo Fernaades taphataa miilaan qofa osoo hin taane sammuun kubba akka ajaa'ibaatti beekuu fi taphatu jedhama.
Dorgomaa isaa kan tahe Keevin De Biruun yeroo kubba kennuu fi galchii illee lakkoofsisu maashina sarara gidduu cimaa tahuu isaa hubatta jechuun gahumsa mataa isaa caalaa Buruunoo akka filatu dubbateera.
Buruunoon Maanchister Yuunaayitid kilaba kufaatii guddaa keessa gale keessatti sarara inni irra hin taphanne hin jiru. Karra eegaa qofa hin taane malee.
Garuu ijoollummaa isaatti yeroo kubba taphachuu jalqabu sarara ittisaa irra taphata ture.
Ijoollummaa isaatti kilebni keessatti guddate Infeshtaa jedhama. Poorchugaal keessatti argama.
Yeroo umuriin isaa waggaa 15 guutu kileba magaalaa Liisban keessa jiru Paasteleeriyaa jedhamuuf ergisa kenname. Achitti carraa gara sarara gidduutti siiqee taphachuu kennameef.
Kilebichi taphataa lakkoofsa 10 irra taphatuuf gaafa dhabu leenjisaan kilebichaa yeroo sanaa Antooniyoo Peerees jedhamu akka Buruunoon bakka kana irra taphatuuf carraa kenneefi.
Buruunoon kubba mijeessee kennuu, qixa sirriin fageenya irraa dabarsuufi galchii lakkoofsisuu akka dandahu waan hubateef ittisa irraa kaasee sarara gidduu duuba taphattoota sarara duraa irra akka taphatu godhe.
Eegasii innis bakka kana kanuma dhuunfaa isaa godhate. Ispoortiingi Liisban yeroo ture taphataa sarara gidduu cimaa kileboonni gurguddoon barbaadan tahuu taphataa amansiisedha.
Bara 2020 paawondii miliyoona 55 tahuun gara maanchister Yuunaatitid dhufe. Bara 2018-19 keessa qofa taphoota 53 irratti, taphataa sarara gidduu tahee galchii 32 lakkoofsisuun 18 ammoo mijeessee kenne.
Seenaa kubba miilaa Awurooppaa keessaatti rikardii galchii hedduu bara dorgommii tokkotti lakkoofsisuu taphataa sarara gidduu duraanii Antooniyoo Oliveeraa jedhamuun qabame cabsuun badhaasa argateera.
''Ijoollummaakootti taphataan ani dinqisiifachaa guddadhe Roonaaldiniyoo Goochooti. Isaaf jaalala addaan qaba. Dandeettii taphataan kaan hin qabne qaba. Waan ati hin eegne sitti agarsiisa.
Kun ammoo hammam guyya guyyaan cimsee akka hojjetuu fi osoo of hin qusatiin waan dandahu kilaba isaaf kennu sitti agarsiisa,'' jedhe gaaffiif deebii bara darbe miidiyaaleef kenneen.
Erga Roonaaldiiniyoon soorama bahee taphataa inni hordofu miiltoodhuma isaa Poorchugaal Kiristiyaanoo Roonaaldooti. Carraa waliin Maanchister Yuunaayitidii fi garee biyyaalessaa Poorchugaaliif taphachuus argateera.
Aarsaa kaffaluu...
Kilebni isaa Maan Yuunaayitid akkaataa qabinsa abbootii qabeenyaa, leenjistootaa fi filannoo taphattootaa irraa kan ka'e kufaatii dhiyeenyatti argee hin beekne keesa galeera.
Buruunoon Oolee Guunaar Soolshaayer jalatti gara kilebichaatti dhufus galchii lakkoofsisuu fi kuba mijeessee kennuun dorgomaa hin qabu.
Barana yeroo kilebichi sadarkaa 15ffaan xumureetti illee Buruunoon taphattoota jaha Badhaasa Waldaa Barreesitoota Kubba Miilaa Ingiliziif kaadhimaman keessa galeera.
Maanchisyer Yuunaayitidiif dursaa taphattootaa qofa osoo hin taane baay'ee amanamaadha. Yeroo kufaatii kanatti dhiisee hin bahu jechuun faayidaalee maallaqaa fi carraa kileba guddaa biraa galuu taphataa dhiiseedha.
Yeroo ijoollee ture Sir Aleeksi Fergusan jalatti taphattoonni akka Roonaaldoo fa'aa akka milkaa'an ilaalaa guddate.
