'Erga Duuween argamee maaltu Imbaappee yaadata?', qaxaleen PSG kun eenyu?

Desire Duuwee umrii kanaan tapha xumuraa Chaampiyoonsi Liigi irratti goolii lama galchuun rikardii qabateera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Disaayer Duuwee umrii kanaan tapha xumuraa Chaampiyoonsi Liigi irratti goolii lama galchuun rikardii qabateera

Disaayer Duuwee Onkoloolessa darbe tapha Arsenaal waliin taphatan irratti daqiiqaa 64ffaarratti wayita dirreedhaa ba'u miirri isaa gaarii hin turre.

Ji'a saddeet booda amma kunoo waancaa guddichi Awurooppaa harka PSG gale, hanga waancaa bira ga'anitti adeemsa ture keessatti oladeemaan kun ga'umsa ajaayibaarra ture.

Dandeettii ajaayibsiisaa dorgommiiwwan darban fi kan xumuraa irratti agarsiiseen qalbii Awurooppaa fi addunyaa hawwateera- taphataan umrii waggaa 19 kun.

Duuween wayita Arsenaal dirree isaa Emireetis irratti PSG goolii 2 fi 0 dhaan injifatu baayyee gaddee ture.

Ergasii kutannoo fi cichoomina agarsiiseen leenjisaa Luwiis Enrikee biratti taphataa filatamaa ta'uu danda'e.

Wayita PSGn istaadiyeemii isaa Parc des Princes irratti Maanchistar Siitii goolii 4 fi 2n injifatu ga'umsi Duuwee ajaayiba ture.

Tapha Liiverpuul waliin taphatan irrattis dandeettii ajaayibsiisaa agarsiise. Akkuma jijjiiramee galeen kubbaa gooliif ta'u mijeessee kenne, isa booda xumura irratti rukuttaa adabbii kilabichi ittiin mo'ate lakkoofsise.

Dandeettiin isaa ittuma caalaa deeme. Tapha nuusa xumuraa marsaa jalqabaa PSGn goolii 3 fi 1n Aston Viilaa mo'aterratti goolii walqixxeessitu kan galche isa ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Garuu taphataan kun qalbii addunyaa kan hawwate tapha xumuraa Waancaa Shaampiyoonsi Liigii Muunikitti taphatame irratti.

Wayita kilabni isaa morkataa isaa Intar Miilaaniin goolii hedduu 5 fi zeeroodhaan mo'atu Duuween hirmaannaa goolii sadi keessaa qaba. Goolii lama galchuun kubbaa tokko ammoo akka gooliif ta'utti mijeessee kenne.

Kanaanis maqaansaa guddoo faarfame, afaan nama hundaa keessaa kan ba'u maqaasaati, kana Osmaan Dembeelee caalaayyuu.

Duraan waancaa Piriimer Liigii Ingilaand injifatee kan beeku Kiriis Suutan ''halkan guutuun kansaa ture, taphataa addaati. Taphataa oladeemaa dandeettii ajaayibaa qabu,'' jechuun ibse.

''Erga Disaayer Duuwee argattee eenyutu Imbaappee barbaada?'' jedhe dabaluun.

Duuween umriisaa waggaa 19 fi guyyaa 362tti taphataa yeroo jalqabaaf dorgommii Chaampiyoonsi Liigii isa xumuraa irratti goolii lama galche ta'uun rikardii qabateera.

Kanaan dura bara 1962 taphataan Eusebio jedhamu umriisaa waggaa 20 fi guyyaa 97tti tapha xumuraa Chaampiyoonsi Liigii irratti wayita kilabni isaa Benfikaan Riyaal Maadriid waliin taphatetti goolii lama galchee ture.

Duuween tappha xumuraa irratti yeroo 41 kubbaa tuqe, kana keessaa lama kan ittiin goolii galchedha.

Kanaan alatti dandeettii addaa agarsiisuun deeggartoota kilabichaa akkaan boonseera, gammachiiseera.

''Kana ibsuuf jechootan dhaba, yeroo addaa ture. Jecha hin qabu,'' jedhe oladeemaan kun tapha booda.

Dhalataan Angers kun bara taphaa darbe Rnnes keessa wayita turetti taphataa itti amanamee kubbaa jalqabarraa eegalee taphatullee hin turre.

Bara taphaa kana PSGn bakka taphataasaa Kiliyaan Imbaappee guutuuf jecha hojii hojjeteen Disaayer Duuwee paawondii miiliyoona 43n fidate. Iddoon kun bakka milkii isaaf ta'e.

