Taphataa haati-warraa bakka kufee kaastee hanga Ballon d'Or kaadhimamuutti geessifte

Madda suuraa, EPA
Maqaa masoo 'The Mosquito' jedamuun beekama. 'Mosquito'n ammoo bookee jechuudha.
Maqaa warrisaa baasaniif ammoo Osmaan Dembeelee.
Maqaa Mosquito jedhuun akka beekamu kan isa taasise saffisaafi collummaa tapha keessatti agarsiisudha.
Osmaan Dembeelee Faransaay bakka Vernoon jedhamutti abbaa isaa Maaliirraa ta'eefi haadha isaa Faaxumaa jedhamtu hiddi dhalootashee Murtaaniyaa fi Senegaalirraa ta'erraa dhalate.
Dembeleen obbolaa dhiiraa lamaafi obbolaa durbaa lama qaba.
Obboleessi isaa angafti Sirikii Dembeelee akkuma Osmaan Dembeelee taphataa kubbaa miilaati. Obboleessi isaa quxisuun Hasan Dembeleenis kilaba Seltik keessa bara 2017 taphateera.
Caamsaa 1997 kan dhalate Dembeeleen amma umuriin isaa waggaa 28 yoo ta'u, yeroo umuriin isa waggaa torba jiru ture hiriyyaa isaa Musxafaa Diyaattaa jedhamu waliin kilaba ALM Evreux jedhamutti kan makame.
Dembeeleen taphattoota warra akka Deevid Beekhaam, Isteeven Jeerard fi Liyooneel Mesii ilaalaa waan guddateef, akka isaanii ta'uuf hawwaa ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dembeeleen kubbaa miilaan sadarkaa addunyaatti gurra horatee hanga badhaasa guddicha Ballon d'Or'f eegamurra osoo hin ga'iin Faransaay hanga Jarmanii, Jarmanii hanga Ispeen; Ispeen irraa ammoo hanga bakka har'a jiru PSGtti bu'aa ba'ii hedduu dabarseera.
Daa'imummaarraa kaasee jaalala kubbaa kan qabu Dembeeleen, kennaa addaa kubbaa miila lamaaniin (bitaafi mirgaan) walqixa taphachuu danda'uun taphataa addaa, saffisa addaa qabudha.
Ija kilaboota gurguddoo keessa galuuf Dembeelee yeroo dheeraa itti hin fudhanne.
Kilaboonni Faransaay warri akka Le Havre fi Caen fudhachuuf barbaadanis, boodara kan mo'ate garuu Rennes kilaba jedhamu ta'e.
Kilabiin Rennes Dembeelee kan isaa godhate kun maatiin isaa — haadha isaa Faaxumaa, obbolaan isaa dhiiraa lamaafi obbolaan durbaa lamaan akka isa gargaaraniif walumaan gara magaalaa kilabichi keessatti argamu Brittany geesseef.
Boodarra dandeettiin Dembeelee kilaboota gurguddoo Awurooppaa hawwatee, kilabiin Bondosliigaaa Jarmanii Boorshiyaa Doortimoond akka fudhatu taasise.
Dembeleen Doortimoond keessatti taphattoota Awubaamaayaang fi Maarkoo Re'uus waliin walitti qindaa'anii bara jalqabaa bareedaa dabarseera.
Haata'u malee, milkaa'inni isaa bara itti aanu Doortimoond keessatti akka bara duraa ta'uu didee achi keessa turuuf obsa isa dhorke.
Turtii walxaxaa Baarseloonaa...
Taphataa sarara duraa kan ta'e Dembeleen, bara 2017 Boorsiyaa Doortimoond irraa Paawondii miliyoona 135n Baarseloonaaf yeroo mallatteessu addunyaarratti taphataa qaalii sadarkaa lamaffarraa jirudha.
Baarseloonaanis baasii seenaa kilabichaa keessatti rikkardii haaraa ta'e baasuun ture yeroo umuriin isaa waggaa 20 ture kan isa fudhate.
Baarseloonaa akkuma demeen torban tokko booda leenjisaan kilabichaa yeroo sanaa Zhaavii Hernaadeez, "sirrittti abbaa itti gargaarameef taphataa addunyaarratti tokkoffaadha," jechuun isa dinqisiifate.