Roonaaldoon hanga badhaasa gurguddaa mo'atuu fi rikardii hedduu cabsuutti kan gahe erga Fergusan jalatti haala gaariin leenji'ee booda ammoo Riyaal Maadirid galee tahuu ijoolleen magaalaa Liisban hunduu ni beeku. Waa'ee Maanchisteris ni haasa'u.
Buruunoon yeroo ijoolummaa isaa irraa eegaluun kilaba kanaaf jaalala guddaa qaba.
Barana kilabni Sawud Arabiyaa Al Hilaal yeroo miindaa amma Fernaandes argatu dachaa sadiin guddisuun torbanitti paawondii 750,000 kaffaluuf, Yuunaatidiif ammoo Paawondii miliyoona 100 kaffaluuf dhiyeessu Buruunoon natti haa hafu jechuun Maanchister turuuf murteesse.
Yeroo kufaatii kana keessatti kilebicha dhiisee faayidaaf deemuu akka hin barbaanne hime. Yuunaayitidiin leenjisaa biyya isaa Amooriim waliin tahuun sadarkaa guddaatti deebisu akka barbaadus ibse.
Taphataan duraanii Maan Yuunaayitid Rihoo Ferdinaandi '' hin sobu, osoo ana tahe faayidaa hanga kana argadhee hin dhiisu, Yuunaayitidiin gadhiiseen baha jedhe.
Buroonoo Fernaades hammuma jabaatee hojjetu gaafa mo'aman garuu aariin isaa bakkeetti irraa beekama.
Taphataa baay'ee cimaa osoo of nyaatuu kubba taphatu jedhamuun beekama. Waayillan isaa akka inni yaade tahuu yoo dadhaban ifatti dubbata. Bara 2018 yeroo Ispoortiingi Liisban ture kilabni isaanii Shaampiyoonsi Liigii keessaa kufnaan deeggartoonni 50 tahan dirree shaakala taphattootaa cabsanii galuun isaan arrabsan.
Buruunoo dabalaee taphattoonni kaan aariidhaan waraqaa waliigaltee kilbicha waliin qaban fuudhuun ciciranii gatan.
Taphataan Baas Doosti akka malee miidhamuun kutaan uffannaa isaanii saamame. Ji'a tokko booda Buruunoon kadhatamee kilebichis nageenya isaanii eegsisuuf waadaa gallaan irra deebiin kontiraata haaraa deebisee mallatteesse.
Ruuben Amooriim waa'ee isaa yoo ibsu taphataa jabaadha. Garuu taphattoonni kaan waan garaa isa hin geenyeef baay'ee aara. Obsa hin qabu. Amala isaa kana osoo jijjiirrate ammoo leenjisaa jabaa tahuufis dandeettii qaba jedhe.

Madda suuraa, Getty Images
Fernaandes faayidaaf jecha kilaba isaa dhiisee bahuu diduu qofaan osoo hin taane isa qabu irraa kennuun beekama.
Poorchugaal keessatti ijoollee harka qalleeyyii gargaaruun beekama.
Karaa dhaabbata gargaarsaa 'Make-A-Wish Portugal' jedhamuu fi 'Casa Ronald McDonald' jedhamuu deeggarsa guddaa kennaa ture.
Maatii ijoolleen isaanii akka malee jalaa dhukkubsachuun kunuunsuuf jecha dhaabbilee tola ooltotaan deeggaraman cina dhaabbachuun beekama.
Maallaqaan qofa osoo hin taane qaamaanis deemuun isaan jajjabeessuun taphataa beekamudha. Ijoollee hir'ina qaamaa qaban mana barumsaatti deemee dubbisuu, galii walitti qabuu fi jajjabeessuun beekama.
Yeroo dhibee weerara koroonaa keessas meeshaalee yaalaa karaa dhaabbilee hojii kana irratti bobba'anii gumaachuun beekama.
Buruunoon taphataa kubba miilaa haa tahu iyyuu malee barnoota biizinasii Yuunvarsiitii Poortoo irraa argateera. Buruunoon kubba taphachuu qofti gahaa akka hin taane himuun barachuun akkamiin kubba miilaa fi jireenya isaa gaggeessuufis akka isa fayyade dubbateera.
Qabeenya isaa bulchuu fi biizinasii keessattis qooda olaanaa bahachuuf hedduu isa gargaaruu dubbate.
Yeroo kubba irraa soorama bahus dhaabbilee gurguddoo mataa isaa banuun akka gaggeessuu barbaadu ibseera.












