Gaardiyoolan badhaasa digrii kabajaa kennameef irratti waa'ee Gaazaa imimmaanin dubbate

Peep Gaardiyoolaa

Madda suuraa, Tom Flathers/Manchester City FC

Ibsa waa'ee suuraa, Peep Gaardiyoolaa sirna badhaasa digrii kabajaa kennameef irratti haasaa yeroo taasisu

Leenjisaan kilaba Maanchestar Siitii Peep Gaardiyoolan waraanni Gaazatti gaggeeffamaa jiru "na yaaddessa" jechuun miira keessa seenee dubbate.

Gameessi ganna 54, kun waa'ee waraana Gaazatti deemaa jiruu ilaalchisee gaddi itti dhagamuu kan dubbate sirna badhaasa doktireetii kabajaa Yuunivarsiitii Manchestar irraa kennameef irratti haasaa taasiseeni.

Peep Gaardiyoolan guyyaa har'aa Yuunivarsiitii Manchestaritti argamuun badhaasa kennameef yeroo fudhatu ijji isaa imimmaanin guutee waa'ee Gaazaa dubbate.

"Waanti Gaazatti argaa jirru nama dhukkubsa. Waanti ifa ta'uu qabu, [kuni] waa'ee ilaalchaa miti. Waa'ee ani sirriidha, atimmoo dogoggora jechuus miti.

Waa'ee lubbuu namaa jaalachuuti, waa'ee ollaa keef dhimmuuti," jechuun miiran dubbate.

Wa'ee ijoollee Gaazatti sababa waraanan du'aa jranii yoo dubbatu, "kan ittaanu ijoollee keenya ta'uu danda'u" jedhe Gaardiyoolan.

"Ijoollee dhiirafi dubaraa waggaa afurii ajjeefamaa jiran ykn hospitaala keessatti ajjeefaman ilaallee dhimma keenya miti jennee dhiisuu dandeenya.

"...garuu itti yaadaa. Kan ittaanu ijoollee keenya. Ijoollen waggaa afurii ykn sadii ittaanu duutu kan keenya ta'uu danda'u. Dhiifama, ijoollee koo: Maariyaa, Maariyoos fi Valeentiinatu natti mul'ata.

Erga [waraanni balaafamaan] kun eegalee as ganama yeroo hunda ijoollee Gaazaa gaafan ilaalu baay'een yaadda'a."

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gaardiyoolan ilaalcha siyaasaa qabu ifatti dubbachuuf nama duubatti jedhuu miti. Siyaasa warri Kaataloonaa Ispeen irraa fottoquuf taasisan akka deeggaru yeroo garaa garaatti ifatti dubbateera.

Lammii Ispeen ta'us Baarselonaan [warri Kaataloonaa] Ispeen irraa akka foxxoqan ifatti deeggara.

Bara 2018 namoota Baarseloonaa fottoqsuufi jechuun Ispeenitti hidhaman deeggaruuf jecha, mallattoo keelloo godhatee dirree seenuu isaatin Waldaan Kubbaa Miilaa paawundii 20,000 isa adabee ture.

Sana dura bara 2017 keessa hiriira guddaa Walabummaa Baarseloonaaf magaalaa Baarseloonatti gaggeeffame irratti hirmaatee ture.

Gama biraan ammoo turtii waggaa sagalii kilaba Maan Siitii keessatti taasiseen waancaa 18 argamsiisuu isaan Yuunivarsiitii Manchestar irraa digrii kabajaa har'a argatee jira.

Milkaa'ina leenjisummaan argateen dabalatatti hojii maatin isaa hawaasa keessatti hojjatan badhaasa kanaaf akka sababaatti ka'a.

Dhaabbanni Guardiola Sala Foundation jedhamu "hawaasa harka qaleeyyii gargaarun" kan beekamuudha.

Gaardiyoolan sirna badhaasaa har'a, Waxabajjii 10, gaggeefame irratti waa'ee waraana Gaazaa qofa osoo hin taane, waraana Yukireenifi Sudaan keessatti gaggeeffamuun gaddi akka itti dhafahamu dubbate.

Waraana Gaazaa keessatti gaggeeffamu ilaalchisee Peep Gaardiyoolaa qofa osoo hin taane, kanaan duras taphattoonnifi leenjistoonni garaa garaa mormii waraana Gaazaafi deeggarsa uummata Filisxeem Gaazaa keessaf qaban ibsaa turan.

Bara 2023 keessa, taphataa Liivar Puul kan ta'e Mohaammad Saalaa ajjeechaan namoota nagaa Gaazatti taasifamu akka dhaabatuuf hawaasa addunyaaf waamicha godhee ture.

Baruma 2023 keessa taphataan lammii Neezarlaandis Anuwaar El Gaazii yaada Filisxeemota deeggaru miidiyaa hawaasaa irratti waan maxxanseef kontiraanni inni kilaba Meeyinz waliin qabu adda cite.

Ergasii gara kilaba Kaardiif Siitii kan imale El Gaaziin, bara darbe mindaasaa irraa yuuroo 500,000 ijollee Gaazaf arjoomee ture.