Ji'a laman booda garuu sababa Baarseloonaan rakkoo maallaqaa keessa galeef Dembeeleen kan duraan turerraa kontiraati isaa hir'famee akka fudhatu, yoo didee ammoo akka gadhiisu itti himuun garicha keessaa isa hambise.
Bara 2021 garuu pirezidantiin Baarseloonaa Yohaan Laaportaa Dembeeleen "Kilaan Imbaappee ni caala'' jedhee jajatee ture.
Akkas ta'ees garuu, rakkoo kilabichi keessa tureefi amaloota tokko tokko Dembeleen agarsiisaa turerraa kan ka'een, turtiin isaa waggaa ja'aa Baarseloonaa gufuun kan itti baayyate ture.
Taphataa maallaqa guddaa hanga kana ga'uun jijjiiramee dhufe rakkoo miidhamuufi amala shaakalarratti barfachuu waliin walqabatee qubni akka isatti qabamu taasiseera.
Bakka guddaatti osoo abdatamaa jiruu imalli kubbaa miilaa isaa awwaalamuuf 'boolla qarqara' gahe.
Baarseloonaa keessatti qofa Dembeleen rakkoo miidhaa maashaa waliin walqabate si'a 14 isa mudatee ture. Sababa kanaan ammoo turtii isaa Niiwu Kaampiin guyyoota 784 tapharraa hafeera.
Naamusaafi amala badaa inni agarsiisaa dhufes, Baarseloonaan hanga nama nyaata bilcheessuuf kophaatti qacaruutti geessisee ture.

Madda suuraa, Getty Images
'Riimaan Dembeleef haadha warraa oli'
Haata'u malee, jechamni 'nama jabaa tokko duuba dubartiin jabduun jirti' jedhu sun Osmaan Dembeleef hojjeteera.
Haati warraa isaa cimina kubbaa miilaa inni qabu deebisee akka gonfatu hedduu gargaarte.
Mudde 2021 shamarree Morookoo miidiyaa hawasaarratti hordoftota miliyoonaan qabduufi dhiibbaa uumuun beekamtu Riimaa Edbooch jedhamtu waliin gaa'ela godhate. Fulbaana 2022 ammoo micaa intalaa godhatan.
Erga gaa'elaan jiraachuu jalqabee ciminni Demebelee deebiyee fooyyaa'aa dhufe. Jireenya isaa keessatti dirree irratti dadhabee yeroo manatti galu gammachuufi aara galfiin mana keessatti isa eegu isa gargaareera jedhu hiriyyoonniifi namoonni isa waliin hojjetan.
Kilaba hawwii ijoollummaasaa ta'e Baarseloonaa erge deemee Dembeleen wagga muraasaan booda dandeettiin isaafi dhatamni isaa baayyee hir'achaa deeme.
Turtiin isaa Ispeen miidhama irra deeddeebiin isa mudatuun, maallaqa guddaa itti ba'e deebisaa hin jiru jedhamuun jibbame. Dandeettiin taphataa dargaggeessa kanarraa eegame bakkaa badaa dhufe.
Namni dur dirree irratti isa arguu barbaadu, gara dirreerraa isa dhabuu hawwuutti ce'e. Seenaan kubbaa miilaa isaa bakkaa baduutti dhiyaate.
Amma jijjiiramni tokko taphataa kanaaf dhalachuu qaba. Dubartii tokkoti argame. 'Aagee Aagaaf' dhufte taateef intalli Morookoo Riimaa. Osoo jireenyi isaa irraan gadee sigigaachaa jiruu 'Rabbi fidee jireenya isaa gidduu akka seentu godhe'.
Mudde 2021 Dembeleen haadha warraa isaa miidhagduu cidha dhuunfaamatti akkaataa sirna amanataa Islaamaan qophaafataniin wal fuudhan.
Miidyaa hawaasaa kan akka Tik Tok fi Instagram irratti hordoftoota hedduu kan qabdu Riimaan, dhiibbaa uumuun beekamtuudha.
Dembeelees ta'e Riimaan waa'ee michuummaafi jaalalaa isaan baayyee baasanii hin mul'ifatan. Isheen ammoo fuulasheeyyu baayyee hin mul'isu.
Suuraawwanis ta'e viidiwoowwan Dembeelee waliin qabdu Tik Tok irrattis ta'e Instagram isheerratti hin maxxansitu.
