Injifataan Ballon d'Or akkamiin adda baha?

Madda suuraa, Getty Images
Ballon d'Or kubbaa miilaa keessatti badhaasa isa guddaadha. Badhaasicha bara baraan kan qopheessu ammoo barruu kubbaa miila abeekamaa Faransaayi.
Badhaasichi kubbaa miilaan warra ciccimoo ta'an ramaddii adda addaan filata.
Injifataan kan filatamu sagalee akka lamaan kennamuuni.
Jalqaba gaazexeessitootni kubbaa miilaa barruun L'Equipe fi kan barruu kana waliin hojjetan kaadhimamtoota jalqabaa 30 filatu.
Ulaagaan jalqabaa gahumsaafi milkaahina taphattootni kun bara darbe galmeessaniidha.
Filannoo jalqabaa keessatti taphattotni durii muraasnis hiree qabu.
Achii booda biyyoota addunyaa 100 FIFA sadarkaa baasuuf keessaa gaazexessitootni tokko tokko filatamanii taphattoota kaadhimaman 30f sadarkaa 1-10 kennu.
Taphattootni filataman 10 sadarkaa sagalee argataniin qabxi 15-1 argatu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sadarkaan gaazexessitoota 100 hundi sassaabamee wayita raawwatu qabxiin ttaphattootni kaadhamiman argatan walitti ida'amee inni qabxii olaanaa argate injifata ta'a.
Warra hafaniif ammoo sadarkaan hanga 30 kennamaaf.
Taphattootni qabxii walqixaa yoo fidan gaazexessitoota hedduudhaan sardarkaa jalqabaatti kan filatame hiree tokkoffaa ta'uu argata. Sanaanis qixxee taanaan yeoo meeqa sadarkaa lammataan filataman kan jedhutu ilaalama. Akkasuma jechaa deema.
Gaazexessitootni sagalee kennan qabxiilee sadan kana akka ilaalcha keessa galchan gorfamu:
1. Gahumsa dhuunfaa, gahee murteessaa bahaniifi waan kana fakkaatu
2. Gahumsa gareefi milkaahina argate
3. Amala gaarii taphataa sanii
Akkaataan filannoo taphataa cimaa addunyaa bara 1956 yeroo duraaf itti kennamerraa kaasee baroota gidduutti jijjiirameera.
Hanga bara 1995tti taphattoota Awurooppaa qofatu badhaasa kanaaf dorgimuu danda'a ture.
Ergasii waggoota 12 darbaniif taphataa iddoo fedhetti dhalate garuummoo Awurooppaa keessa kilaba jiruuf taphatuutu filatamuu danda'a ture.
Erga bara 2007 ammoo taphataan addunyaa guutuurra jiru dorgomuu akka danda'u murtaa'e.
Bara 210 hnga 2015tti Fifa kubbaa miilaa Faransaay waliin ta'uun badhaasicha maqaa Fifa, Fifa Ballon d'Or jedhuun kennaa ture.
Erga bara 2015 garuu Fifa'nis badhaasa mataasaa kennuu eegale.
Sababa baroota dheeraaf kennamaa tureef Ballon d'Or, badhaasa isa kabajaa guddaa qabu ta'ee ilaalama.
Eenyutu yeroo hedduu injifate
Yeroo saddeet Ballon d'Or kan injifate Liyooneel Mesiitu hunda caala badhaasicha yeroo hedduu mo'ate. Yeroo saddeet injifateera.
Morkataansaa Kiristiyaanoo Ronaaldoon ammoo yeroo shan injifateera.
Huwaan Kiraayiif, Miisheel Pilaatiiniifi Maarkoo Vaa Baasten ammoo yeroo sadi sadii injifataniiru.
Afireedoo di Istifaanoo, Firaanz Beekenbaawuur fi Ronaaldoo Nazaariyoon fa'aa ammoo warra yeroo lama lama warra injifatan keessaayi.
Komii badhaasicharratti ka'u
Yeroo dheeraaf komiin badhaasicharratti ka'aa ture taphattoota jifattootaa fi taphattoota sarara gidduu ta'an irratti xiyyeefata kan jedhuudha.
Seenaa keessatti ittistoota lama Beekenbaawuuriifi Faabiyoo Kanavaaroo qofatu badhaasicha injifate. Goolii eegaa keessaa ammoo Leev Yaashiin qofa.
Qeeqni inni biraan ka'u gaazexessitootaan qofa kan filatamu ta'uudha. Leenjistootni fi ogeeyyiin kubbaa miilaa biroon hirmaachuu dhabuudha.
Badhaasa bara 2025 kanaaf warri morkatan ijoon eenyu?
- Osmaan Dembeelee (PSG/Faransaay, Jifataa, 28)
- Giyaanluujii Doonaaruumaa (PSG/Xaaliyaan, Goolii eegaa, 26)
- Dizaayeer Duuwee (PSG/Faransaay, Jifataa, 19)
- Haavichaa Kavaariskeeliyaa (PSG/Joorjiyaa, jifataa, 24)
- Kiiliyaan Imbaappee (Riyaal Maadriid/ Faransaay, Jifataa, 26)
- Laawutaaroo Maartiineez (Intar/Arjentiinaa, Jifataa, 27)
- Peedrii (Baarseloonaa, Sarara gidduu, 22)
- Raafiinaa (Baarseloonaa/ Biraaziil, Jifataa, 28)
- Mohaammad Saalaah (Liiverpuul/Masrii, Jifataa 32)
- Lamiin Yamaal (Baaarseloonaa/ Ispee, jifataa, 17)