Duuween umriisaa kanatti taphataa jabaa akkaan abdatamu akka ta'uuf bu'uura kan ta'aniif obboleessaa fi durbii isaati.

Taphataan umrii waggaa 22, obboleessi Duuwee, Guela jedhamu duraan Rennes keessa kan ture yoo ta'u ammaan tana Strasbourg keessa taphata.

Durbiin isaa Yann Gboho jedhamu ammoo yeroo ammaa taphaa cimaa sarara gidduu kilaba Toulouse.

Taphataan maatii Faransaay fi Aayivoorii Koost irraa dhalate kun tapha biyyoota Awurooppaa nuusa xumuraa Bitootessa darbe keessa Kirooshiyaa waliin taphatan irratti tapha guutuu galee taphate.

Tapha sana Faransaay goolii 2 fi 0 dhaan Kirooshiyaa injifatte, goolii tokko kan galche ammoo taphataa kana.

Obboleessi isaa Guela jedhamu tapha intarnaashinaalii irratti inni guddoo beekama, Ayivoorii Koost akka waancaa injifattuuf shoora olaanaa gumaacheera.

Obboloonni kunneen horodoffii fi deeggarsa abbaasaanii Maho jalatti kubbaa miillaan akkas milkaa'an.

Abbaan guyyuu isaan waliin hojjeta. Wayita isaan Rennes keessa turan kilabichaan alatti yeroo shaakala dabalataa mijeessuufiin qopheessaa ture.

Ammallee dandeettii fi ga'umsa isaanii gabbisuu keessatti tumsaa jira.

Disaayer Duuwee PSG waliin wayita waancaa Chaampiyoonsi Liigii injifatu haala kanaa gammachuu ibsate

Madda suuraa, Getty Images

Wayita PSGN taphataa kana maallaqa hanga kanaan bitu namni hedduun ija shakkiin ilaalee ture, garuu warri Rennes gatii ilmasaanii waan beekaniif maallaqa bayeessatti geeddaratan.

Kanaan duras muuxannoo akkasii qabu. Waahila Duuwee yeroo ammaa kan ta'e Osmaan Dembeelee Boruushiyaa Doortimonditti, Eduwaardoo Kaamaaviingaa Riyaal Maadriiditti, Myths Tel ammoo Baayer Muunikitti haala kanaan gurguranii beeku.

Kilaboonni Ingilaand kanneen akka Arsenaal, Chelsii, Tootanhaam, Niwukasil fi Maanchistar Yunaayitid taphataa kana of harka galfachuuf fedhii guddaa agarsiisanii turan.

Garuu gurbaan filannoon isaa inni gara dhumaa PSG ykn Baayer Muunik ture.

Ogeessi kubbaa miillaa Faransaay Juuliyen Laawureensi akkas jechuun waa'ee filannoo Duuwee BBC Sport'tti himee ture.

''PSGn paawondii miiliyoona 34 kennuurratti jechan, Baayer Muunik ammoo hanga paawondii miiliyoona 50 kennuufiyyuu fedhii agarsiisee ture. Inni garuu PSG fedhe.''

Duuween xiyyeeffannaa keessa kan gale bara 2022 wayita Faransaay dorgommii Chaampiyoonshiippii waggaa 17 gadii Israa'elitti injifatte ture.

Waggaa lama booda bara dorgommiin Olompikii Paaris qophaa'u Faransaay goolii 5 fi 3n Ispeeniin mo'amtee turte, tapha sanarratti taphataan kun daqiiqaa 77ffaarratti jijjiiramee gale.

Dorgommii olompikii sun gurbaa oladeemaan kun tapha PSG akka suuta eegalu isa dirqamsiiseera.

Dorgommii dura taphoota turan irratti hirmaachuu dhabuun dhiibbaa irratti uumus bulchiinsi leenjisaa Luwiis Enrikee garuu akkaan isa fayyadeera.

Leenjisichi dandeettii taphataa oladeemaa kanaa dursanii waan hubataniif itti dhiheenyaan gorsaa, jajjabeessaa, leenjisaa turan.

Disaayer Duuwee bara kana tapha Chaampiyoonsi Liigii saddeet jalqabarraa eegalee taphate, saddeet ammoo jijjiiramee galuun taphate. Goolii shan galcheera, afur ammoo mijeessee kenne.