Wantota isheen maxxansitu harki caalaan waa'ee faashiniifi omishaalee miidhaginaafi faayaasheeti.
Erga gaa'ela godhatanii wanti ta'e ajaa'ibadha. Erga bultoo ijaarratanii Dembeleen taphataa biraa ta'e.
Miidhamuun duraan itti baayyate ni xiqqaate; osooma Baarseloonaa keessa jiruu gara goolii lakkoofsisuuttis deebiye.
Kun ammoo callisee mudannoo tasaa qofa miti. Haati warraa isaa jireenyi isaa akka jijjiiramu gooteetti.
Namoonni naannoo isaa jiranis erga gaa'ela dhaabbatee baayyee fooyyaa'aa dhufuu taajjabuu jalqaban. Naamuusa nama ajaa'ibu irratti argamaa dhufe. Hojii isaarratti dhimmee xiyyeeffachuun irraa mul'ataa deeme.
Duraan gara leenjii barfatee deemuun kan komataamaa ture, Dembeleen dursee argamuu jalqabe.
Deeggartoonnis jijjiirama Osmaan Dembelee agarsiise hubachaa deeman.
Deeggartoota keessaa tokko fuula X irratti akkas jechuun barreesse, "akka yaada kootti miindaa Dembelee gar-tokko haadha warraa isaaf kennaan jedha. Erge fuudhee kaasee inni guutummaatti nama biraa ta'eera. Kana gochuun ala filannoo biraa hin qabnu."
Deeggaraan biroo ammoo akkas jedhe: "Rabbi dubartii Dembeleetti eerumte haa eebbisu. Namni kun amma nama addaa ta'e. Akkamitti kubbaa mijeessaa!"
Leenjisaan isaa Baarseloonaf taphachuun gurra guddaa qabu Zhaaviinis jijjiirama Dembeleen agarsiisaa dhufe hubachuun 'Osmaan Dembelee haaraa argaa jirra' jechuun osoo walirraa hin kutiin dinqisiifachaa ture.
Wantichi Baarseloonaan leenjisaa dhuunfaa Riimaa jedhamtu Dembeleef addatti kan qacare fakkaata. Sababiin isaa ammoo waan isheen ni ta'a jette abbaa warraasheef ni hojjeta.

Madda suuraa, Getty Images
Faallaa akka itti Ispeen keessatti ilaalamuu...
Osmaan Dembeelee ofitti amanamummaa dhabee hin beeku. Waa'ee kubaa miilaa yeroo hunda garaa isaarraa jaallata. Kanaan osoo jiruu Hagayya 2023 gara Paaristti deebiyee PSG keessatti akka milkaa'uu danda'u amansiiseera; isayyu ammo osoo Imbaappeen achi jiruu ture.
Ganna darbe erga Imbaappeen deemee manaajerri PSG Luwiis Enerikee garee kana keessa Imbaappeen waan hin jirreef goolii caalaan Dembeleerraa akka barbaadu itti hime. Kun ammoo kubbaa mijeessee kennuu caalaa akka goolii baayyisee yaalu isa godheera.
Kanaan ammoo milkaa'uun PSGf bu'aa buusee kilabichi seenaa isaa keessatti waancaa Shaampioons Liigii Awurooppaa akka mo'atu taaiseera.
Liigi 1 Faransaay bara kanaas PSG waliin injifateera. Neeshins Liigii Faransaay Ispeeniin mo'amterrattis ga'umsa gaarii agarsiiseera.
Osmaan Dembelee amma akka Ispeen keessatti kufee ka'uun beekamutti hin jiru. Faransaay keessatti faallaa sanaa goota biyyi leellistu ta'eera.
Osmaan Dembelee yeroo baayyee cinaa mirgaan taphata. Gama cinaa bitaarraanis taphachuu ni danda'a.
Amma ammoo akka taphataa sarara duraan kubbaa fudhatee goolii lakkoofsisuutti bu'aa gaarii buusaa jira.
Taphataan kun badhaasa kubbaa miilaa guddicha Ballon d'Or Fulbaana keessa gaggeeffamurratti taphattoota mo'achuu malu jedhamanii maqaan isaanii ka'aa jiru keessaa durarra jira.
Ni milkaa'aa? Geenyee ilaalla.












